Nations Bible

2 Reis 6

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Agaraan Bisaan Gubba'atti Ol Baye

1Korri raagotaa, Elsaa'iin, «Addeen nuuti si woliin le'iisatti jiru guddoo nutti dhipho'o. 2Gara laga Yordaanosii dhandhee, muka murannee, mana keessa leenu akka ijaarannu nuuf eeyyam» jedhane.

Elsaa'ille, «Dhaqa'a» isaaniin jedhe.

3Achiin duuba raagota keessaa tokkochi, «Maganne'e, atille nu tajaajiltoota teeti woliin hin dhaxxuu?» jedhe;

Elsaa'ille, «Hin dhaqa» jedhee, 4woliin deemane. Isaan yennaa Yordaanos geyane, muka muruu jalqabane. 5Isaan keessaa tokkochi adoo muka muruu, agaraan buqqa'ee bisaan keessa bu'e. Inni iyyee, «Hoola! Goottaa kiyya agaraan ka ergisa'aa ti» jedhe.

6Nami Waaqaa Elsaa'i, «Eessaan bu'e?» jedhee gaafate.

Namichi addee agaraan bu'e Elsaa'itti yennaa mudhise, inni muka tokko muree achi bisaan keessa buusee, akka agaraan bisaan gubba'atti bayu godhe. 7Elsaa'i, namichaan, «Baasiitii fudhadhu» jedhe; namichille hiixatee fudhate.

Elsaa'i Loltoota Sooriya'aa Ila Jaamse

8Mootichi Sooriya'aa Israa'el woliin loliisatti adoo jiruu, qondaaltota ifii woliin mari'atee, «Ani quttuma kiyya addee akkasiitii fi akkasiititti godhadha» jedhe. 9Nami Waaqaa Elsaa'i ammoo, «Worri Sooriya'aa achitti gad bu'iisatti waan jiranuuf, karaa san akka hin dabarre» jedhee mooticha Israa'eliititti erge. 10Maarre mootichi Israa'elii addee nami Waaqaa Elsaa'i isa ifi eeggachiise san nama itti ergee qorqore; nami Waaqaa Elsaa'i yennaa hedduu isa ifi eeggachiisee, mootichille achi irraa ifi eeggate.

11Mootichi Sooriya'aa waan kana guddoo aaree, qondaaltota ifii waamee, «Nu keessaa mootii Israa'eliitiif ka dooyu, eennu akka te'e natti hin hintanuu?» jedhee gaafate.

12Qondaaltota isaa keessaa tokkochi, «Ee, goottaa kiyya mooti'i! Waan dhossa'aa ta ati kolloo taqee teetii keessatti dubbattu mara, mootii Israa'eliititti ka himu raagicha Elsaa'i malee, nu keessaa ka himu eennulle hin jiru» jedhee deebise.

13Mootichi Sooriya'aa, «Akka ani namoota itti ergee isa qabu, dhaqa'aatii addee inni jiru barbaada'a» isaaniin jedhe.

Isaan, «Inni qachaa Dootaanii keessa jira» jedhanee mootichatti himane. 14Achiin duuba mootichi loltoota hedduu fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu gara qachaa Dootaanii erge. Isaan halkaniin achi geyanee, qachaa san marsane. 15Boruyyaa barii ganama tajaajilaan nama Waaqaa Elsaa'ii ka'ee yennaa gad baye, loltooti fardo'ootii fi garreettaa fardaan harkifamuu qachaa marsiteertuun dhaggee, nama Waaqaa Elsaa'i'iin, «Hoola! Goottaa kiyya! Maan goonu nuu woyya?» jedhee gaafate.

16Elsaa'ille, «Hin sodaatin; worra isaan woliin jiru caalaa worra nu woliin jirutti caala» jedheen. 17Achiin duuba Elsaa'i, «Ee Mootii Waan Maraa! Akka inni dhaggu ila isaa bani!» jedhee daadimate; Mootiin Waan Maraa ila tajaajilaa Elsaa'ii waan baneef, tajaajilaan sun fardoo ibiddaa heddu'uu fi garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaa hedduun kooba guuttee adaala Elsaa'ii mara jirtuun dhagge.

18Worri Sooriya'aa gara Elsaa'ii gad yennaa dhufane, inni, «Kolbaa tana ila isaanii jaamsi» jedhee gara Mootii Waan Maraa daadimate. Akkuma Elsaa'i gaafate Mootiin Waan Maraa ila isaanii jaamse. 19Achiin duuba Elsaa'i isaaniin, «Karaalle, qachaalle kanaa moti; na gula kowa'a; ani gara nama isin barbaaddanuu isin hin geessa» jedhee gara qachaa Samaariya'aa isaan geesse.

20Akkuma isaan qachaa seenaneen Elsaa'i, «Ee, Mootii Waan Maraa! Akka isaan dhagganu ila isaanii bani» jedhe; maarre Mootiin Waan Maraa ila isaanii banee, isaanille ilaalanee qachaa Samaariya'aa keessa akka jiranu dhaggane.

