Nations Bible

2 Pedro 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Barsiisota Dharaa

1Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiisi dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan. 2Namooti hedduun karaa isaanii fokkisiisaa hordofan; waan isaan godhanuun ta kaate karaan dhuga'aa hin arraffama. 3Barsiisoti dharaa tun joljolummaa ifiitiin mammaassa ifuma keessaa fuudhaa dubbataa isin irraa nyaatan. Muraan bara duriitiin jalqaddee isaanii qophootteerti. Badiin isaaniille rattee hin jirtu!

4Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre. 5Akkasuma, Inni biyya lafaa ta durii, ta namoota Waaqa malee le'anuu irratti bisaan badi'ii fidee, Nohii waan balchumma'aa lallabe qofa, namoota dhibii torba woliin hambure malee, isii hin mararre. 6Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe. 7Inni Looxii balchicha, hujii fokkisiittu worra seera malee le'uutiin farraa le'u ammoo hambureera. 8Namichi balchaan sun yennaa odduu isaanii le'u hujii isaanii ta seera male'ee, ta dhagguu fi dhage'uun guyyuma guyya'aan lubbuun isaa balchittiin farraa turte. 9Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka; 10keessumattuu worra halchaa badduu fedha foon ifii hordofuu fi worra baallii Waaqaa jibbu guyyaa mura'aatiif eega.

Barsiisoti dharaa tun worra sodaan keessa hin jirree fi koorameeyyii waan te'aneef, dada ulfinnaa ta ol-gubba'aa hin arrassan malee hin ulfeessanu. 11Ergantooti Waaqaa, barsiisota dharaa tana caalaa hunnaa fi baallii qabaatanulle, Goottaa duratti dubbii arrabaatiin isaan hin himatanu. 12Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan. 13Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaanessu. 14Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran! 15Isaan karaa qajeelaa dhiisanee, karaa Bala'aamii ilma Be'orii ka waan hantuu hujiisaan beesee dhaggantu jaalatuu faana goranee dokonkoraneeran. 16Inni ammoo yakkaa ifiitiif xixame. Harreen dubbatuu hin dandeenne qoonqoo namaatiin dubbattee maraattummaa raagichaa dhooggiteerti.

17Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti. 18Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan. 19Adoo ifiifuu garbummaa badi'ii jala jiranuu, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedhaa, addii kennaniif; sababille nami tokko waan isaaf goottome maraaf garba. 20Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo mowamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata. 21Karaa balchumma'aa beekaneen duuba, ajaja woyyicha isaaniif kenname beekanee, addee irraa deebi'anu adoo duruu beekuu dhabanee woyya. 22Mammaassi dhugichi, «Sareen diddiga ifiitittuu deebiti» jedhu, akkasuma «Booyyeen dhiqatte dhoqqee keessatti gangalatiisaaf deebiti» jedhu isaan irratti te'eera.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Falsos mestres e juízos do passado

  • 2 Pedro aponta Sodoma e Gomorra, reduzidas a cinzas, como exemplo do que virá sobre os ímpios. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) descreve Sodoma como uma cidade murada no vale de Sidim, destruída por fogo vindo do céu, e Gomorra como uma das cinco cidades dessa planície, sempre mencionada logo depois de Sodoma. Diz que essas cidades provavelmente ficavam próximas entre si, perto da extremidade norte do que hoje é o Mar Morto, e que nenhum vestígio de Sodoma ou das outras cidades da planície foi encontrado.Fontes: o próprio texto bíblico · Sodom · Gomorrah
  • O capítulo diz que esses falsos mestres deixaram o caminho reto para seguir Balaão, filho de Beor, que amou o salário da maldade e foi repreendido por uma jumenta, de outro modo sem fala, que falou com voz humana. O Dicionário Bíblico de Easton descreve Balaão como um homem de certa posição entre os midianitas, que morava em Petor, na Mesopotâmia; embora vivesse entre idólatras, tinha algum conhecimento do verdadeiro Deus, e Balaque mandou chamá-lo para amaldiçoar Israel. O mesmo dicionário observa que Beor, pai de Balaão, é chamado Bosor em 2 Pedro 2:15.Fontes: o próprio texto bíblico · Balaam · Beor
  • 2 Pedro chama Noé de pregador da justiça e diz que ele foi preservado entre oito pessoas quando o dilúvio veio sobre os ímpios do mundo antigo. O Dicionário Bíblico de Easton o identifica como filho de Lameque e neto de Matusalém, e o descreve como um elo entre o mundo antigo e o novo e como o segundo grande progenitor da família humana. Registra que ele viveu quinhentos anos antes de nascerem seus três filhos, Sem, Cam e Jafé.Fontes: o próprio texto bíblico · Noah

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.