Nations Bible

2 Crônicas 32

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Worri Asoorii Yerusaalemitti Duule

1Hisqiyaas waan kana mara addatamumma'aan hujee fixeen duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib Yihuda'atti duulee, injifatee ka ifii godhatiisa hedee qachoota dalleya dhaka'aa qabanu marse. 2Senaaheriib Yerusaalem loliisaaf hedee akka dhufeeru, Hisqiyaas yennaa beeke, 3inni madda bisaanii ka qacha'aan ala jiranu duuchiisiisaaf, qondaaltotaa fi ajajjoota loltoota ifii woliin mari'ate; isaanille isa qarqaarane. 4Kolbaan hedduun wolitti qabantee, «Mootiin Asoorii dhufee maaf bisaan bacaa dhaggata» jedhanee, madda bisaanii maraa fi anguree lafa jala lola'u mara duuchane. 5Hisqiyaasiin mootichi jabaatee hujee, dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressee, xelleephoo irratti ijaare; gara alaatiin dalleya dhaka'aa dhibii itti ijaaree kaabii, «Miiloo» jedhantu ta qachaa Daawitii keessaalle jabeesse; akkasuma meya lolaa ka adda addaatii fi wontee bacaa huje. 6Qondaaltoti loltootaa kolbaa akka bulchanu godhee, isaan mara badhinna karra qacha'aa dura jirutti wolitti qabee, 7«Jabaadha'a! Jajjabaadha'a! Hunna guddoo isa woliin jirtu caalaa, ta nu woliin jirtu waan caaltuuf, mootii Asooriitii fi loltoota isa woliin jirtu bacaa tana sodaattanee hin nayina'a! 8Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte.

9Tanaan duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib loltoota ifii mara woliin qachaa Laakiishii marsee adoo jiruu, Hisqiyaasii fi kolbaa Yihuda'aa ta isa woliin Yerusaalem keessa jirtu maratti akka himanuuf tajaajiltoota ifii ergee, 10isaanille dhaqanee, «Mootiin Asoorii Senaaheriib, ‹Isin eennutti addattanee qachaa Yerusaalemii ka marfame kana keessa teettan? 11Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka mootii Asoorii jalaa nu hin baasa jedhee beelaa fi dheebu'uun isin fixaara. 12Kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin: Addee ciinca'aa takkattii duratti sagada'aatii isii irratti ciincaa dhikeessa'a jedhee ajajee addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ka balleesse Hisqiyaasuma kanaa motii? 13Anii fi abbootiin tiyya ta durii kolbaa lafa dhibi'ii irratti waan goone hin beettanuu ree? Waaqoti gosa biyya adda addaa sun lafa isaanii harka kiyya jalaa baasuu dande'aneeranii ree? 14Waaqota gosa biyya adda addaa ka abbootiin tiyya ta durii balleessite mara keessaa kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu ka dande'e kam ree? Waaqi keessan harka kiyya jalaa attam isin baasuu dande'a ree? 15Tanaaf, amma, akka kanaan Hisqiyaas isin hin sobin yookiin isin hin dokonkorsin; Waaqi gosa biyya adda addaa yookiin ka mootummaa kamiille kolbaa ifii harka kiyya jalaa yookiin harka abbootii tiyyaa jalaa baasuu ka dande'e waan hin jirreef, isa hin addatina'a! Waaqi keessanille akkasuma harka kiyya jalaa isin baasuu hin dande'u› jedha» jedhane.

16Tajaajiltooti Senaaheriibii Mootii Waan Maraa Waaqaa fi tajaajilaa isaa Hisqiyaas irratti dubbii badduu tana caalte dubbatane. 17Mootichille akkasuma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii arrassiisaan, «Waaqoti gosa biyya adda addaa ka dhibiin kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu akkuma hin dandeenne, Waaqi Hisqiyaasille kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu hin dande'u» jedhee xalayaa barreesse. 18Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa kolbaa sodaachisanee bararassanee qachaa qabatiisaaf, kolbaa Yerusaalemii worra dalleya dhaka'aa irra dhaabbataneeranu qoonqoo ifii ol qabatanee afaan Ibrootaatiin itti hogisane. 19Waaqota kolbaa lafa irraa ka harki namaa huje irratti akkuma dubbatane, Waaqa Israa'elii irralle'etti akkasuma dubbatane.

20Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichii fi ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi marroo dubbii tanaa gara Mootii Waan Maraa daadimatanee, gara ol-gubba'aa iyyane. 21Mootiin Waan Maraa ergamaa ifii ergee, addee quttuma mootii Asoorii keessaa loltoota jajjaba, sooressitootaa fi qondaaltota mara akka fixamanu godhe. Maarre mootichi Senaaheriib qaanowee gara biyya ifii deebi'e. Yennaa inni gara galma waaqa ifii seenelle ilmaan isaatuu achitti shallaaga'aan isa ijjeette.