21Mootichi Israa'elii yennaa isaan dhagge, «Abbaa kiyya! Isaan ijjeesuu? Isaan ijjeesuu?» jedhee Elsaa'i gaafate.

22Elsaa'ille, «Waawwo'o! Loltoota shallaaga'aa fi guubee teetiin boojite hin ijjeettaa? Akka isaan nyaatanuu fi unanu sagale'ee fi bisaan kenniif; achiin duuba gara mootii ifii deebi'anuu ti» jedheen. 23Maarre mootiin Israa'elii areertii guddoo isaaniif godhee, isaan nyaatanee unaneen duuba gad isaan lakkise; isaanille gara mootii ifii deemane. Yennaa saniin jalqabanee, gareen loltoota sooriya'aa lafa Israa'elii loliisatti hin deebine.

Marfamiisa Qachaa Samaariya'aa

24Yennaa diqqo'oon duuba, mootiin Sooriya'aa Ben-hadaad loltoota ifii duudii wolitti qabatee, qachaa Samaariya'aa marse. 25Qachaan sun marfamee waan tureef beelti hantuun seentee, gatiin mataa harree tokkoo meetii gara kiiloogiraama tokkoo, udaan saphaliisaa ka gara giraama dhibba lamaa, meetii gara giraama jaatamaa baasuu jalqabe.

26Gaafa tokko mootiin Israa'elii dalleya dhaka'aa ka qacha'aa san irra ideemaa dabariisatti adoo jiruu, dubartiin takka qoonqoo ol qabattee, «Ee, goottaa kiyya mooti'i, maganne'e na qarqaar» jetteen.

27Mootichille, «Mootiin Waan Maraa yoo si hin qarqaarin, ani attamiin si qarqaaruu dande'a ree? Eeddummee tiyya irraa moo? Addee cunfaa woyni'ii tiyya irraa?» jedheen. 28Achiin duuba, «Rakkoon teeti maan» jedhee isii gaafate.

Isiille, «Dubartiin tun, ‹Adha ilma keeti fidi hin nyaanna; boru ilma kiyya hin nyaanna› anaan jetteerti. 29Tanaaf ilma kiyya iffeelannee nyaanne. Boruyyaa, ani, ‹Ilma keeti fidi hin nyaanna› jedhee gaafadhe. Isiin ammoo ilma ifii dhoffatte» jetteen.

30Mootichi tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; adoo inni dalleya dhaka'aa irra ideemaa dabariisatti jiruu, inni woyaa gaddaa nafa ifiititti aanfatee uffateeruun kolbaan isa dhaggite. 31Mootichille qoonqoo ol qabatee, «Adha mataan Elsaa'ii ilma Shaafaaxii yoo isa irraa hin muramin, Waaqi na ijjeesuu ti!» jedhe. 32Inni ifiin dura nama gara Elsaa'ii erge.

Yennaa kana Elsaa'i, jaarsolee isa ilaaliisaaf dhutte woliin mana ifii keessa jiraayyu; namichi gara Elsaa'ii ergame adoo isa bira hin geyin, Elsaa'i jaarsolee saniin, «Namichi nama ijjeesu sun na ijjeesisiisaaf nama natti ergeera. Yennaa inni as gewu balbala itti cufa'aatii, seensa isa dhoogga'a. Goottaan isaalle duuba isaatiin dhufiisatti jira» jedhe. 33Adoo inni isaan woliin dubbatiisatti jiruu, ergamaan sun gara isaa dhufe. Mootichille, «Balaan kun Mootii Waan Maraa biraa dhufe; haganaa achi ani maan isa irraa eegadha ree?» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Carruagens de fogo e o cerco de Samaria

  • Dotã, localizada a cerca de 19 quilômetros ao norte de Samaria e conhecida anteriormente como o lugar onde José foi vendido por seus irmãos, foi a cidade onde o exército arameu cercou Eliseu. Quando Eliseu orou para que os olhos de seu servo fossem abertos, o jovem viu as colinas ao redor cheias de cavalos e carruagens de fogo.Fontes: Dothan · o próprio texto bíblico
  • Samaria, a capital de Israel situada em uma colina íngreme, sofreu um cerco devastador por parte de Ben-Hadade da Síria. A fome resultante tornou-se tão extrema que itens normalmente imprestáveis alcançavam preços exorbitantes em prata, e os moradores recorreram ao canibalismo.Fontes: Samaria · Ben-hadad · o próprio texto bíblico
  • Quando Eliseu conduziu a tropa arameia, atingida por cegueira temporária, para dentro da capital fortificada de Samaria, ele proibiu o rei de Israel de matá-los. Em vez disso, o rei preparou um grande banquete para os soldados inimigos e os enviou em paz de volta ao seu senhor.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 2, 4
  • Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículos 8, 9, 11, 23, 24
  • Aram · 33.511, 36.306 · versículo 14
  • Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 19, 20, 24, 25

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.