1 Tessalonicenses 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Hujii Phawuloos Tasalonqee Keessatti Huje
1Obboleeyyan tiyya, gara keessan dhufiis keenna ka gatii hin qanne akka hin te'in isinuu hin beettan. 2Nuuti gara keessan adoo hin dhufin dura, Filiphisiiyuusitti akka rakkannee fi arraffanne hin beettan. Mormiin guddoon nu dhaqqaddulle, Oduu Gammadaa ta isa irraa dhutte akka isiniif hinnu Waaqi keenna jajjabeenna nu'uuf kenne. 3Nuuti dokonkoraan, yookiin yaada hammeennaatiin, yookiin maltumma'aan isin hin gorsine. 4Waaqi nu addatee, Oduu Gammadaa maganne'een waan nutti kenneef hin dubbanna. Nuuti nama gammachiisiisaaf adoo hin te'in, Waaqa gadhaa keenna qoree ilaalu, gammachiisiisaaf tana goona. 5Dubbii sossobaatiin, yookiin joljolummaa teenna gollannee gara keessan akka hin dhufin miidhassitanee hin beettan! Waan kana Waaqille hin beeka. 6Nuuti isin irraa yookiin worra dhibii irraa, nama tokko irralle'ee galata hin barbaanne. 7Nuuti akka ergantoota Kiristoosiititti waan barbaachisaa te'e isin gaafatuu hin dandeennaayyu. Ammoo akka haadha daa'ima ifii hoosittee guddittuu, qajeelumma'aan odduu teessan leene. 8Nuuti waan guddoo isin jaalannuuf, Oduu Gammadaa ta Waaqa irraa dhutte callaa adoo hin te'in, jiruu teennalle isiniif qoodiisaaf qophoonneerraayyu. Sababille isin jaalota teenna! 9Obboleeyyan tiyya, attam akka hunyee fi akka dadhanne hin qaabattan. Nuuti isin keessaa nama tokkolle'etti ba'aa akka hin teene, halkanii fi guyyaa hujataa, Oduu Gammadaa isiniif lallanne.
10Isin worra dhugeeffattane oddu'utti adabi keenna qulluu, balcha'aa fi ka komii hin qanne akka te'e isin dhugaa baatota; Waaqille nuuf dhugaa baya. 11Nuuti tokko tokkoo keessan, akka abbaan ijoollee ifii ilaalutti, akka ilaalle hin beettan. 12Le'ii Waaqa gara mootummaa ifiitii fi ulfinna ifiititti isin waame gammachiittu akka leetanu isin gorsaa, jajjabeessaa, magannee isiniin jenneerra.
13Nuuti marroo teessaniif yennaa maraa waan Waaqa galateeffannu qanna. Jecha Waaqaa, ka nuuti isiniif lallanne yennaa dhageettane, akka dubbii namaa adoo hin te'in akka jecha Waaqaatitti fudhattaneertan; jechi kun dhugumaan jecha Waaqaa, kama isin worra dhugeeffattane keessatti hujiisatti jiru. 14Obboleeyyan tiyya, isin fakkeenna worra biyya Yihuda'aa, ka Yesuus Kiristoosiin wolde'oota kiristaana Waaqaa te'anee hordottaneertan. Akkuma isaan harka worra Yihudootaatitti rakkatane, isinille harka kolbaa teessaniititti rakkattaneertan. 15Worri Yihudootaa Goottaa Yesuusii fi raagota ijjeesanee, nu'ulle miidhane. Isaan Waaqa hin gammachiisanu, nama tokkolle'een wolii hin galanu. 16Worra Yihudoota hin te'iniif, jecha isaan fayyisuuyyuu akka hin dubbanne nu dhooggan. Akkasiin yennaa maraa cubbuu ifi irratti fakkanfataa deeman. Amma gara muumme'eetitti mufiin Waaqaa isaan irratti dhutteerti.
Dharraa Phawuloos Deebi'ee Isaan Ilaaliisaaf Qabu
17Obboleeyyan tiyya, gadhaan keenna adoo isin bira jiruu, yennaa diqqo'oof ilaan wol dhagguu dhannee gargar baanulle, waan guddoo isin dharraaneef ila teennaan isin dhaggiisaaf guddoo wodhaanneerra. 18Nuuti gara keessan dhufiisaaf barbaanneerraayyu. Keessumattuu ani Phawuloos yennaa hedduu wodhaane; Seexanni ammoo nu kute. 19Addiin teenna, gammadi keenna, kallachi ulfinnaa ka nuuti Yennaa Goottaan keenna Yesuus dhufu dura dhaabbannee, ittiin ifi jajnu isin malee eennu ree? 20Dhugumaan, ulfinnii fi gammadi keenna isin.

Você sabia?
Ministério, sofrimento e um retorno impedido
- Paulo lembra aos leitores que ele e seus companheiros já haviam suportado sofrimento e tratamento vergonhoso em Filipos e, mesmo assim, tiveram ousadia para anunciar o evangelho apesar de forte oposição. Filipos, antes chamada Crênides, era a capital da província da Macedônia; Filipe da Macedônia fortificou a antiga cidade trácia e deu-lhe o seu próprio nome, e, sob o imperador Augusto, ela se tornou uma colônia romana, um assentamento militar de soldados romanos estabelecido para controlar o distrito recém-conquistado, descrita como uma Roma em miniatura.Fontes: o próprio texto bíblico · Philippi
- Paulo diz que tentou voltar repetidas vezes, mas Satanás o impediu, embora o desejo de ver os leitores cara a cara tivesse ficado ainda mais intenso. O nome Satanás significa adversário ou acusador, e no Novo Testamento é usado de forma intercambiável com o diabo mais de trinta vezes.Fontes: o próprio texto bíblico · Satan
- Os leitores são descritos como imitadores das igrejas de Deus na Judeia que estão em Cristo Jesus, tendo sofrido da parte dos seus próprios conterrâneos o que aquelas igrejas sofreram. Sob os romanos, no tempo de Cristo, a Judeia era a mais meridional das três divisões da Palestina e parte da província da Síria, incluindo os territórios de Judá, Benjamim, Dã, Simeão e parte de Efraim.Fontes: o próprio texto bíblico · Judea
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org