22Maarre Mootiin Waan Maraa Hisqiyaasii fi kolbaa Yerusaalemii harka mootii Asoorii Senaaheriibiitii fi harka diinota isaa mara jalaa isaan baase; worra adaala isaanii jiranu mara woliin nageyaan akka le'anu isaan godhe. 23Kolbaan bacaan Mootii Waan Maraatiif kennansa fidanee gara Yerusaalemii dhufanee, mootii Yihuda'aa Hisqiyaasiifille kennansa gatii guddo'oo fidanee, guyyaa saniin jalqabee inni gosa biyya adda addaa mara duratti ulfinna dhaggate.

Muummee Mootummaa Hisqiyaasii

24Baruma san Hisqiyaas dhibamee du'iisa geye; inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne; akka isa fayyisulle beessisa isaaf kenne. 25Hisqiyaas ammoo koore malee waan dansaa isaaf godhameef Waaqa hin galateeffanne. Tanaaf, mufiin Mootii Waan Maraa isa irratti, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii irratti dhutte. 26Te'uu malee marroo koora ifiitiif, Hisqiyaas gad ifi qabee, innii fi kolbaan Yerusaalemiille gad ifi qabanee, tanaaf bara mootummaa isaa mufiin Mootii Waan Maraa isaan irratti hin dhunne.

27Hisqiyaas qabeennaa fi ulfinna guddaa qabaayyu; inni kolloota meetii, worqii, dhakaa gatii guddo'oo, uddowaa adda addaa, wonte'ee fi meya gatii guddo'oo ka adda addaa itti kuufatu ijaarrate. 28Akkasuma gootaraa midhaan ficha'aa, okkotee daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa qabaayyu; loon ifiitiif moonaa, hoole'ee fi re'ee ifiitiif gooree qabaayyu. 29Waan kana mara irratti ede'ee, Mootiin Waan Maraa qabeenna bacaa waan isaa kenneef, inni karra hoole'ee, re'e'eetii fi loonii bacaalle horatee, qachaa hedduu ijaarrate. 30Madda Giihonii maddu ka gatiitti'ii kiphee, bisaan gara seensa adu'uu gara qachaa Daawitii anguree keessa gad akka lola'u ka godhe Hisqiyaas; hujiin isaa marti isaaf teete. 31Qondaaltoti biyya Baabilonii baasa biyya keessatti te'e gaafatiisaaf namoota yennaa ergane, Waaqi isa haga ilaaliisaa fi waan gadhaa isaa keessa jiru mara beekiisaaf isa lakkise.

32Wonni dhibiin ta Hisqiyaasiin mootichi hujee fi hujiin inni addatamumma'aan huje, mudhii raagicha Isaayaasii ilma Amosiitii fi kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 33Hisqiyaas du'ee addee awwaala sanyii Daawitii ta gatiitti'iititti awwaalame; yennaa inni du'e kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii marti ulfinnaan isa awwaalane; ilmi isaa Minaaseen addee isaatitti mootii te'e.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A invasão de Senaqueribe e o livramento

  • Diante da ameaça do cerco assírio, Ezequias e seus líderes taparam todas as fontes naturais fora de Jerusalém para privar os invasores de água. O rei também canalizou as águas da fonte superior de Giom diretamente para o lado ocidental da Cidade de Davi, assegurando o abastecimento interno da cidade.Fontes: o próprio texto bíblico · Gihon
  • Enquanto Senaqueribe sitiava a fortaleza judaica de Laquis, ele enviou emissários a Jerusalém para desmoralizar os defensores. Os mensageiros assírios gritaram em alta voz em hebraico para o povo que vigiava sobre as muralhas da cidade, tentando aterrorizá-los para que se rendessem.Fontes: o próprio texto bíblico · Lachish · Sennacherib
  • Em resposta às ameaças assírias, o rei Ezequias e o profeta Isaías, filho de Amoz, uniram-se em oração ao céu por livramento. O relato bíblico registra que outros detalhes do reinado e da devoção de Ezequias foram preservados na visão de Isaías, nos anais reais.Fontes: o próprio texto bíblico · Isaiah · Amoz

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 1, 4, 7, 9, 10, 11, 13, 21, 22
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 9, 10, 12, 18, 19, 22, 23, 25, 26, 33
  • City of David · 31.774, 35.236 · versículos 5, 30
  • Lachish · Hoje: Tell ed Duweir · 31.565, 34.849 · versículo 9
  • Gihon · Hoje: Gihon Spring · 31.773, 35.236 · versículo 30
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 31

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.