2 Crônicas 8
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Hujii Solomoon Huje Ta Dhibii
1Mootichi Solomoon Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa ka ifii woggaa diddama ijaareen duuba, 2olloota Hiiraam isaaf kenne haaressee ijaaree, Israa'eloota achi keessa qubachiise. 3Achiin duuba Solomoon gara biyya Haamaat-Zobaatii duulee qabate. 4Inni ammalle goomolee keessatti qachaa Tadmoorii ijaareen duuba, kutaa Haamaatii keessalle'etti qachoota gootaraa midhaaniitii fi mana meya adda addaa ijaarsise. 5Inni Bet-Horoonii Gubba'aatii fi Bet-Horoonii Jalaa ijaarsisee dalleya dhaka'aa itti ijaaree, karraa fi danqaraa itti tolche. 6Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise. 7Sanyii Israa'elii ka hin te'in, worra achitti hafane mara Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota, 8sanyii isaanii ka Israa'elooti balleessuu lakkisanee lafa san keessatti hamburane mara, Solomoon haga adhaatitti isaan garboonfatee, akka isaaf tajaajilanu godhate. 9Israa'eloota ammoo loltoota ifii, ajajjoota loltoota ifii, ajajjoota garreettota fardaan harkifamanuutii fi abbootii fardaa godhate malee, akka garbootaatitti hin hujisiifanne. 10Mootichi Solomoon qondaaltota sooreyyii dhibba lamaa fi shantama qabaayyu.
11Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse.
12Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. 13Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. 14Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe. 15Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre. 16Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e.
17Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe. 18Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane.

Você sabia?
As construções e a administração de Salomão
- Salomão fortificou locais estratégicos em seu reino, incluindo Bete-Horom Alta e Bete-Horom Baixa para proteger a passagem de Jerusalém para a planície costeira, além de Tadmor (mais tarde conhecida como Palmira) no deserto sírio.Fontes: o próprio texto bíblico · Beth-horon · Tadmor
- Salomão transferiu sua esposa, a filha do faraó, da Cidade de Davi para um palácio próprio, afirmando que qualquer lugar por onde a arca do Senhor havia passado era sagrado.Fontes: o próprio texto bíblico · Daughter of Pharaoh
- Em aliança com o rei Hirão de Tiro, marinheiros experientes navegaram a partir de Eziom-Geber e Elote, na costa de Edom, junto com os servos de Salomão até Ofir, trazendo 450 talentos de ouro.Fontes: o próprio texto bíblico · Hiram
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Hamath · Hoje: Hama · 35.136, 36.750 · versículo 4
- Tadmor · Hoje: Palmyra · 34.547, 38.274 · versículo 4
- Lower Beth-horon · Hoje: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · versículo 5
- Upper Beth-horon · Hoje: Beit Ur al Fauqa · 31.886, 35.114 · versículo 5
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 6
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 6
- City of David · 31.774, 35.236 · versículo 11
- Edom · 30.746, 35.604 · versículo 17
- Red Sea · Hoje: Gulf of Aqaba · 28.750, 34.750 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org