Nations Bible

2 Crônicas 14

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mootii Yihuda'aa Aasaa

1Abiiyaan mootichi du'ee, qachaa Daawitii keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan addee isaatitti mootii te'e; bara mootummaa isaa biyyi woggaa kudhan nageya dhaggatte. 2Aasaan waan dansa'aa fi sirrii te'e fuula Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti huje. 3Inni addee ciinca'aatii fi addee waaqonfanna'aa ta waaqota ormaa diigee, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu butuchee, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjisse. 4Namooti Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii akka barbaadanu, seeraa fi ajaja isaalle akka eegatanu ajaje. 5Inni ammalle addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaatii fi addee ciinca'aa ta waaqota dharaatiif hixaana irratti aarsanu ta qachoota Yihuda'aa mara keessaa balleesse. Bara bulchiisa isaa mootummaan nageya dhaggatte. 6Biyyi nageya waan qabaatteef, inni biyya Yihuda'aa keessatti qachoota dalleya dhaka'aa qabanu ijaare. Mootiin Waan Maraa foora waan isaa kenneef, bara san keessa woraanni isatti hin kaane. 7Inni namoota Yihuda'aatiin, «Biyyi tun harka keenna jala waan jirtuuf, kowa'a, qachoota kana ijaarree, dalleya xelleephoo qabu itti naannessinee, karra itti baafannee, danqaraa itti goona. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keenna waan barbaanneef, inni karaa maraan foora nuu kenneera» jedhe. Maarre isaan ijaarane; isaaniif milkootte. 8Aasaan mootichi, Yihudaa keessaa loltoota kuma dhibba sad ta wontee gugurdo'oo fi eboo qabanu, gosa Beniyaamin keessalle'ee loltoota kuma dhibba lamaa fi kuma saddeettama ta wontee didiqqo'oo fi daaya qabanu qabaayyu. Loltooti sun marti loltoota jajjaba dandeettii qabanu.

9Nami biyya Itoophiya'aa Zeraan loltoota miliyoona tokkoo fi garreettaa fardaan harkifamu dhibba sadiin isaanitti duuliisaaf bayee haga Maareshaa dhufe. 10Aasaan isa loliisaaf gad baye; isaan dhooqa Zefaata'aa ta Maaresha'atti dhikoo jirtu keessatti wol loliisaaf addee qabatane. 11Achiin duuba Aasaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waammatee, «Ee Mootii Waan Maraa, ka akka keeti worra dadhabaa qarqaaree, worra hunnaameyyii jalaa baasuu dande'u hin jiru. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, nuuti si addannee maqaa keetiin loltoota bindillaa tana loliisaaf baaneerraa, ati nu qarqaar. Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa keenna; nami tokkolle si hin injifatin» jedhe.

12Maarre Mootiin Waan Maraa fuula Aasaa mootichaatii fi worra Yihuda'aa duraa worri Itoophiya'aa akka injifatamanu godhe; isaanille baqatane. 13Aasa'aa fi loltooti isaa haga Geraariititti isaan ari'ane; gaafas loltoota Itoophiya'aa keessaa hedduun waan dhumataneef, worri hafe jabaatiisa hin dandeenne; isaan Mootii Waan Maraatii fi loltoota isaa duratti waan bututaneef, loltooti Yihuda'aa boojuu bacaa dhaggatane. 14Mootiin Waan Maraa namoota qachoota adaala Geraarii jiranu mara waan bararasseef, loltooti Yihuda'aa qachoota adaala sanii mara injifatane. Isaan qachoota san mara saamanee, boojuu bacaa guuratane. 15Isaan moonaa hori'ii diiganee hoolee, re'ootaa fi gaala hedduu booji'anee, gara Yerusaalemii deebi'ane.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

As reformas e a vitória de Asa

  • Ao suceder seu pai Abias, o rei Asa iniciou amplas reformas religiosas em Judá, removendo altares estrangeiros, altares de incenso, lugares altos, colunas sagradas e postes de Aserá para restabelecer o culto a Deus.Fontes: Asa · o próprio texto bíblico
  • O exército de Judá contava com divisões tribais distintas: 300.000 guerreiros de Judá equipados com grandes escudos e lanças, além de 280.000 guerreiros de Benjamim armados com escudos menores e arcos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Quando Zerá, o cuxita, invadiu com uma imensa força de um milhão de homens e trezentos carros de guerra, Asa o enfrentou no vale de Zefatá, perto de Maressa, derrotando completamente os invasores e perseguindo-os até Gerar.Fontes: Zerah · Mareshah · Gerar · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • City of David · 31.774, 35.236 · versículo 1
  • Mareshah · Hoje: Tel Maresha · 31.593, 34.898 · versículos 9, 10
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 15

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.