2 Crônicas 30
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Hisqiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilifate
1Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame. 2Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji'a lammeesso'oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. 3Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te'iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna'atti jilifatiisaaf hin dandeenne. 4Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. 5Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa'elii mara keessaa, Bersheeba'aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanu murteeffatane. 6Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane.
Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a. 7Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te'ina'a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. 8Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a! 9Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja'aa fi mararaa waan te'eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji'e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi'anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.
10Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase'ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi'ii fi murgo'oon itti kollane. 11Te'uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase'eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. 12Biyya Yihuda'aa keessalle'etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.
Jilti Irra Dabaramaa Jilifante
13Ji'a lammeesso'ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. 14Isaan addee ciinca'aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. 15Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. 16Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. 17Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu waan hin te'iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. 18Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! 19Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. 20Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage'e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. 21Lewwootii fi hayyooti meya faaru'uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya'aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda'aan faarfataa, kolbaan Israa'elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. 22Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. 23Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. 24Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'e'ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi woyyoonsane. 25Gumiin Yihuda'aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa'el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa'el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. 26Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa'elii duudii irratti mootii te'ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te'e. 27Hayyootii fi Lewwooti ka'anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba'aa irraa daadimata isaanii dhage'e.
Você sabia?
A celebração da Páscoa de Ezequias
- Ezequias e a assembleia em Jerusalém adiaram a Páscoa para o segundo mês porque não havia sacerdotes consagrados em número suficiente a tempo e o povo ainda não havia se reunido.Fontes: o próprio texto bíblico · Hezekiah
- O rei enviou mensageiros com cartas por toda a terra, de Berseba até Dã, convidando os sobreviventes das invasões assírias das tribos do norte, como Efraim, Manassés e Aser, a adorar juntos em Jerusalém.Fontes: o próprio texto bíblico · Beersheba · Assyria
- Quando muitos visitantes do norte comeram a refeição pascal sem a purificação ritual prescrita pela Lei de Moisés, Ezequias orou para que Deus perdoasse a todos os que buscavam o Senhor de coração, e o Senhor sarou o povo.Fontes: o próprio texto bíblico · Moses
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 2, 3, 5, 11, 13, 14, 21, 26
- Dan · Hoje: Tel Dan · 33.249, 35.652 · versículo 5
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 6
- Kidron · Hoje: Kidron River · 31.780, 35.240 · versículo 14
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org