2 Reis 19
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Hisqiyaas Akka Isaayaas Isa Gorsu Gaafate
1Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddaalle uffatee gara Galma seene. 2Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worri jaarsolee te'ane, woyaa gaddaa uffatanee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii akka dhaqanu erge. 3Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti. 4Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti dubbii ajajaan loltootaa Rabshaaqeen goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana mara dhage'ee, isa hin adaba fa te'aa, nu worra diqqaa lubbu'uun hanneef daadimadhu› jedha» jedhane.
5Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane, 6inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii, na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin. 7Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee, gara biyya ifii deebi'u isa godhu, isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii goottaa keessanitti hima'a» jedhe.
Roorroo Senaaheriibii
8Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge. 9Mootiin Gibxi'ii Tiirhaaqaan nami biyya Itoophiya'aa akka isa loliisaaf dhufaaru, Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasii mooticha Yihuda'aatitti namoota ergee, 10«Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti, dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin. 11Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa? 12Waaqoti gosa biyya adda addaa, ka abbootiin tiyya ta durii balleessite, waaqoti qachoota Gozaanii, Kaaraaniitii fi Rezeefii, waaqoti kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu, isaan baasaneeranii ree? 13Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.
14Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirse. 15Inni daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; lafaa fi ol-gubbaa daddeerta. 16Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i. 17Ee Mootii Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii dhugumaan balleessaneeran; 18waaqoti isaaniille, dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane malee, waaqota waan hin te'iniif gubanee balleessane. 19Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.
Waaqi Hisqiyaasiif Deebii Kenne
20Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif gara kiyya daadimatte dhage'eera jedha. 21Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif:
«‹Ee Senaaheriib, kolbaan Xiyoonii
si tuffattee sitti murgiti.
Si'ii baqatiisatti jirtuun kolbaan Yerusaalemii
si duubaan sitti kolliti.
22Ka ati arrassitee fi
ka ati faanshessite eennu?
Ati eennu irratti barooddee ila teeti baache?
Ana Waaqa woyyicha Israa'elii irratti motii?› jedha.
23Ati karaa ergantoota teetiitiin,
Mootii Waan Maraa irratti murgitee,
‹Ani garreettaa kiyya
ka fardaan harkifamu heddu'uun
gara qaccee gaarotaatitti,
qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera;
qaccee gaarota sanii irraa
hindheensa dhedheera'aa fi
birbirsa dadansaa jijjisseera;
gongomaa keessa fagaadhee
ciggaa seeneera.
24Biyya ormaa keessatti
boolla bisaanii qotee,
bisaan achii uneera;
faana miila kiyyaatiin
lagoota Gibxi'ii mara gosseera› jette.
25«Mootiin Waan Maraa,
Waan amma te'e kana akka ani qopheesse,
bara heddu'uun dura karoora akka baase,
qachoota dalleya dhaka'aa qabanu
akka ati butuchitu,
tuulaa kosi'iille akka ati isaan gootu,
akka ani godhe ati hin dhageennee?
26Kolbaan qachoota san keessa leetu
hunna dhaddee,
sodaattee qaanotteerti;
akka lattuu diida keessaa
yookiin akka marra bisile'ee,
akka marra mana irratti latee
adoo hin guddatin
qilleensaan qooree te'aneeran.
27«Ani ammoo ka'aa fi teessoo teeti,
bayaa fi gala keeti,
aari'iin na irratti ka'iisa keeti beekeera.
28Ati aari'iin na irratti waan kaateef,
kooriisa keetille waan dhage'eeruuf,
ani saganaa kiyya funnaan keetitti,
bixaala kiyya afaan keetitti keyee,
karuma dhutte si deebisa» jedhe.
29Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,
ee, Mooticha Hisqiyaas,
«Tun beessisa si'iif hin teeti:
baranaa fi bara dhufu
midhaan ifumaan latee guddatu hin nyaatta;
woggaa sadeesso'oo ammoo
midhaan facaattee hin haammatta
yookiin muka woyni'ii dhaabbattee
midhaan isi'ii hin nyaatta.
30Sanyii Yihuda'aa keessaa worri miliqee hafe,
akka muka hidda gad yaafatee midhaan buusuu,
ijoollee hedduu hin horan.
31Worri Yerusaalem keessaa fi
gaara Xiyoonii irratti hafane hin dhufan;
hinaaffaan Mootii Waan Maraa
ka waan mara dande'uu tana hin gooti.
32«Tanaaf Mootiin Waan Maraa marroo mootii Asooriitiif:
«Inni qachaa kana hin seenu
yookiin daaya as itti hin darbatu.
Wontee qabatee itti hin dhikaatu
yookiin yaabbannoo midhaaffatee hin seenu.
33Inni karuma dhufe deebi'a malee,
qachaa kana hin seenu.
34« ‹Ani ulfinna kiyyaa fi
waadaa tajaajilaa kiyya Daawitii galeef jedhee,
qachaa kana hin eega;
hin hamburalle'e› jedheera» jedhe.
35Halkanuma san ergamaan Mootii Waan Maraa gara addee quttuma worra Asoorii dhaqee, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane. 36Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee, gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e. 37Gaafa tokko inni galma waaqa ifii keessa seenee, waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.

Você sabia?
Jerusalém é livre da Assíria
- Quando Ezequias recebeu a carta ameaçadora de Senaqueribe, ele entrou no templo e a estendeu perante Deus, afirmando que, enquanto os deuses de outras nações conquistadas eram mero pau e pedra, o Deus de Israel é o criador dos céus e da terra.Fontes: o próprio texto bíblico · Hezekiah
- Senaqueribe enviou sua segunda mensagem ameaçadora a Jerusalém enquanto lutava contra Libna após deixar Laquis, motivado por notícias de que Tiraca, rei de Cuxe, havia partido para enfrentá-lo.Fontes: o próprio texto bíblico · Tirhakah · Libnah · Lachish
- Depois que o anjo do Senhor feriu 185.000 soldados no acampamento assírio, Senaqueribe recuou para Nínive, onde mais tarde foi assassinado à espada por seus próprios filhos dentro do templo de seu deus Nisroque.Fontes: o próprio texto bíblico · Sennacherib
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 4, 6, 8, 10, 11, 17, 20, 32, 35, 36, 37
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 8, 9, 10, 21, 31, 32
- Lachish · Hoje: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · versículo 8
- Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 9
- Eden · Hoje: Beth-eden · 36.701, 38.087 · versículo 12
- Haran · Hoje: Harran · 36.864, 39.033 · versículo 12
- Hamath · Hoje: Hama · 35.136, 36.750 · versículo 13
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 21
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 23
- Mount Carmel · 32.672, 35.023 · versículo 23
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 24
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 31
- Nineveh · 36.359, 43.153 · versículo 36
- Ararat · Hoje: Urartu · 39.703, 44.300 · versículo 37
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org