Nations Bible

1 Samuel 28

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Filisxeemoti Lolaaf Qophowane

1Bara san Filisxeemoti Israa'el loliisaaf loltoota ifii wolitti qabatane. Akiishi Daawitiin, «Atii fi namooti keetille na woliin akka duultanu beeki» jedhe.

2Daawitille, «Ani tajaajilaan keeti waan godhuu dande'u, atinuu dhaggu'uu jirta» jedheen.

Akiishi deebisee, «Guddoo dansa'a! Ani haga jiruu tiyyaa eeddicha kiyya si tolfadha» jedheen.

Saa'ol Worra Ekeraa Dubbisu Dubbisiifate

3Saamu'el du'ee Israa'elooti marti isaaf boottee qachaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalane. Bara san Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa balleesseeraayyu.

4Filisxeemoti wolitti qabamanee dhufanee adaala qachaa «Shuneem» jedhamutti qubatane. Saa'olille Israa'eloota mara wolitti qabatee gaara Giilbo'aa irra qubate. 5Saa'ol loltoota Filisxeemotaa yennaa dhagge, guddoo sodaatee, gadhaan isaa sheephise. 6Inni Mootii Waan Maraa yennaa gaafate, Mootiin Waan Maraa ammoo oojju'uun yookiin Uriimiin yookiin karaa raagotaalle'een deebii isaaf hin kennine. 7Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Dhaqee isii akka gaafadhu, dubartii ekeraa dubbittu naa barbaada'a» jedhe.

Isaanille deebisanee, «Kunoo, dubartiin ekeraa dubbittu takka Endoor keessa jirti» jedhaneen.

8Maarre Saa'ol woyaa dhibii uffatee, ifi wollaalchisee, nama lama woliin halkan gara dubartittii sanii dhaqee, «Maganne'e, ekeraa dubbisiitii nama ani sitti himadhu naaf kaasi!» jedheen.

9Dubartittiin ammoo deebittee, «Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa akka balleesse atinuu hin beetta. Na ijjeesiisaaf, tiyyoo na dura maaf keetta ree?» jetteen.

10Saa'ol, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, waan kanaan ati hin adabantu» jedhee maqaa Mootii Waan Maraatiin kakate.

11Achiin duuba dubartittiin, «Eennu si'iif kaasa?» jettee isa gaafatte.

Innille deebisee, «Saamu'el naaf kaasi!» jedheen. 12Dubartittiin yennaa Saamu'el dhaggite, qoonqoo guddo'oon iyyitee Saa'oliin, «Ati Saa'olii motii? Maaf na sodde?» jetteen.

13Mootichi isi'iin, «Hin sodaatin! Maan dhaggiisatti jirta?» jedhe.

Dubartittiin deebittee Saa'oliin, «Ayyaanni tokko tokko lafa keessaa ol bayuun dhagga» jette.

14Innille, «Inni maan fakkaata?» jedhee isii gaafate.

Isiin deebittee, «Jaarsi tokko geellaa uffatee ol bayiisatti jira» jetteen.

Achiin duuba Saa'ol akka inni Saamu'el te'e beekee ulfinna isaatiif fuulaan lafatti gad gombifame.

15Achiin duuba Saamu'el, Saa'oliin, «Ati maaf du'a keessaa kaasiisaan na rakkitta?» jedhe;

Saa'ol deebisee, «Ani rakkinna guddaa keessa jira; Filisxeemoti na loliisatti jirti; Mootiin Waan Maraalle na lakkisee, raagotaan yookiin oojju'uun deebii naaf kennuu dideera. Tanaaf maan akka godhu akka natti hintuuf, si waammadhe» jedheen.

16Saamu'elille, «Mootiin Waan Maraa si irraa fagaatee eega diina keeti sitti te'e, maaf na gaafattaa ree? 17Mootiin Waan Maraa waan natti dubbate muummessiisatti jira. Inni mootummaa teeti si harkaa fuudhee, jaala keeti Daawitiif kenneera. 18Ati Mootii Waan Maraatiif waan hin ajajaminiif, aarii isaa ta akka ibiddaa bobeettu sanille Amaaleqoota irratti ati waan hin muummessiniif, Mootiin Waan Maraa adha tana si irratti godheera. 19Ammalle, Mootiin Waan Maraa si'ii fi Israa'elootalle harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna; boru atii fi ilmaan teeti na bira hin dhuttan; Mootiin Waan Maraa loltoota Israa'eliille harka Filisxeemotaatitti dabarsee hin kenna» jedhe.

20Dubbii saamu'el dubbateen, Saa'ol sodaatee yennuma san akkuma hojjaa ifiitiin lafatti jige. Guyyaa sanii fi halkan san mara waan tokkolle hin nyaanneeyyu; tanaaf hunna dhabe. 21Dubartittiin gara Saa'olii dhuttee, akka inni guddoo bararaqe yennaa dhaggite, «Kunoo, ani tajaajiltuun teeti si'iif ajajameera. Lubbuu tiyya harkatti qabadhee waan ati natti hinte muummesseera. 22Amma maganne'e, waan ani tajaajiltuun teeti sitti himu dhage'i; nyaattee jabeenna dhaggattee akka deentuuf sagalee si'iif hin qopheessa» jetteen.

23Inni, «Hin nyaadhu» jedhee didate. Te'uu malee tajaajiltooti isaa dubartittii woliin guddoo waan isa kadhataneef, dubbii isaanii dhage'ee, lafaa ka'ee taqee irra tee'e. 24Dubartittiin jibicha cooma mana keessaa waan qadduuf, ariiti'iin qaltee, bullaa fuutee sukkuuntee daabboo uukoo hin qanne bilcheessite. 25Achiin duuba Saa'olii fi tajaajiltoota isaatiif dhikeessitee, isaanille nyaatane. Achiin duuba isaan halkanuma san ka'anee deemane.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Saul e a Médium de En-Dor

  • Após a morte de Samuel, Saul havia expulsado os médiuns e necromantes da terra de Israel. No entanto, quando o exército filisteu se reuniu em Suném e o SENHOR não lhe respondeu por sonhos, pelo Urim ou por profetas, o rei atemorizado disfarçou-se à noite para consultar uma médium sobrevivente na vizinha En-Dor.Fontes: o próprio texto bíblico · En-dor · Shunem · Gilboa
  • Enquanto Saul se preparava para a batalha iminente no monte Gilboa, Davi vivia no exílio sob a proteção de Aquis, um rei filisteu. Aquis depositava tanta confiança na fidelidade de Davi que o nomeou como seu guarda-costas pessoal permanente para a guerra contra Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Achish

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Mount Gilboa · 32.434, 35.414 · versículo 4
  • Shunem · Hoje: Sulam · 32.606, 35.334 · versículo 4
  • Amalek · 30.648, 34.422 · versículo 18

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.