2 Reis 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Eliyaas Gara Ol-gubba'aa Fudhatame
1Yennaan Mootiin Waan Maraa Eliyaas hobonbolatti'iin gara ol-gubba'aa fudhatu geette; Eliyaasii fi Elsaa'i Giilgalii ka'anee, 2adoo ideensa irra jiranuu, Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Bet'elii waan na ergeef, ati asuma turi!» jedhe.
Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu» jedheen. Maarre isaan gara Bet'elii gad dhaqane.
3Raagoti Bet'el keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhufanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane.
Elsaa'i deebisee, «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a» jedhe.
4Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Yeriko'oo waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe.
Elsaa'ille deebisee «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedhe. Maarre isaan gara Yeriko'oo dhaqane.
5Raagoti Yerikoo keessa jiranu, gara Elsaa'ii dhaqanee, «Mootiin Waan Maraa, adha goottaa keeti si duraa akka fudhataaru beettaa?» jedhanee gaafatane.
Elsaa'i deebisee «Eeti'i hin beeka; isin ammoo, marroo waan kanaa hin dubbatina'a!» jedheen.
6Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara laga Yordaanosii waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe.
Elsaa'i ammoo deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedheen. Maarre isaan lamaanuu itti fufanee woliin ideemane. 7Raagota keessalle'ee namooti shantam dhaqanee, addee Eliyaasii fi Elsaa'i dhaabbataneeranu irraa fagaatanee, fuullee laga Yordaanosii dhaabbatane. 8Achiin duuba Eliyaas geellaa ifii fuudhee, dachaasee ittiin bisaan dhowe; bisaan sun gargar citee, lafa godduu irra ideemanee gamatti bu'ane. 9Isaan yennaa gamatti bu'ane, Eliyaas Elsaa'iin, «Ani adoo si duraa hin fudhatamin, maan akka si'iif godhu natti himadhu» jedhe.
Elsaa'i deebisee, «Maganne'e, qooda Ayyaana keetii dachaa akka dhaalu na godhi» jedhe.
10Eliyaas deebisee, «Ati waan jadduu gaafatte; te'uu malee yennaa ani si duraa fudhatamu yoo na dhaggite, waan gaafatte kana hin dhaggatta; yoo na dhagguu dhadde ammoo hin dhaggattu» jedheen.
11Adoo isaan woliin haasowaa ideemanuu, garreettaan fardaan harkifamu ka ibiddaatii fi fardooleen ibiddaa wodhakkaa isaanii seentee, isaan lamaan gargar baatte. Eliyaasille hobonbolatti'iin gara ol gubba'aa fudhatame. 12Elsaa'i tana dhaggee, «Abbaa kiyya! Abbaa kiyya! Ka Israa'eliif garreettaa fardaatii fi abbootii fardaa teete!» jedhee iyye; achiin duuba inni deebi'ee Eliyaas hin dhaggine.
Elsaa'i guddoo waan gaddeef, woyaa ifii addee lamatti tarsaase. 13Elsaa'i woyaa Eliyaas irraa buute lafaa fuudhee, deebi'ee qarqara laga Yordaanosii dhaabbate. 14Inni woyaa Eliyaas irraa buute fuudhee ittiin bisaan dhowee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Eliyaasii meet?» jedhe. Yennaa inni bisaan dhowe, bisaan gargar citee, Elsaa'ille gamatti bu'e. 15Raagoti Yerikoo keessa jirtu fago'otti yennaa isa dhaggite, «Ayyaanni Eliyaasii Elsaa'i irratti bu'eera!» jette; isaan isa dhaggiisaaf dhaqanee, isa duratti lafatti gad gombifamanee, 16«Kunoo, nuuti tajaajiltooti teeti namoota jajjaba shantama ifii biraa qanna; Ayyaanni Mootii Waan Maraa, goottaa keeti fuudhee gaara irratti yookiin dhooqa keessatti gateera fa'a te'a, dhaqanee isa barbaadanuu ti» jedhane.
Elsaa'i deebisee, «Waawwo'o! Isaan hin ergina'a» jedhe.
17Isaan ammoo haga inni didiisaaf qaaneffatutti ittuma waan gaafataneef, inni «Erga'a» jedheen; maarre isaan namoota shantama san ergane; isaan ammoo guyyaa sad barbaadanee isa dhabane. 18Achiin duuba isaan gara Elsaa'ii qachaa Yeriko'ootitti isaan eegiisatti jiruu deebi'ane; Elsaa'ille, «Ani, ‹Hin deemina'a› jedhee isinitti hin hinnee?» jedhe.
Bilbaasota Qara Elsaa'i Godhe
19Namooti gariin Yeriko'oo gara Elsaa'i dhufanee, «Ee goottaa keennaa akkuma ati dhaggitu, latti tun dansa'a; ammoo bisaan bada'a; lattille midhaan hin kennitu» jedhane.
20Elsaa'ille, «Qorii haareya keessa soodda buusa'aatii naa fida'a» jedhee ajaje. Isaanille akkuma inni ajaje qorii itti fidane. 21Achiin duuba inni gara madda bisaanii dhaqee, soodda bisaan keessa buusee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani bisaan kana fayyiseera; haganaa achi bisaan kun sababa du'aa yookiin latti midhaan akka hin kennine hin godhu› jedha» jedhe. 22Maarre akkuma Elsaa'i dubbate, bisaan sun haga adhaa fayyaallessa.
23Elsaa'i gara Bet'elii ol dhaqe; inni karaa irra deemiisatti jiruun, ijoolleen qachaa keessaa gad yaatee qoonqoo guddo'oon, «Namicha mataa molu'uu asii ol deemi! Namicha mataa molu'uu asii ol deemi!» jedhaa itti murgite.
24Elsaa'i garagalee isaan ilaalee, maqaa Mootii Waan Maraatiin isaan abaare; achiin duuba doobbaan dhalaan lama baddaa keessaa bayee, ijoollee san keessaa nama afurtamii fi lama kukkute. 25Elsaa'i gara gaara Qarmelosii ol baye; achille'een gara qachaa Samaariya'aa deebi'e.

Você sabia?
A partida de Elias e a sucessão de Eliseu
- O manto de Elias havia marcado inicialmente o chamado de Eliseu quando Elias o lançou sobre os ombros dele no campo. Quando Elias foi levado ao céu em um redemoinho, Eliseu recolheu o manto caído e feriu as águas do Jordão com ele, demonstrando aos profetas que observavam que havia recebido o espírito de Elias e o sucedido como profeta.Fontes: Elisha · o próprio texto bíblico
- A fonte perto de Jericó, identificada historicamente com Ain es-Sultan ou Fonte de Eliseu, continha água ruim que tornava a terra ao redor estéril. Eliseu purificou a água lançando nela sal de uma tigela nova diretamente no manancial.Fontes: Jericho · o próprio texto bíblico
- Antes de atravessarem o Jordão, Elias e Eliseu visitaram comunidades dos discípulos dos profetas estabelecidas em Betel e Jericó. Cinquenta homens desses grupos proféticos observaram a travessia miraculosa de longe e depois passaram três dias procurando Elias pelos montes e vales vizinhos.Fontes: Bethel (of Palestine) · Jericho · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jericho · Hoje: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículos 4, 5, 15, 18, 19, 23
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 6, 7, 13
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · versículo 25
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículo 25
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org