Nations Bible

2 Reis 8

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Latti Dubartittii Shuneemitti'ii Deebiteef

1Elsaa'i dubartittii qachaa Shuneemii keessa leetu, ta ilma isi'ii du'aa kaaseen, «Mootiin Waan Maraa beelti woggaa torbaa lafa irratti akka buutu waan murteesseef, maatii teeti woliin yenna'aaf addee le'uu dandeettu deemi» jedhe. 2Maarre isiin kaatee akkuma nami Waaqaa Elsaa'i isi'iin jedhe goote; maatii ifii woliin gara biyya Filisxeemotaa dhaxxee woggaa torba achi leete.

3Dhuma woggaa torbaa irratti, isiin lafa Filisxeemotaatii deebitee, marroo manaa fi fichaa ifii iyyatiisaaf gara mootichaa dhaxxe. 4Yennaa san Mootichi, «Bilbaasota Elsaa'i huje duudii natti himi» jedhaa tajaajilaa Elsaa'ii nama Waaqaa Gehaaz woliin dubbatiisatti jiraayyu. 5Mucaa du'e Elsaa'i attam akka kaase, Gehaaz mootichatti adoo himiisatti jiruu, dubartittiin Elsaa'i ilma isi'ii du'aa kaase dhuttee, marroo manaa fi fichaa ifii mootichatti iyyatte. Gehaaz, «Goottaa kiyya mooticha! Dubartittiin isii tana; ilmi isi'ii ka Elsaa'i du'aa kaaselle isa kana» jedhee mootichatti hime. 6Mootichi marroo dubbii tanaa isii gaafate; isiille isatti hinte. Achiin duuba mootichi marroo haajaa isi'ii kanaaf qondaalticha tokkoon, «Waan isi'ii mara, haga isiin biyya irraa deenteen jalqabee haga ammaa waan fichaa isi'ii irraa dhaggame mara isi'iif deebisiis» jedhe.

Du'a Ben-hadaadii

7Mootichi Sooriya'aa Ben-Hadaad yennaa dhibameeru, Elsaa'i gara Damaasqo'oo dhaqe; «Elsaa'i as dhufeera» jedhanee mootichatti yennaa himane, 8mootichi Hazaa'eliin, «Kennansa kana nama Waaqaa Elsaa'iif geessii dhaqiitii ani dhibee tana irraa yoo fayyu te'e, karaa isaatiin Mootii Waan Maraa naaf gaafadhu» jedhe. 9Maarre Hazaa'el, waan dadansaa qachaa Damaasqo'oo keessaa mara fe'iisa gaala afurtatamaa Elsaa'iif geesse. Inni dhaqee Elsaa'i dura dhaabbatee, «Tajaajilaan keeti mootichi Sooriya'aa Ben-hadaad, ‹Ani dhibee tana irraa hin fayyaa?› jedhee gara keeti na ergeera» jedhe.

10Elsaa'i deebisee, «Dhaqiitii, ‹Ati dhugumaan hin fayyita› jedhiin; Mootiin Waan Maraa ammoo akka inni dhugumaan du'u natti mudhiseera» jedhe. 11Nami Waaqaa Elsaa'i haga Hazaa'el fokkifatutti ila irraa adoo hin buqqifatin isa ilaalee, achiin duuba bowe. 12Hazaa'el, «Ee goottaa kiyya! Maaf bootta?» jedhee gaafate.

Elsaa'ille, «Waan hantuu ati Israa'eloota irratti gootu waan beekuuf bowa; qachaa isaanii ka dalleya dhaka'aatiin marfame ibiddaan hin gudda; dargaggoota isaanii shallaaga'aan hin ijjeetta; ijoollee isaanii lafatti hin dhootta; dubartoota isaanii ta ulfa qaddu gadhaa hin baqassita» jedhe.

13Hazaa'el, «Ani tajaajilaan keeti sareen kun, attamiin waan guddoo akkasii godhuu dande'aa?» jedhee gaafate.

Elsaa'i deebisee, «Ati mooticha worra Sooriya'aa akka teetu Mootiin Waan Maraa natti mudhiseera» jedhe.

