Nations Bible

2 Crônicas 21

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Yohoraam Mootii Yihuda'aa Te'e

1Yoshaafaax du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e. 2Obboleeyyan Yohoraamii Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiya'a; isaan kun marti ilmaan Yoshaafaaxii mootii Israa'elii ti. 3Abbaan isaanii tokko tokkoo isaaniitiif kennansa bacaa worqii, meetii, meya gatii guddo'ootii fi qachoota Yihuda'aa keessaa ka dalleya dhaka'aa qabulle isaaniif kenne; Yohoraam angafa waan te'eef ammoo mootummaa isaaf kenne.

4Yohoraam mootummaa abbaa ifii qabatee yennaa jabaate, obboleeyyan ifii mara akkasuma qondaaltota Israa'elii keessaa garii shallaaga'aan ijjeese.

5Yohoraam yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche. 6Inni intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma sanyiin Ahaabii goote, karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 7Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin gondooroo gondooratee, isaa fi sanyii isaatiif haga bara baraa ka issu kenniisaaf waadaa waan galeeruuf, Yohoraam balleessuu hin barbaanne. 8Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootummaa ifii dhaabatte. 9Achiin duuba Yohoraam ajajjoota ifiitii fi garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee duulee, adoo worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ta garreettaa fardaan harkifamu marsaneeranuu, inni halkaniin ka'ee lolee isaan injifate. 10Edoom haga adhaatitti bulchiinsa Yihuda'aa finqilteerti; Yohoraam Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkiseef, Yennuma san Liibnaalle bulchiinsa Yihuda'aa finqilte. 11Inni koobota Yihuda'aa irratti addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ijaaree, kolbaan Yerusaalemii Mootii Waan Maraatiif akka hin addatanne godhee, worra Yihuda'aa dokonkorse.

12Eliyaasiin raagichi xalayaa gara Yohoraamii mootichaa ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Daawitii abbaa abbootii teeti ta durii, ‹Ati karaa abbaa keeti Yoshaafaaxii yookiin karaa Aasaa mootii Yihuda'aa hordofatiisa lakkittee, 13karaa mootota Israa'elii hordofattee, akkuma maatiin Ahaabii waaqota dharaa waaqonfatte, kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalem keessa leetulle waaqota dharaa akka waaqonfattu goote; obboleeyyan teeti, maatii abbaa keetii, worra si caalanulle ijjeette. 14Kunoo, Mootiin Waan Maraa adabbii jadduu kolbaa teeti, ijoollee teeti, niitota teetii fi waan ati qaddu maratti buusa. 15Atille dhukkuba hamaa ka madhumaan teeti guyyuma guyya'aan dhibuun hin rakkatta; muummee irratti madhumaan teeti gadhaa keeti keessaa gad hin baati› jedha» jedhe.

16Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaatii fi worra Arabaa ka biyya Itoophiya'aa bira le'anu Yehoraam irratti kaase. 17Isaan biyya Yihuda'aatitti duulanee qabatanee, meya mana mootumma'aa keessa jiru mara, ilmaan isaatii fi niitota isaa mara fudhatanee deemane; ilma isaa maandhicha Ahaaziyaa malee ilmi tokkolle ka isaaf hafe hin jiru.

18Tana maralle'een duuba, Mootiin Waan Maraa dhukkuba madhumaanii ka hin fayyine Yohoraamitti buuse. 19Yohoraam dhukkuba kanaan rakkataa turee, dhuma woggaa lammeesso'ootitti sababa dhukkuba kanaatiin madhumaan isaa gadhaa isaa keessaa gad baatee guddoo farree du'e; kolbaan isaa ulfinna abbootii isaatiif goola ibiddaa akka dhaabanu, ulfinna isaatiif goola ibiddaa dhaabuu hin barbaanne. 20Yohoraam yennaa mootii te'u nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche; yennaa inni du'e nami tokkolle isaaf hin gaddine; isaan qachaa Daawitii keessatti awwaalane malee, addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Reinado de Jeorão

  • Jeorão assegurou seu trono matando todos os seus irmãos depois que seu pai Josafá lhes havia dado presentes e cidades fortificadas em Judá. Seu casamento com Atalia, filha de Acabe e Jezabel, alinhou ainda mais Judá com as práticas religiosas idólatras do reino do norte de Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoram
  • Durante o reinado de Jeorão, o território vizinho de Edom revoltou-se com sucesso contra o domínio de Judá e estabeleceu seu próprio rei. Ao mesmo tempo, a cidade fortificada de Libna também se rebelou contra sua autoridade, refletindo o enfraquecimento das fronteiras de Judá.Fontes: o próprio texto bíblico · Libnah
  • O profeta Elias comunicou-se com o rei Jeorão por meio de uma carta escrita em vez de um encontro pessoal, repreendendo-o por assassinar sua família e desviar o reino. Após essa advertência, Judá sofreu invasões de filisteus e árabes, e Jeorão morreu de uma doença dolorosa, sem luto público nem sepultamento nos túmulos reais.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoram

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • City of David · 31.774, 35.236 · versículos 1, 20
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 5, 11, 13, 20
  • Edom · 30.746, 35.604 · versículos 8, 9, 10

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.