1 Timóteo 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ulaagaa Sooreyyii Wolde'a Kiristaanaa
1Nami tokko sooressaa Wolde'a kiristaanaa te'iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga'a. 2Sooressaan wolde'a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le'u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande'u, 3nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne, 4nama maatii ifii sirri'itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te'uu qaba. 5Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande'ee wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande'a ree? 6Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexanatti muranteetti akka hin jinne, nama dhikoo dhugeeffate hin te'in. 7Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.
Ulaagaa Qarqaartota Wolde'a Kiristaanaa
8Akkasuma qarqaartoti wolde'a kiristaanaalle worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi'iif joljolu te'uu hin qabanu; 9wodanaa qullu'uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga'aa jabeessanee qabatuu qaban. 10Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te'ane qarqaartota wolde'a kiristaanaa te'anee tajaajilanuu ti. 11Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te'uu qaddi. 12Qarqaartichi wolde'a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te'ee, ijoolle'ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te'uu qaba. 13Qarqaartoti wolde'a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan.
Dhossaa Guddoo Dhugeeffanna'aa
14Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si'iif barreessaara. 15Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba'aa fi hundee dhugaa wolde'a kiristaanaa ka Waaqa jiraata'aa ti. 16Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo'oo; tanaaf,
«Inni foon uffatee mudhateera;
dhugaa akka te'e Ayyaanaan mirkaneeffameera.
Ergantoota Waaqaatitti mudhateera;
kolbaa biyya lafaatiif lallabameera.
Biyya lafaa duudi'itti dhugeeffatameera;
ulfinnaan gara ol-gubba'aa fudhatameera» jedhamee himameera.

Você sabia?
Supervisores, diáconos e a casa de Deus
- O capítulo diz que quem aspira a ser supervisor deseja uma tarefa nobre, mas deve ser irrepreensível: marido de uma só mulher, moderado, hospitaleiro, apto para ensinar, amável e livre do amor ao dinheiro, entre outras qualidades. Deve governar a própria casa e manter os filhos sob controle com toda a dignidade, pois o autor pergunta como pode cuidar da igreja de Deus quem não sabe fazer isso. Não deve ser recém-convertido, ou poderá ficar presunçoso e cair na mesma condenação do diabo, e precisa ter boa reputação entre os de fora.Fontes: o próprio texto bíblico
- Os diáconos devem ser dignos, não de fala dupla, não dados a muito vinho e não gananciosos por dinheiro, e devem guardar o mistério da fé com a consciência limpa. Devem ser provados primeiro e só podem servir se forem irrepreensíveis; como o supervisor, o diácono deve ser marido de uma só mulher e governar bem os filhos e a própria casa. O capítulo também diz que as mulheres devem ser dignas, não caluniadoras, mas moderadas e fiéis em tudo, e que os que servem bem como diáconos alcançam uma posição elevada e grande confiança na fé que há em Cristo Jesus.Fontes: o próprio texto bíblico
- O autor espera chegar em breve, mas escreve caso se atrase, para que o destinatário saiba como cada um deve se portar na casa de Deus, a igreja do Deus vivo, coluna e fundamento da verdade. O capítulo termina com uma confissão comum de que o mistério da piedade é grande: ele apareceu em carne, foi vindicado pelo Espírito, foi visto pelos anjos, foi proclamado entre as nações, foi crido em todo o mundo e foi elevado em glória.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org