Atos 15
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yaa'ii Yerusaalemii
1Worri gariin biyya Yihuda'aa irraa gara Anxokiya'aa dhufee, «Akka Seerri Muuse'ee ajajutti haqanqabaa yoo qabatane malee, fayyuu hin dandeettanu» jedhaa dhugeeffattoota barsiisuu jalqabe. 2Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame.
3Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte. 4Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane. 5Golii worra Fariisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, «Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a» jedhane.
6Ergantootaa fi jaarsoleen dubbii tana ilaaliisaaf wolitti qabamane. 7Moromaa heddu'uun duuba Pheexroos ol ka'ee, «Obboleeyyan tiyya, worri Yihudoota hin te'in karaa kiyyaan Oduu Gammadaa dhage'ee akka dhugeeffatuuf, tanaan dura Waaqi isin keessaa akka na file hin beettan. 8Waaqi gadhaa namaa beeku, Ayyaana Woyyicha akkuma nu'uuf kenne, isaanille'eef kennee akka isaan fudhate dhugaa bayeef. 9Inni gadhaa isaanii dhugeeffanna'aan waan qulqulleesseef, nu'uu fi isaan wodhakka'atti garaa garummaa hin goone. 10Yoona ba'aa abbootii teennaalle te'e nuuti ba'atiisaaf hin dandeenne, qaacira dhugeeffattootaa irratti feetanee, maaf Waaqa haga ilaaltan? 11Nuutille akkuma isaanii, badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin akka fayyine hin dhugeeffanna» jedhe.
12Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette. 13Isaan dubbatanee fixataneen duuba Yaaqoob deebisee, «Obboleeyyan tiyya, na caqasa'a! 14Waaqi dursee kolbaa maqaa isaatiin waammantu keessaa filatiisaaf, worra Yihudoota hin te'in attam akka ilaale, Simoon nutti himeera. 15Dubbiin raagotaa yaada kana woliin guutumatti wolii galti; kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
16«‹Kanaan duuba ani hin deebi'a;
mana Daawitii ka jige hin ijaara;
diigama isaalle deebisee ijaaree,
adde'etti hin deebisa.
17Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu,
worri Yihudoota hin te'in
ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf,
Goottaan tana godhu akkas jedha.
18Kun duriin jalqabee ka beekkameeru› jedhu.
19«Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu. 20Addee akkasii, sagalee waaqotaaf dhikaatiisaan battootte hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; foon horii hudhamee du'ee akka hin nyaanne, dhiigalle akka hin nyaanne jennee, isaaniif barreessuu qanna. 21Duriin jalqabee Seerri Muuse'ee sanbata mara Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti dubbifameeraayyu; Jechi isaalle qachaa duudii keessatti lallabama» jedhe.
Xalayaa Dhugeeffattoota Yihudoota Hin Te'iniif Barreeffame
22Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filanee ergane. 23Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru:
«Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina. 24Nu keessaa worri gariin adoo nuuti isaan hin ajajin, gara keessan dhufanee, dubbii isinitti himaneen akka isin rakkisanee fi yaada keessan raasane dhageenneerra. 25Tanaaf wolitti qabanneen duuba, ifi keessaa namoota foonee, jaalota keenna Baarnaabaasii fi Phawuloos woliin gara keessan ergiisaaf wolii galleerra. 26Baarnaabaasii fi Phawuloos worra jiruu ifii Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiif dabarsee kenneeru. 27Woma nuuti barreessine, afaan isaaniitiin akka isinitti himanuuf, Yihudaa fi Siilaas isinii ergineerra. 28Waan barbaachisaa te'e malee, ba'aa dhibii akka isinitti hin feene, Ayyaana Woyyichaa fi nu'utti dansaa teetee mudhatteerti. Kunille: 29sagalee waaqotaaf dhikaatte hin nyaatina'a; foon horii hudhamee du'ee hin nyaatina'a; dhiiga isaalle hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; yoo waan kana duudii irraa ifi eegattane, waan dansaa gootan; nageyaan jiraadha'a.»