14Achiin duuba Hazaa'el, Elsaa'i biraa deemee gara Ben-hadaadii goottaa ifii deebi'e; yennaa san Ben-hadaad, «Elsaa'i maan si jedhe?» jedhee gaafate.

Hazaa'el deebisee, «Ati dhugumaan akka fayyitu natti hime» jedhe. 15Boruyyaa ammoo Hazaa'el bullukkoo fuudhee bisaan keessa cuuphee, fuula mootichaa irra buusee buqee ijjeese.

Achiin duuba Hazaa'el addee Ben-hadaadiititti mootii worra Sooriya'aa te'e.

Yehoraamii Mootii Yihuda'aa

16Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, ilmi Yoshaafaaxii Yehoraam biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 17Inni yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamatti ti; Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche. 18Yehoraam intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma maatiin Ahaabii goote karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 19Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa tajaajilaa ifii Daawitiif jedhee, isaa fi sanyii isaa keessaa haga bara baraa mootiin akka hin dhabanne waadaa waan galeeruuf, Yihudaa balleessuu hin barbaanne.

20Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootii ifii mootonfatte. 21Maarre Yehoraam garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee Saa'iiritti duule. Worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu marsane; innii fi ajajjooti isaa ka garreettaa fardaan harkifamuu ammoo, halkaniin ka'anee worra Edoomii lolanee dhoosane bayanee, baqatanee gara mana ifii deebi'ane. 22Yennaa sanii jalqaddee biyyi Edoomii bulchiinsa Yihuda'aa irratti kaatee finqilte. Liibnaalle yennuma san finqilte.

23Wonni dhibiin ta mootichi Yehoraam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 24Yehoraam du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame. Ilmi isaa Ahaaziyaan addee isaatitti mootii te'e.

Mootii Yihuda'aa Ahaaziyaa

25Ilmi Ahaabii Yoraam Israa'el irratti mootii te'ee woggaa kudhanii lammeesso'ootitti, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan biyya Yihuda'aa irratti mootii te'e. 26Ahaaziyaan mootii yennaa te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii mootii Israa'elii ti. 27Ahaaziyaan fuudhaa fi heerumaan maatii Ahaabii woliin waan firoomaneef, karaa maatii Ahaabii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.

28Ahaaziyaan Yoraamii ilma Ahaabii woliin mooticha Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aaditti loliisaaf dhaqe; worri Sooriya'aa Yoraam madeesse. 29Mootichi Yoraam madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu Raamootitti madowe san fayyiisaaf gara Yizre'elii deebi'e; ilmi Ahaabii Yoraam waan madoweeruuf, ilmi Yehoraamii Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa gaafatiisaaf Yisre'el dhaqe.

Você sabia?

Sucessão Profética e Alianças Reais

  • Quando o rei Ben-Hadade de Damasco adoeceu, enviou seu oficial Hazael com presentes em quarenta camelos para consultar Eliseu. Eliseu chorou ao prever a imensa crueldade que Hazael cometeria contra Israel, e no dia seguinte Hazael sufocou o rei com um pano molhado para usurpar o trono da Síria.Fontes: o próprio texto bíblico · Hazael · Ben-hadad · Damascus
  • Jeorão de Judá casou-se com Atalia, filha de Acabe e Jezabel, alinhando o reino do sul com as práticas e políticas da monarquia do norte. Essa aliança continuou com seu filho Acazias, que se uniu ao rei de Israel no conflito militar contra Hazael em Ramote-Gileade.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoram · Ahaziah · Ahab
  • Após sobreviver a sete anos de fome entre os filisteus, a mulher sunamita suplicou ao rei pela devolução de suas propriedades abandonadas. O testemunho direto de Geazi sobre a ressurreição de seu filho levou o rei a restituir não apenas suas terras, mas também todos os rendimentos das colheitas perdidas.Fontes: o próprio texto bíblico · Gehazi

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Damascus · 33.511, 36.306 · versículos 7, 9
  • Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículos 7, 9, 13, 28, 29
  • Aram · 33.511, 36.306 · versículo 15
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 17, 26
  • Edom · 30.746, 35.604 · versículos 20, 21, 22
  • City of David · 31.774, 35.236 · versículo 24
  • Ramah · Hoje: Tall er Rumeith · 32.500, 36.015 · versículo 29

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.