2 Samuel 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daawiti Worra Amoonotaatii Fi Worra Sooriya'aa Injifate
1Kanaan duuba mootiin Amoonotaa duunaan, ilmi isaa Hanuun addee isaatitti mootii te'e. 2Daawiti, «Abbaan isaa naaf waan dansaa akkuma godhe, anille ilma Nahaashii Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee hede; maarre marroo du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanu, Daawiti namoota erge; namooti Daawiti erge gara lafa Amoonotaa yennaa dhufane, 3qondaaltoti Amoonotaa goottaa ifii Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiis, du'a abbaa keetiitiif gaddee seetaa? Namooti inni erge qachaa akka qorqoranee, dooyanee akka balleessanuuf motii?» jedhane.
4Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee areeda isaanii ka gara tokkoo irraa haadisiise; woyaa isaaniille haga hidha isaaniititti irraa cirsiisee isaan ari'e. 5Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, namooti guddoo waan fokkifataneeranuuf, «Haga areedi keessan latutti Yerikoo tura'aatii, achiin duuba deebi'a'aa kowa'a» jedhee namoota isaanitti erge.
6Amoonoti akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane, qachaa Bet-Rehoobiitii fi qachaa Zobaatiitiin loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma diddama, mootiin Ma'akaa namoota isaa kuma tokko woliin, qachaa Xoobii keessalle'ee namoota kuma kudhanii lama qaxaratane. 7Daawiti oduu tana yennaa dhage'e, loltoota lolaan beekkamane mara woliin Yo'aab erge. 8Amoonoti bayanee balbala seensuma karra qachaa isaanii duratti addee qabatane; worri Sooriya'aa ka qachaa Zoba'aatii fi ka qachaa Bet-Rehoobii akkasuma namooti qachaa Xoobiitii fi namooti Ma'akaa qofuu diida keessatti addee qabatane.
9Yo'aab duraa fi duubaan loltoota diinaatiin akka marfame yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee worra Sooriya'aa akka lolanuuf erge. 10Worra hafe irratti obboleessa ifii Abiishaayi ajajaa godhee Amoonota akka lolanuuf erge. 11Yo'aab obboleessa ifiitiin, «Worri Sooriya'aa yoo natti jabaate, ati na hin qarqaarta; worri Amoonotaa ammoo yoo sitti jabaatane ani dhufee si hin qarqaara. 12Jabaadhu! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiif jannuma'aan lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin godha» jedhe.
13Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isa woliin jiranu worra Sooriya'aa lolane; worri Sooriya'aalle isaan duraa baqate. 14Worri Sooriya'aa akka baqatiisatti jiranu worri Amoonotaa yennaa dhaggane, isaanille Abiisaayi duraa baqatanee qachaa keessa timane; maarre Yo'aab Amoonota loliisa lakkisee gara qachaa Yerusaalemii deebi'e.
15Worri Sooriya'aa akka Israa'elootaan injifatamane yennaa beekane ammalle wolitti qabane. 16Mootichi Hadaad-Ezer namoota ergee worra Sooriya'aa ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu akka fidanu godhe; isaan Shofaakii ajajaa loltoota Hadaad-Ezeriitii sooreffamanee gara qachaa «Helaam» jedhamuu dhaqane. 17Daawiti tana yennaa dhage'e, Israa'eloota mara wolitti qabee, Yordaanos gamatti bu'anee bayanee gara qachaa, «Helaam» jedhamu sanii dhaqane; worri Sooriya'aa hiriiranee Daawiti lolane; 18te'uu malee Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti namoota isaanii keessaa worra garreettaa fardaan harkifamu oofu dhibba torbaa fi loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese; inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese. 19Moototi Hadaad-Ezer tajaajilanu marti akka Israa'elootaan injifatamane yennaa dhaggane, Israa'eloota woliin wolii galanee isaan tajaajilane; maarre worri Sooriya'aa yennaa sanii jalqabanee worra Amoonotaa qarqaariisa sodaatane.

Você sabia?
A Guerra contra Amonitas e Arameus
- Quando o rei Hanom de Amom suspeitou que os emissários de Davi fossem espiões, ele os humilhou raspando metade da barba de cada um e cortando suas vestes na altura das nádegas. Diante de tamanha vergonha, Davi ordenou que permanecessem em Jericó até que a barba crescesse novamente.Fontes: o próprio texto bíblico · Hanun · Jericho
- Percebendo que haviam provocado a ira de Davi, os amonitas contrataram milhares de mercenários arameus de reinos como Bete-Reobe, Zobá e Maaca para combater Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Zobah · Maacah
- Diante de duas frentes de batalha—os amonitas junto à porta da cidade e os arameus em campo aberto—, Joabe dividiu o exército de Israel, liderando as tropas de elite contra os arameus e confiando o restante a seu irmão Abisai.Fontes: o próprio texto bíblico · Joab · Abishai
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 1, 2, 3, 6, 8, 10, 11, 14, 19
- Jericho · Hoje: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 5
- Maacah · 33.258, 35.581 · versículos 6, 8
- Zobah · 33.935, 36.151 · versículos 6, 8
- Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículos 9, 11, 13, 14, 17, 18, 19
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 14
- Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 16
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org