2 Coríntios 5
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Nafi keenna ka lafa tanaa, ka akka dunkaani'ii keessa leenu yennaa diigame, mana harka namaatiin hin ijaaramin, ka Waaqi ol-gubba'atti ijaare akka qannu hin beenna. 2Ammaa tana nuuti nafa ol-gubba'aa uffatiisaaf dharra'iisaan aadiisatti jirra. 3Isa san yennaa uffanne qullaa jiraannee hin dhaggannu. 4Dunkaana lafa tanaa keessa haga jirru, ba'aan nu'utti ulfaattee aadaarra; wonni nuuti aadaarruuf duuti jiru'uun jijjiirantee, nafa ol-gubba'aa akka uffannuuf malee, nafa keenna ka lafa tanaa irraa adda bayiisa barbaanneetii moti. 5Jijjiirama kanaaf ka nu qopheesselle Waaqa; san caalaalle waan nu'uuf kennamu maraaf akka qaddii te'uuf, ayyaana ifii ka nu'uuf kenne isa.
6Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna. 7Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna'aan malee, isa dhaggiisaanii moti. 8Nuuti nafa akka mana keennaa te'e kana irraa adda baanee, Goottaa woliin jiraatiisaaf hin halchina; tanaaf ifi addi'iin leena. 9Nuuti nafa keenna kanaan jiraannulle, jiraatuu dhannulle, yaadi keenna Goottaa gammachiisu'u. 10Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te'e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura'aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.
Kolbaa Waaqaan Araarsuu
11Tanaaf Goottaa sodaatiis maan akka te'e waan beennuuf, worra dhibii hin hubachiinna. Nuuti maan akka teenelle Waaqi hin beeka; isinille gadhaa keessan keessatti nuuti maan akka teene akka beettanu hin addadha. 12Worra keessa ifiitiin adoo hin te'in, waan alaan mudhatuun ifi jajanuuf deebii kenniisa akka dandeettanu, nu'uun akka ifi jajjanuuf malee, nuuti ammalle deebinee ifi saadiisaafii moti. 13Nuuti maraataa yoo teene Waaqaaf jennee ti; worra qalbii qabu yoo teenelle isiniif jennee ti. 14Kiristoos nama duudi'iif akka du'ee fi nami duudiin du'a isaa ka qoodamu akka te'e waan hubanneef, jaalalli isaa nu dirqansiisa. 15Worri jiru'uun jiru duudiin, isaaniif jedhee ka du'ee du'aa ka'eef akka le'anuuf malee, haganaa achi akka ifiif hin leene, Kiristoos nama maraaf du'e.
16Maarre nuuti ammaa achi eennulle'etti fuula ilaallee hin murru. Tanaan qara Kiristoositti akkana gooneelle yoo jiraanne, haganaa achi akkana hin goonu. 17Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. 18Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu'uu kenneen teete. 19Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu'u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu'ulle'eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.
20Waaqi karaa keennaan namoota waan yaamuuf, nuuti bakka bu'oota Kiristoosii ti; tanaaf, «Waaqa woliin araarama'a» jennee maqaa Kiristoosiitiin isin kadhanna. 21Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba'atu godhe.

Você sabia?
A reconciliação e a esperança de um lar celestial
- Este capítulo compara a vida presente a uma tenda terrena que pode ser desmontada e a contrapõe a um edifício da parte de Deus: uma casa eterna no céu, não construída por mãos humanas. Nessa tenda, eles gemem, ansiando ser revestidos da morada celestial em vez de serem encontrados nus, para que a mortalidade seja tragada pela vida.Fontes: o próprio texto bíblico
- O autor diz que Deus os preparou para isso e lhes deu o Espírito como garantia do que há de vir. Eles estão confiantes, mas, enquanto estão em casa no corpo, estão longe do Senhor, andando por fé e não por vista; todos devem comparecer diante do tribunal de Cristo para receber o que lhes cabe pelo que fizeram no corpo, seja bom ou mau.Fontes: o próprio texto bíblico
- O amor de Cristo os impulsiona, pois um morreu por todos, para que os que vivem já não vivam para si mesmos, mas para aquele que morreu por eles e ressuscitou. Quem está em Cristo é nova criação — o velho passou e o novo chegou — e eles são embaixadores de Cristo, portadores de uma mensagem de reconciliação: Deus fez pecado, em favor deles, aquele que não conheceu pecado, para que nele se tornassem justiça de Deus.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org