2 Samuel 5
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daawiti Mootii Israa'elii Te'e
1Gosi Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii dhufanee, «Nuuti dhiigaa fi foon keeti; 2kanaan qara, yennaa Saa'ol mootii keenna te'eerulle, nami Israa'eloota sooresse si'i; Mootiin Waan Maraalle, si'iin, ‹Kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa isaanille hin teeta› jedheeraayyu» jedhane. 3Maarre jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti gara Daawitii mootichaa dhufane; mootichi Daawiti Kebroonitti Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo godhate; isaanille Daawiti muudanee Israa'el irratti mootii godhane. 4Daawiti yennaa mootii te'e, nama woggaa soddomaa ti; inni woggaa afurtama bulche. 5Inni Kebroon keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a ja kolbaa Yihuda'aa bulche; Yerusaalem keessalle tee'ee, woggaa soddomii sad kolbaa Israa'elii maraa fi kolbaa Yihuda'aa bulche.
Daawiti Qachaa Yerusaalemii Qabate
6Mootichi Daawitii fi namooti isaa Yibusoota qachaa Yerusaalemii keessa le'anu loliisaaf itti duulane; Yibusooti, «Daawiti asi seenuu hin dande'u» jedhanee waan yaadaneef, Daawitiin, «Worri balla'aa fi naafinuu waan si dhoogganuuf, ati asi hin seentu» jedhane; 7te'uu malee Daawiti kushee Xiyoonii qabatee, addeen sun, «qachaa Daawitii» jedhante.
8Guyyaa san Daawiti, «Nami Yibusoota worra balla'aa fi naafa, diinota Daawitii injifatiisaaf barbaadu, xurree bisaan yaa'u ta lafa jalaatiin dabaruu ti» jedhe; kanaaf, «Balla'aa fi naafi mana mootumma'aa hin seenanu» jedhamane.
9Daawiti kushee Xiyoonii qabate san keessa le'ee, «Qachaa Daawitii» jedhee moggaase; inni kaabii, «Miiloo» jedhantuun kaasee itti naannessee gara keessaatitti kushee qacha'aa jabeessee ijaare. 10Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa deeme.
11Mootiin Xiiroosii Hiiraam namoota ifii muka hindheensa, worra muka bocuu fi worra dhakaa bocu woliin gara Daawitii erge; isaanille Daawitiif mana mootumma'aa ijaarane. 12Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.
13Daawiti qachaa kebrooniitii ka'ee gara Yerusaalemii deemeen duuba, achitti gursumeeyyi'ii fi niitota dhibii dabalee fuudhee, ilmaanii fi durri dhibiin isaaf dhalatane. 14Maqaan ilmaan isaa ka Yerusaalem keessatti isaaf dhalatane: Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 15Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa, 16Eliishaamaa, Eliyaada'aa fi Eliifelex fa'a.
Daawiti Filisxeemota Injifate
17Daawiti muudamee mootii Israa'elii akka te'e, Filisxeemoti yennaa dhageette, marti isaanii isa barbaadiisaaf bayane; Daawiti ammoo tana dhage'ee gara kushee ifii gad bu'e. 18Filisxeemotille dhufanee, dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane. 19Maarre Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate.
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Eeti'i, duuli, anille dhugumaan Filisxeemota harka keetitti dabarsee hin kenna» jedhe.
20Maarre Daawiti gara Ba'aal-Pheraaziimii dhaqee, achitti Filisxeemota lolee injifate. Inni, «Akkuma lolaan bisaanii jabaan ededa caccassu, Mootiin Waan Maraa diinota kiyya fuula kiyya duratti bittinneesse» jedhee, maqaa addee sanii, «Ba'aal-Pheraaziim» jedhe. 21Worri Filisxeemotaa waaqota ifii achitti lakkisanee waan baqataneef, Daawitii fi namooti isaa waaqota isaanii san fudhatane.
22Filisxeemoti ammalle dhufanee dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane. 23Maarre Daawiti Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Gara duubaatiin marsiitii mukoota harru'uu duratti isaan loli malee, fuula duraan itti hin dhaqin. 24Qaccee mukoota harru'uu gubba'atti hirba duulaa yennaa dhageette, ani Mootiin Waan Maraa loltoota Filisxeemotaa loliisaaf si'iin dura waan bayeef, ariiti'iin gara duraa deemi» jedhe. 25Maarre Daawiti akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhee, worra Filisxeemotaa Giibe'onii haga Gezerii ari'e.

Você sabia?
Davi rei sobre todo o Israel e a conquista de Jerusalém
- Após reinar por sete anos e meio em Hebrom, Davi unificou Israel e conquistou a fortaleza montanhosa de Sião dos jebuseus. Ele renomeou a fortaleza como a Cidade de Davi e expandiu suas defesas a partir do Milo, ou terraços de sustentação.Fontes: o próprio texto bíblico · Zion · Millo · Hebron
- Hirão, rei da cidade costeira fenícia de Tiro, estabeleceu uma aliança com Davi enviando madeira de cedro, carpinteiros e pedreiros para construir um palácio real em Jerusalém.Fontes: o próprio texto bíblico · Hiram · Tyre
- Localizado a sudoeste de Jerusalém, o vale de Refaim serviu de base para as incursões filisteias assim que souberam que Davi havia sido ungido rei sobre todo o Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Valley of Rephaim
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Hebron · Hoje: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 1, 3, 5, 13
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 5, 6, 13, 14
- City of David · 31.774, 35.236 · versículos 7, 9
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 7
- Tyre · 33.271, 35.196 · versículo 11
- Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · versículos 18, 22
- Gezer · Hoje: Tel Gezer · 31.859, 34.919 · versículo 25
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org