2 Crônicas 12
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Mootiin Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti Duule
1Rehobiyaam mootummaa ifii akkuma jabeeffateen, innii fi kolbaan Israa'elii marti seera Mootii Waan Maraa lakkisane. 2Isaan Mootii Waan Maraatiif addatamuu waan dhabaneef, Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalemitti duule. 3Inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatama, loltoota worra Liibiya'aa, loltoota worra Sukiimiitii fi worra Itoophiya'aa dabalatee, loltoota laakkossi isaanii hagana hin jedhanne fudhatee, biyya Gibxi'ii keessaa ka'ee dhufee, 4qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu qabatee, haga Yerusaalemii dhufe.
5Achiin duuba Shemaa'iyaan raagichi gara Rehobiyaamiitii fi gara sooreyyii biyya Yihuda'aa worra Shiishaaq duraa baqatee Yerusaalemitti wolitti qabameeruu dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Isin waan na lakkittaneef, anille harka Shiishaaqiititti isin lakkiseera› jedha» jedheen.
6Mootichii fi Sooreyyiin Israa'elii gad ifi qabanee, «Wonni Mootiin Waan Maraa huju marti haqa» jedhane.
7Mootiin Waan Maraa akka isaan gad ifi qabane yennaa dhagge, ammalle jecha ifii gara Shemaa'iya'aa ergee, «Isaan ana Mootii Waan Maraa duratti waan gad ifi qabaneef, ani dafee isaan hin baasa malee isaan hin balleessu. Aariin tiyya karaa Shiishaaqiitiin Yerusaalem irratti hin bobeettu. 8Te'uu malee, isaan ana tajaajiliisii fi mootota biyya lafaa tajaajiliis garaagarummaa akka qabu akka beekanuuf, Shiishaaq isaan hin bulcha» jedhe.
9Mootichi Gibxi'ii Shiishaaq Yerusaalem yennaa lole, qabeenna Galma Waaqaatii fi qabeenna mana mootumma'aa saame. Inni waan mara, wontee hedduu Solomoon worqi'iin hujisiiselle fudhate. 10Maarre mootichi Rehobiyaam addee wontee fudhataneetitti sageettuu irraa wontee hujisiisee, harka qondaaltota eeddota karra mana mootumma'aatitti kenne. 11Mootichi gara Galma Waaqaa yennaa dhaqu mara, eeddoti karra mana mootumma'aa wontee san qabatanee, isa woliin dhaqan; yennaa deebi'anu ammoo kolloo eeddotaa keessa keyan. 12Rehobiyaam Mootii Waan Maraatiif waan ifi gad qabeef, aariin Mootii Waan Maraa ijjumaa isa hin balleessine. Biyya Yihuda'aa keessatti wonni dansaan teete.
13Rehobiyaam Yerusaalem keessa mootii jabaa ifi tolfate. Inni yennaa mootii te'e nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni Yerusaalem keessatti woggaa kudhanii torba mootii te'e. Yerusaalem qachoota Mootiin Waan Maraa qachoota lafa gosoota Israa'elii mara keessaa addee inni akka itti waaqonfamuuf filate. Maqaan haadha Rehobiyaamii Na'aama'a; isiin intala nama biyya Amoonii ti. 14Inni fedhii Mootii Waan Maraa waan hin barbaadiniif, waan hantuu huje.
15Wonni Rehobiyaamiin mootichi bara mootummaa ifii keessa huje jalqabaa haga dhumaatitti, kitaaba dabarsii hidda dhalootaa ka Shemaa'iyaa raagichaatii fi kitaaba dabarsi'ii ka Iddoo mudhii dhagguu keessatti galmeeffamee jiraa motii ree? Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara jiruu ifii mara wol lolane. 16Rehobiyaam du'ee, addee awwaala moototaatitti qachaa Daawitii keessatti awwaalame; ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e.
Você sabia?
A invasão de Sisaque e o reinado de Roboão
- No quinto ano do reinado de Roboão, o faraó Sisaque (identificado como Sheshonk I) invadiu Judá com um grande exército de coalizão, conquistando cidades fortificadas e chegando a Jerusalém. Registros das campanhas militares de Sisaque foram preservados no pórtico em Carnaque, na antiga Tebas.Fontes: Shishak · o próprio texto bíblico
- Depois que Sisaque saqueou os tesouros do templo e do palácio real, incluindo os escudos de ouro feitos durante o reinado de Salomão, Roboão os substituiu por escudos de bronze. Os guardas do palácio carregavam essas réplicas de bronze sempre que o rei ia à casa do SENHOR, guardando-as na câmara da guarda logo em seguida.Fontes: o próprio texto bíblico · Shishak · Solomon
- O relato sobre o reinado de Roboão cita registros históricos redigidos pelo profeta Semaías e pelo vidente Ido. Semaías transmitiu advertências proféticas aos líderes de Judá durante a invasão egípcia, enquanto Ido escreveu relatos genealógicos e históricos.Fontes: o próprio texto bíblico · Shemaiah · Iddo
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 2, 3, 9
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 4, 5, 7, 9, 13
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículo 13
- City of David · 31.774, 35.236 · versículo 16
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org