Nations Bible

2 Samuel 15

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Abiishaalom Finqiliisaaf Mala Dhowate

1Kanaan duuba Abiishaalom garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo, namoota shantama isaan dura fiiganu qopheeffate. 2Abiishaalom ganama ka'ee karaa gara seensuma karra qacha'aa geessu cinaa dhaabbataayyu; eennulle nami haajaa qabu haajaa ifiitiif muraa dhaggatiisaaf gara mootichaa yennaa dhufu mara, Abiishaalom nama san waamee, «Ati qachaa kamii dhutte?» jedhee gaafata; nami sunille, «Ani tajaajilaan keeti gosa Israa'elii tokko keessaa dhufe» jedhee deebisa. 3Achiin duuba Abiishaalom nama saniin, «Ilaa, haajaan keeti dhuga'a; sirri'ille'e, te'uu malee nami bakka bu'aa mootichaa te'ee haajaa keeti si'iif ilaalu hin jiru» jedha. 4Abiishaalom itti dabalee, «Ani biyya irratti abbaa mura'aa adoo te'ee jiraadhee, nami haajaa qabu marti gara kiyya yennaa dhufe, ani muraa haqaa hin kennaayyu» jedha 5Nami isa bira geyee yennaa isaaf gad lafatti gombifamu, Abiishalom harka ifii diriirsee qabee, hin sunqataayyu. 6Abiishaalom Israa'eloota muraa haqaa dhaggatiisaaf gara mootichaa dhufanu maraaf tana godhee, Israa'eloota mara gara ifii deebifate.

7Woggaa afuriin duuba Abiishaalom mootichaan, «Waadaa Mootii Waan Maraatiif gale geessiisaaf gara qachaa Kebroonii akka dhaqu naaf eeyyam! 8Ani tajaajilaan keeti biyya Sooriya'aa qachaa Geshuurii keessa yennaa jiru, ‹Mootiin Waan Maraa gara Yerusaalemii yoo na deebise, ani Kebroonitti isaaf hin sagada› jedhee waadaa galeera» jedhe.

9Mootichille isaan, «Nageyaan dhaqi» jedhe; maarre Abiishaalom gara qachaa Kebroonii dhaqe. 10Achiin duuba Abiishaalom, «Isin qoonqoo tultulla'aa akkuma dhageettaneen, ‹Abiishaalom qachaa Kebrooniititti mootii te'eera› jedha'a!» jedhee ergantoota dhossa'aa gara gosa Israa'elii mara erge. 11Yerusaalem keessaa namooti dhibbi lama Abiishaalom woliin deemane; isaan akka keessummumma'aatitti waamamanee, qajeelumma'aan deemane malee marroo haajaa tanaa waan tokkolle hin beekanuuyyu. 12Abiishaalom ciincaa dhikeessiisatti adoo jiruu, Ahiitofel nami biyya Giloo ka Daawitiif gorsa kennutti gara isaa akka dhufuuf nama isatti erge; maarre malli Abiishaalom dhowe jabaatee, namooti isa gula deemanu ittuma bacatane.

Daawiti Yerusaalem Keessaa Baqate

13Ergamaan tokko dhufee, «Israa'elooti marti gara Abiishaalomii deebi'aneeran» jedhee Daawititti hime.

14Achiin duuba Daawiti bulchitoota ifii ta isa woliin Yerusaalem keessa jiranu maraan, «Nami tokkolle Abiishaalom jalaa bawuu waan hin dandeenneef, kowa'a hin baqanna! Ammumaa asii bawuu qanna; inni ariifatee dhufe yoo nu qabe, nu hin balleessa; namoota qachaa keessa jiranulle shallaaga'aan hin fixa» jedhe.

15Bulchitooti mootichaalle deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti waan ati goottaan keenna filatte mara godhiisaaf qophoonneerra» jedhane 16Mootichi Daawiti mana mootumma'aa akka eeganuuf gursumeeyyii kudhan lakkisee, maatii ifii maraa fudhatee baqate.

17Maarre mootichi namoota isa woliin jiranu mara woliin bayee deeme; haga diqqoo fagaatanee deemaneen duuba, mana dhuma irra jiru tokko bira dhaabbatane. 18Qondaaltoti isaa martinuu, Keretootii fi Pheletooti, worri qachaa Gaatii keessaa isa gula dhufanelle, namooti dhibbi jaa hiriiranee mootichaan dura dabarane. 19Mootichi Daawiti nama biyya Gaatii Iitaayiin, «Ati maaf nu woliin deenta? Ati nama ormaa ka biyya keetii ari'antee dhutte; Deebi'iitii Abiishaalomii mooticha woliin turi! 20Ati kalee dhutte; ani ifiifuu eessa akka deemaa jiru hin beeku; attamiin akka ati nu woliin joonjitu godha ree? Namoota keeti ta si gula jiranu woliinuu deebi'i; jaalalli bara baraatii fi addatamummaan si woliin jiraatanu» jedhe.

21Iitaayi ammoo deebisee mootichaan, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee! Lubbuu teetiin kakadha! Du'aa fi jiruulle'een addee maratti waan goottaan kiyya te'u mara, ani tajaajilaan keetille hin te'a» jedhe.

