1 Tessalonicenses 5
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Dhufa Gootta'aatiif Qophowa'a
1Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu. 2Guyyaan Gootta'aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan. 3Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu. 4Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu'uu isinitti hin dhufu. 5Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya'aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti. 6Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi'ii me rannuu ti. 7Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. 8Nuuti ammoo worra guyya'aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna'aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti. 9Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne. 10Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu'uuf du'e. 11Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara'a.
Gorsaa fi Nageya Muumme'ee
12Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta'aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna. 13Sababa hujii isaan hujanuutiif jaalalaan guddisa'aa isaan ulfeessa'a. Isinille woliif nageya qabaadha'a.
14Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina. 15Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi'iif dansaa godhiisaaf yaadadha'a malee, nami tokkolle waan hantu'uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha'a.
16Yennaa mara gammada'a; 17yennaa mara daadimadha'a; 18waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha'a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
19Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina'a; 20jecha raagaa hin tuffatina'a; 21ammoo waan maraa qorqora'aa ilaala'a; waan dansaa qabadha'a; 22waan hantuu duudii irraa fagaadha'a.
23Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu.
24Ka isin waame addatamaa waan te'eef, inninuu tana hin godha.
25Obboleeyyan tiyya! Nu'uufille daadimadha'a.
26Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha'a.
27Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi'iif dubbittanu maqaa Gootta'aatiin maganne'e isiniin jedha.
28Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.

Você sabia?
Despertos para o Dia do Senhor
- Este capítulo diz que o Dia do Senhor virá como um ladrão de noite e que a destruição chegará de repente, como dores de parto, enquanto as pessoas dizem: “Paz e segurança”. Ele chama os irmãos de filhos da luz e filhos do dia e os exorta a não dormir como os outros, mas a permanecer despertos e sóbrios.Fontes: o próprio texto bíblico
- Aos que pertencem ao dia se pede que sejam sóbrios e vistam a couraça da fé e do amor e o capacete da esperança da salvação. O capítulo diz que Deus não os destinou à ira, mas a obter a salvação por meio do Senhor Jesus Cristo, que morreu para que, despertos ou dormindo, vivam juntos com ele.Fontes: o próprio texto bíblico
- As palavras finais pedem aos irmãos que reconheçam os que trabalham com diligência entre eles, presidem sobre eles e os instruem, tendo-os na mais alta estima por causa do seu trabalho. São exortados a advertir os indisciplinados, encorajar os desanimados, ajudar os fracos, ser pacientes com todos e não retribuir mal com mal. Também se lhes diz que não apaguem o Espírito nem tratem as profecias com desprezo, mas que provem todas as coisas, saúdem todos os irmãos com um beijo santo e façam esta carta ser lida a todos os irmãos.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org