Nations Bible

2 Timóteo 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Loltuu Dansaa Yesuus Kiristoosii

1Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu. 2Dhugaa baatota hedduu duratti waan na irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama'atti magannee kenni.

3Akka loltuu dansaa Yesuus Kiristoosiititti, rakkoo nu woliin fudhadhu. 4Nami hujii loltumma'aatiin tajaajilu tokko, ajajaa ifii gammachiisiisaaf mixiixxata malee, hujii dhibi'iin ifi hin hidhu. 5Akkasuma nami rukke'een doggomu tokko, akka seeraatitti yoo doggome malee, badhaasa injifanno'oo hin dhaggatu. 6Qonnaan bulaan elowee huju qooda midhaan sanii qara dhaggatuu qaba. 7Goottaan waan duudi'iin hubantii waan sii kennuuf, waan ani jedhu qalbeeffadhu.

8Akkuma ani Oduu Gammadaa keessatti lallabe, Yesuus Kiristoosii du'a keessaa ka'e, ka sanyii Daawitii keessaa dhalate, qaabadhu. 9Ani Oduu Gammadaa waan lallabeef akka yakkaamessaa hidhameelle rakkataa jira. Jechi Waaqaa ammoo hin hidhamu. 10Tanaaf, worri fooyame fayyinnaa fi ulfinna bara baraa ka karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufu akka dhaggatuuf jedhee waan duuchii hin ossadha. 11Dubbiin,

«Isa woliin yoo duune,

isa wolille'een jiraanna.

12Yoo ittuma ossine

isa woliin hin moona.

Yoo isa mormanne,

innille nu hin mormata.

13Yoo nuuti addatamuu dhanne,

inni waan ifi hin mormanneef,

addatamee jiraata» jettu tun dhuga'a.

Hojjataa Waaqaan Fudhatama Qabu

14Waan kana isaan yaadachiis, akka jechoota irratti wol hin mormine Waaqa duratti isaan seeri. Wonni kun worra dhage'u balleessiti malee, dansa'aa moti. 15Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri'itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu. 16Dubbii Waaqi ittiin hin ulfaannee fi marii gowwittii, ta Waaqa irraa nama fageessitu irraa fagaadhu. 17Barsiisi akkasii akka madaa foon nyaattee badhataa deentuu ti. Himnewoosii fi Filexoos worra dubbii akkasii dubbatane keessa jiran. 18Isaan karaa dhuga'aa lakkisanee, du'aa ka'uun kanaan dura teeteerti jedhaa dhugeeffannaa worra gari'ii balleessaaran. 19Teetuu malee hundeen Waaqi keye hin lellexxu; isii irratti, «Goottaan worra isaa ka te'e hin beeka», ammalle «Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hammeenna irraa deebi'uu ti» ta jettu barreeffanteerti.

20Mana guddaa tokko keessa mey worqii irraa yookiin meetii irraa hujame callaa adoo hin te'in, mey muka irraa yookiin faara irraa hujame hin jiraata; mey kun gariin ulfinnaaf, kuun ammoo tajaajila ulfinna hin qanneef te'a. 21Yoona worri waan hantuu duudii irraa ifi qulleessu, waan ulfinnaatiif te'a; sababille isaan fooyamanee, Goottaa isaaniitiif ka bu'aa qabanu waan te'aneef, hujii dansaa duudi'iif qophowaneeran. 22Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof. 23Moromaan gowwittiin bu'aa hin qanne lola akka fiddu waan beettuuf, irraa ifi eegadhu. 24Tajaajilaan Gootta'aa ka lolu te'uu hin qabu. Inni nama duudi'iif arjaa, dansa'aa fi barsiisaa ossataa te'uu qaba. 25Worra isa mormulle gadhi-laafinnaan gorsuu qaba. Akka isaan cubbuu irraa deebi'anee dhugaa beekanu, Waaqi carraa isaanii hin kenna fa te'a. 26Yoo san isaan qalbii ifiititti deebi'anee, tiyyoo Seexanaa ta isaan qaddee fedha isaatiif akka ajajamanu goote jalaa hin bayan.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Um mestre fiel sob pressão

  • Este capítulo adverte que a conversa de Himeneu e Fileto se espalha como gangrena: eles se desviaram da verdade ao dizer que a ressurreição já aconteceu e assim abalam a fé de alguns. O Easton's Bible Dictionary (1897) situa Fileto, com Himeneu, em Éfeso, e descreve essa afirmação, de que a ressurreição já havia ocorrido, como uma heresia gnóstica sustentada pelos nicolaítas.Fontes: o próprio texto bíblico · Philetus
  • O autor pede que se lembre de Jesus Cristo ressuscitado dentre os mortos e descendente de Davi, a mensagem que ele chama de seu evangelho. O Easton's Bible Dictionary (1897) descreve Davi como o oitavo e mais novo filho de Jessé, cidadão de Belém, cujo trabalho inicial era apascentar as ovelhas do pai nas terras altas de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · David
  • O serviço fiel é ilustrado com três imagens: um soldado que evita assuntos civis a fim de agradar a quem o alistou; um competidor que só recebe a coroa se competir segundo as regras; e um lavrador trabalhador, que deve ser o primeiro a participar da colheita. O autor também diz que sofre acorrentado como um criminoso, mas insiste que a palavra de Deus não pode ser acorrentada.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.