22Daawitille Iitaayiin, «Dansa'a! Naan dura deem» jedhe; maarre Iitaayi nami biyya Gaatii, namoota ifii maraa fi maatii ifii ta isa woliin jiranu woliin deeme. 23Kolbaan marti yennaa dabaranu, namooti biyya sanii marti iyyanee bowane; mootichille dhooqa Qedroonii gamatti bu'ee baye; kolbaan marti gama buutee baatee goomolee keessa deente.

24Hayyichi Zaadoq, Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ataneeranu mara woliin achi jiraayyu; isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa lafa keyane; hayyichi Abiyaataar kolbaan marti qachaa keessaa haga baatu ciincaa dhikeesse. 25Achiin duuba mootichi, hayyicha Zaadoqiin, «Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qacha'aa deebisi; ani Mootii Waan Maraa duratti fudhatama yoo qabadhe, inni na deebisee Saanduqa Gondooro'ootii fi addee leetoo ifii san ammalle akka ani dhaggu hin godha. 26Garuu inni, ‹Ani sitti hin gammanne› yoo jedhe, waan fedhe na irratti godhuu ti; anille fudhatiisaaf qophoweera» jedhe. 27Mootichi ammalle hayyicha Zaadoqiin, «Ati nama akka malee woy dooyuu motii? Ati ilma keeti Ahimaazii fi ilma Abiyaataarii Yonaataan woliin gara qacha'aa nageyaan deebi'i. Atii fi Abiyaataar ilmaan teessan lamaan san fudhadha'aatii deema'a. 28Ani oduu haga si irraa dhage'utti malkaa laga goomolee keessa jiruu bira tura» jedhe. 29Maarre Zaadoqii fi Abiyaataar Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fuudhanee gara Yerusaalemii deebi'anee achuma turane.

30Daawiti ammoo mataa hagooggatee bowaa miila duwwaa gara gaara ejersaa ol baye; kolbaan isa woliin jirtulle martinuu mataa hagooggattee bowaa ol baate. 31Achiin duuba, «Ahiitofel worra Abiishaalom woliin mala dhowe keessa jira» jedhanee Daawititti himane; maarre Daawiti, «Ee, Mootii Waan Maraa mala Ahiitofel dhowe san bu'aa akka hin qabaanne godhi» jedhee daadimate.

32Daawiti qaccee kooba namooti Waaqa waaqonsanuu yennaa geye, Hushaayi nami biyya Arkii woyaa ifii ta gaddaa tarsaasee, bukuu mataa ifii irratti firfirsee isa fudhatiisaaf dhufe. 33Daawiti isaan, «Ati na woliin yoo deente ba'aa natti teeta; 34garuu gara qacha'aa deebitee Abiishaalomiin, ‹Ee mooticha, ani tajaajilaa keeti si'iif hin te'a; ani kanaan qara tajaajilaa abbaa keetii te'eeraayyu; amma ammoo si hin tajaajila› yoo jette, mala Ahiitofel dhowe akka bu'aa hin qabaanne godhiisaan na hin gargaarta. 35Hayyooti Zaadoqii fi Abiyaataar si woliin achi waan jiranuuf ati waan mana mootumma'aa keessatti dhageette mara isaanitti himi. 36Ilmi Zaadoqii Ahimaazii fi ilmi Abiyaataarii Yonaataan lamaanuu isaan woliin achi jiran; waan dhageette mara karaa isaaniitiin natti ergi» jedhe.

37Maarre Hushaayi jaalli Daawitii yennuma Abiishaalom qachaa Yerusaalemii seene, innille achi geye.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A rebelião de Absalão e a fuga de Davi

  • Absalão minou a autoridade de Davi ao interceptar os cidadãos que buscavam justiça real junto à porta da cidade, prometendo equidade e conquistando a afeição popular. Ele então iniciou sua rebelião a partir de Hebrom, a antiga cidade onde Davi havia sido originalmente coroado rei de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · Absalom · Hebron
  • Apesar de ser estrangeiro da cidade filisteia de Gate, Itai, o geteu, permaneceu profundamente leal a Davi, recusando-se a abandonar o monarca em fuga juntamente com seiscentos de seus guerreiros e suas famílias.Fontes: o próprio texto bíblico · Ittai · Gath
  • Para neutralizar o formidável conselho estratégico de seu antigo conselheiro Aitofel, Davi enviou a arca da aliança e seu amigo de confiança Husai de volta a Jerusalém. Husai coordenou uma rede de espionagem dentro do palácio ao lado dos sumos sacerdotes Zadoque e Abiatar e seus filhos.Fontes: o próprio texto bíblico · Ahithophel · Hushai · Zadok

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Hebron · Hoje: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 7, 8, 9, 10
  • Aram · 33.511, 36.306 · versículo 8
  • Geshur · 32.767, 35.700 · versículo 8
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 8, 11, 13, 14, 29, 34, 37
  • Kidron · Hoje: Kidron River · 31.780, 35.240 · versículos 22, 23
  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 28
  • Mount of Olives · 31.778, 35.246 · versículos 30, 32

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.