2 Reis 15
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mootii Yihuda'aa Azaariyaa
1Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, ilmi Amaasiya'aa Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'e. 2Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. 3Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 4Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. 5Mootiin Waan Maraa dhukkuba goga'aa farrisiisaa mooticha Azaariya'atti buuse; inni haga guyyaa du'a ifii dhukkuba san irraa hin fayyine; qofii ifii mana adda te'e keessa le'e; ilmi mootichaa Yotaam mana mootumma'aa irratti itti gaafatamaa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.
6Wonni dhibiin ta mootichi Azaariyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 7Azaariyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.
Mooticha Israa'elii Zakaariyaas
8Mootichi Azaariyaas Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Yerobi'aamii Zakaariyaas mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, ji'a jaa Israa'el bulche. 9Inni akkuma abbootii ifii ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. 10Ilmi Yaabeshii Shaalum, Zakaariyaas irratti mala dhowee, kolbaa duratti dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.
11Wonni dhibiin ta mootichi Zakaariyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
12Maarre jechi Mootiin Waan Maraa, «Sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhee Yehu'utti dubbatte muummowe.
Mootii Israa'elii Shaalum
13Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Yaabeshii Shaalum mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee ji'a tokko bulche.
14Ilmi Gaadii Menaahem, Tiizaa irraa Samaariyaa dhaqee, ilma Yaabeshii Shaalum ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. 15Wonni dhibiin ta Shaalum huje duudiin, malli inni dhowelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 16Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse.
Mooticha Israa'elii Menaahem
17Mootichi Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'ee, woggaa soddomii sagaleesso'ootitti, ilmi Gaadii Menaahem mootii te'ee, Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa kudhan Israa'el bulche. 18Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje; inni bara mootummaa ifii cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. 19Achiin duuba mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser ka, «Phul» jedhamu biyya Israa'elii lole; Menaahem qarqaarsa isa irraa dhaggatiisaa fi mootummaa ifii jabeeffatiisaaf, meetii kiiloogiraama kuma soddomii afur Tiiglaat-Phileeseriif kenne. 20Menaahem meetii mooticha Asooriitiif kennu san, dureeyyii Israa'elii tokko tokkoo isaanii irraa meetii gara giraama dhibba shanii guure. Maarre Tiiglaat-Phileeser biyya san keessa turiisa lakkisee, gara biyya ifii deebi'ee deeme.
21Wonni dhibiin ta Menaahem huje kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 22Menaahem du'e; addee isaatitti ilmi isaa Pheqaayaan mootii te'e.
Mooticha Israa'elii Pheqaayaa
23Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa shantameesso'ootti, ilmi Menaahemii Pheqaayaan mootii te'ee, qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa lama Israa'el bulche. 24Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. Inni cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine. 25Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mala isa irratti dhowee, namoota biyya Giil'aadii shantama woliin, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aatiin marfame, qachaa Samaariya'aa keessatti, Pheqaayaa, Argoobii fi Ariyee ijjeesee; addee Pheqaaya'aatitti mootii te'e.
26Wonni dhibiin ta Pheqaayaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
Mooticha Israa'elii Pheqaa
27Azaariyaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shantamii lammeesso'ootitti, ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii te'ee qachaa Samaariya'aa keessa tee'ee, woggaa diddama Israa'el bulche. 28Inni Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, cubbuu ilmi Nebaatii Yerobi'aamii, akka Israa'elooti hujju godhe san mara irraa hin deebine.
29Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse.
30Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. 31Wonni dhibiin ta Pheqaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
Mooticha Yihuda'aa Yotaam
32Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii Israa'elii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Azaariya'aa Yotaam mootii Yihudaa te'e. 33Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti. 34Yotaam akkuma abbaa ifii Azaariya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 35Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara olii ijaare.
36Wonni dhibiin ta Yotaam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 37Mootiin Waan Maraa bara san biyya Yihuda'aa irratti, mootii Sooriya'aa Resiinii fi ilma Remaaliya'aa Pheqaan kaasee itti erguu jalqabe. 38Yotaam du'ee qachaa Daawitii abbaa ifii ka durii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Ahaaz mootii te'e.

Você sabia?
Caos em Israel e estabilidade em Judá
- Enquanto Judá mantinha relativa estabilidade sob os longos reinados de Uzias e de seu filho Jotão, o reino do norte, Israel, enfrentava forte instabilidade política. Em um curto período, quatro reis — Zacarias, Salum, Pecaías e Peca — foram assassinados por conspiradores que usurparam o trono.Fontes: o próprio texto bíblico · Shallum · Menahem · Pekah
- Este capítulo registra a crescente agressão do Império Assírio contra Israel. O rei Menaém pagou a Pul mil talentos de prata cobrados dos homens ricos de Israel para assegurar seu poder, e mais tarde Tiglate-Pileser capturou Gileade, a Galileia e Naftali, levando seus habitantes cativos.Fontes: o próprio texto bíblico · Menahem · Pekah
- O rei Uzias de Judá, também chamado de Azarias, foi afligido por lepra durante seu reinado. Por causa da doença, ele passou a viver em uma casa separada, enquanto seu filho Jotão administrava o palácio real e governava o povo como corregente.Fontes: o próprio texto bíblico · Uzziah · Jotham
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 33
- City of David · 31.774, 35.236 · versículos 7, 38
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 8, 13, 14, 17, 23, 25, 27
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 19, 20, 29
- Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículos 25, 29
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 29
- Hazor · Hoje: Tel Hazor · 33.018, 35.569 · versículo 29
- Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 37
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org