Nations Bible

2 Crônicas 2

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Qophii Ijaarsa Galma Waaqaa

1Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiif Galmi akka ijaaramu, manni mootumma'aa ka isaalle akka ijaaramu murteesse. 2Inni namoota ba'aa ba'atanu kuma torbaatama, namoota kooba irraa dhakaa bocanu kuma saddeettama, namooti kum sadii fi dhibbi jaa ammoo hujii akka toowatanu godhe.

3Solomoon gara Hiiraamii mootii biyya Xiiroosii ergaa ergee, «Abbaan kiyya Daawiti mana mootumma'aa akka ijaarratuuf muka hindheensaa akkuma ergiteef, analle'eef ergi. 4Ani Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa kiyyaa ka hixaanni foolee dansa'aa keessatti aarfamu, ka daabboon Waaqaaf woyyoontu yennaa mara keessatti isa dura keyantu, galgalaa fi ganama kennansi gubamu itti dhikeeffamu, guyyaa Sanbataatii fi baatii ji'aatitti, yennaa jila Mootii Waan Maraa ta beekkanteetitti waan kana keessatti dhikeessanu, ijaariisaaf murteeffadheera. Kun kolbaa Israa'eliitiif seerata haga bara baraa ti. 5Waaqi keenna waaqota dhibii mara waan caaluuf, Galmi ani isaaf ijaaru gudda'a. 6Te'uu malee ol-gubba'aa fi ol-gubbaan olii eega isa qabatuu hin dandeenneeyyuu, eentu Galma isaaf ijaaruu dande'a ree? Addee kennansa isa duratti dhikeessanuuf qofa isaaf ijaara malee, ka Galma isaaf ijaaruu dande'u ani eennu ree? 7Maarre amma nama ogeessa worqii, meetii, sageettu'uu fi hujii sibiila dhibi'iille, woyaa dhiillee, woyaa bifa cuquliisaa dhowuu beeku naaf ergi. Akkasuma nama Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa tee'ee, namoota ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse woliin meya adda addaa irratti woy qiriixee bifa itti baasee hujuu dande'u naaf ergi. 8Namooti keeti gaara Libaanonii irraa muka muriisa waan qabanuuf, Libaanon irraa muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi muka sandali'ii naaf ergi; namooti kiyyalle namoota keeti woliin hin hujan. 9Galmi Waaqaa ka ani ijaaraaru kun gudda'aa fi miidhagaa te'uu waan qabuuf, falaxaan hedduun naaf qophowuu ti. 10Ani tajaajiltoota teeti ta muka murtuuf, bullaa qamadi'ii kuntaala dhibba afurii fi afurtama, garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, akkasuma daadhii woyni'iille litirii kuma dhibba afur, zayitii ejersaa litirii kuma dhibba afur hin erga» jedhe.

11Achiin duuba mootichi Xiiroosii Hiiraam xalaya'aan Solomooniif deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jaalatuuf, akka ati mootii isaanii teetu si godhe» jedhe. 12Hiiraam itti dabaleelle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka ol-gubba'aa fi lafa dade leellifamuu ti! Inni ilma qaroo malaamessaa fi hubantii guddoo qabu ka Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifiille ijaaratu mooticha Daawitiif kenneera. 13Ani amma ka hujii harkaatiin dandeettii qabu Huraam si'iif hin erga. 14Haati isaa dubartii sanyii Daanii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii ti. Inni hujii worqi'iitii fi meeti'ii, hujii sageettu'uutii fi sibiilaa, hujii dhaka'aatii fi mukaa, akkasuma woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiille'ee fi diintuu quncee talba'aa irraa hujiisa beeka. Inni waan akka hujuuf gaafatame mara dhaka'aa fi muka irratti qiriixuu hin dande'a. Inni namoota keeti ka hujii harkaa hujuu beekanuu fi namoota goottaa kiyya, abbaa keeti Daawitii woliin hujuu hin dande'a.

15«Amma goottaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii ta waadaa galte san ergi. 16Nuutille muka haga ati barbaaddu gaara Libaanonii irraa murree wolitti hiinee, abbaayaa irra haga Yophe'ee siif hin ergina; atille achii gara Yerusaalemii fudhatuu hin dandeetta» jedhe.

17Achiin duuba Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti dur laakkossiise, namoota alagaa biyya isaa keessa jiranu mara laakkossiise; namooti sunille kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba jaa. 18Isaan keessaa namooti kum torbaatam ba'aa akka ba'atanu, namooti kum saddeettami gaara irraa dhakaa akka bocanu, namooti kum sadii fi dhibbi jaa, hujii akka toowatanu godhe.

Você sabia?

Preparativos para a Construção do Templo

  • Para obter madeira para o templo, Salomão renovou a aliança de Davi com Hirão, rei da cidade fenícia de Tiro. Hirão providenciou para que madeiras de cedro, cipreste e sândalo da cordilheira do Líbano fossem unidas em jangadas e transportadas pelo mar Mediterrâneo até o porto de Jope, de onde os trabalhadores de Salomão as levariam por terra até Jerusalém.Fontes: o próprio texto bíblico · Hiram · Joppa · Lebanon
  • O mestre artífice enviado por Hirão para coordenar os trabalhos artísticos foi Hurão-Abi, cuja mãe era da tribo israelita de Dã e o pai era de Tiro. Sua perícia abrangia metalurgia, cantaria, carpintaria, entalhe e a tecelagem e tingimento de tecidos finos em púrpura, carmesim e azul.Fontes: o próprio texto bíblico · Dan · Hiram
  • Salomão organizou uma enorme força de trabalho composta por estrangeiros residentes na terra de Israel, totalizando 153.600 homens conforme um recenseamento anterior iniciado por Davi. Esses homens foram designados como carregadores, cortadores de pedra nas pedreiras das montanhas e supervisores das obras.Fontes: o próprio texto bíblico · David

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Tyre · 33.271, 35.196 · versículos 3, 11, 14
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 7, 16
  • Lebanon · 33.540, 35.584 · versículos 8, 16
  • Great Sea · Hoje: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 16
  • Joppa · Hoje: Jaffa · 32.054, 34.753 · versículo 16

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.