30Worri ergame ka'anee gara Anxokiya'aa gad bu'ane; achitti wolde'a dhugeeffattootaa wolitti qabanee, xalayaa san itti kennane. 31Dhugeeffattooti yennaa xalayaa dubbisane, ergaa jajjabeessitu saniin guddoo gammadane. 32Yihuda'aa fi Siilaas raagota waan te'aneef, dubbii heddu'uun dhugeeffattoota gorsanee jajjabeessane. 33Yihuda'aa fi Siilaas guyyoota diqqaa achi turaneen duuba, dhugeeffattootaan nageya wolitti dhaamanee, gara worra isaan ergee deebi'ane. [ 34Siilaas ammoo achitti hafiisaaf murteeffate.]
35Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota hedduu woliin te'anee, Jecha Gootta'aa barsiisaa, lallabaalle Anxokiyaa keessa turane.
Phawuloosii Fi Baarnaabaas Gargar Bayane
36Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, «Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla» jedhe. 37Baarnaabaas ammoo, Yohaannisiin Maarqoos jedhamu isaan faana akka deemu barbaade. 38Phawuloos ammoo, akka nami kun isaan woliin deemu hin eeyyanne; sababille inni Phamfiliya'atti hafee, gara huji'iille isaan woliin hin deenne. 39Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas wodhakka'atti wol dhab guddaan ka'ee gargar bayane; Baarnaabaas, Maarqoos ifi faana fudhatee, hoboloo gudditti'iin gara Qophiroosii deeme. 40Phawuloos ammoo, Siilaas filate; dhugeeffattootille badhaadha Gootta'aatitti Phawuloos magannee kennataneen duuba, inni isaan biraa deeme. 41Phawuloos wolde'a kiristaanaa jabeessaa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa keessa dabare.

Você sabia?
O concílio sobre os crentes gentios
- A controvérsia começou em Antioquia, às margens do Orontes, cerca de trezentas milhas ao norte de Jerusalém, cidade que então ocupava o terceiro lugar entre as cidades do Império Romano, depois de Roma e Alexandria. A caminho do concílio, Paulo e Barnabé passaram pela Fenícia, uma faixa litorânea de cerca de cento e vinte milhas, e pela Samaria. Uma nota cronológica data o Concílio de Jerusalém em 46 d.C.Fontes: Antioch (Syria) · Phenicia · o próprio texto bíblico · Jerusalem Council
- O Easton's Bible Dictionary (1897) afirma que Tiago, a quem chama de irmão ou parente próximo de Jesus, dirigia a igreja em Jerusalém e presidiu o concílio sobre os gentios. A carta que se seguiu foi endereçada aos crentes gentios em Antioquia, na Síria e na Cilícia. A Cilícia, província de origem de Paulo e província marítima romana no sudeste da Ásia Menor desde 67 a.C., incluía sua cidade natal, Tarso.Fontes: James (Brother of Jesus) · o próprio texto bíblico · Cilicia · Paul
- Judas, chamado Barsabás, e Silas, também conhecido como Silvano, eram profetas e homens de destaque da igreja de Jerusalém, enviados para confirmar pessoalmente a decisão do concílio. Um desentendimento posterior e acirrado por causa de João Marcos, primo de Barnabé, separou os dois missionários: Barnabé levou Marcos e embarcou para Chipre, enquanto Paulo escolheu Silas. Uma nota cronológica data essa separação em 47 d.C.Fontes: o próprio texto bíblico · Silas · John Mark · Paul and Barnabas part ways
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Antioch · Hoje: Antioch on the Orontes · 36.227, 36.172 · versículos 1, 22, 23, 30, 35
- Judea · Hoje: Judea 1 · 31.777, 35.234 · versículo 1
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 3, 4, 22, 23, 33
- Phoenicia · 33.271, 35.196 · versículo 3
- Samaria · Hoje: Samaria 2 · 32.276, 35.195 · versículo 3
- Cilicia · 36.913, 34.892 · versículos 23, 41
- Syria · Hoje: Syria 2 · 33.511, 36.306 · versículos 23, 41
- Pamphylia · 37.000, 31.000 · versículo 38
- Cyprus · 35.000, 33.000 · versículo 39
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org