1 Samuel 19
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Saa'ol Daawiti Ijjeesiisaaf Wodhaane
1Daawiti akka ijjeesanuuf Saa'ol ilma ifii Yonaataanii fi tajaajiltoota ifii maratti hime; ilmi Saa'olii Yonaataan garuu guddoo Daawiti jaalataayyu. 2Yonaataan, «Abbaan kiyya Saa'ol si ijjeesiisaaf barbaada. Tanaaf, boru ganama ifi eegadhu. Addee dhokaataa keessatti dhokadhuutii achuma turi! 3Ani fichaa ati keessa jirtu abbaa kiyya bira dhaabbadhee marroo teeti isatti hin dubbadha. Waan te'u ilaalee sitti hin hima» jedhee Daawititti hime.
4Yonaataan marroo Daawitii waan dansaa dubbatee abbaa ifii Saa'oliin, «Ee, mooti'i! Tajaajilaan keeti waan guddoo dansaa te'e si'iif huje malee, si hin yakkine; tanaaf isa hin yakkin. 5Inni lubbuu ifiitiif adoo hin mararfatin Filisxeemicha san ijjeese; Mootiin Waan Maraalle injifachaa guddaa kolbaa Israa'elii maraaf kennee, atille dhaggitee gammadeerta. Maaf sababa malee nama yakkaa hin qanne Daawiti ijjeettee cubbuu hujja ree?» jedhe.
6Saa'ol dubbii Yonaataanii caqasee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Daawiti hin ijjeefamu!» jedhee kakate. 7Maarre Yonaataan Daawiti waamee dubbii tana mara isatti himee gara Saa'olii isa geesse; Daawitille akkuma qaraa Saa'ol tajaajile.
8Ammalle lolli dhibiin ka'e. Daawitille dhaqee Filisxeemota lolee, guddoo isaan fixee, isaanille isa duraa baqatane. 9Achiin duuba Saa'ol eboo qabatee mana ifii adoo te'eeruu, Mootii Waan Maraa biraa ayyaanni hamaan isa irratti bu'e. Daawitille kiraara guddicha taphatiisatti jiraayyu. 10Saa'ol dhaaba manaa woliin Daawiti qassiisiisaaf eboo ifii darbate; Daawiti garuu duraa waan miliqeef eboon dhaaba manaatitti sikkante. Daawitille galgala san baqatee miliqe.
11Saa'ol mana Daawitii marsanee ganama akka isa ijjeesanuuf namoota erge; haati manaa ta Daawitii Mikaal ammoo, «Lubbuu teeti hamburatiisaaf edana yoo hin baqatin, boru hin ijjeefanta» jettee itti hinte. 12Maarre Mikaal karaa fodda'aatiin Daawiti gad buuttee, innille baqatee miliqe. 13Achiin duuba Mikaal fakkii waaqa dharaa fuutee taqee irra irkittee, mataa duraan boraatii rifeensa re'e'ee boraafachiittee woyaa itti uffitte. 14Daawiti akka qabanuuf Saa'ol namoota yennaa erge, Mikaal, «Inni dhibameera» jette. 15Achiin duuba Saa'ol namooti dhaqanee akka Daawiti ilaalanuuf ergeen, «Ani isa akka ijjeesuuf taqee isaa woliin isa gara kiyya fida'a» jedhe. 16Namooti ergamane sun mana yennaa seenane, fakkiin waaqa dharaa taqee irra irkattee, boraatii rifeensa re'e'ee boraafatteertiiyyu. 17Saa'ol Mikaaliin, «Ati maaf na soddee diinni kiyya miliqee akka deemu goote?» jedhe.
Mikaalille, «Isattuu, ‹Yoo ati akka ani miliqu na hin qarqaarin ani si ijjeesa› naan jedhe» jettee deebitte.
18Daawiti baqatee bayee Saamu'el bira gara Raama'aa dhaqee waan Saa'ol isa irratti huje mara isatti hime. Achiin duuba Saamu'elii fi Daawiti Naayot dhaqanee achi le'ane. 19«Kunoo, Daawiti biyya Raama'aa, Naayot keessa jira» jedhanee Saa'olitti himane. 20Maarre inni Daawiti akka qabanuuf namoota erge; te'uu malee isaan korri raagotaa tokko raaga dubbatanuun, Saamu'el isaan qajeelchuun yennaa dhaggane, Ayyaanni Waaqaa namoota Saa'ol erge san irratti bu'ee, isaanille raaga dubbatane. 21Waan kana Saa'olitti yennaa himane, inni namoota dhibii erge; isaanille raaga dubbatane. Saa'ol ammalle yennaa sadeesso'oo namoota erge; isaanille raaga dubbatane. 22Achiin duuba inni ifumaaf gara biyya Raama'aa dhaqee, baleessa bisaanii guddicha Seeku keessa jiru bira yennaa geye, «Saamu'elii fi Daawiti eessa jiran?» jedhee gaafate. Nami tokko, «Isaan biyya Raama'aa Naayot keessa jiran» jedhe. 23Maarre Saa'ol achii gara biyya Raama'aa Naayot dhaqe. Ayyaanni Waaqaa isa irralle'etti bu'ee haga biyya Raama'aa Naayot gewutti raaga dubbataa deeme. 24Inni woyaa ifii ifi irraa baafatee Saamu'el duratti raaga dubbatee, halkan sanii fi guyyaa san mara qullaa irkate. Tanaaf kolbaan, «Saa'olille raagota keessaa tokko te'ee ree?» jette.

Você sabia?
As fugas de Davi de Saul
- Quando Saul enviou mensageiros para matar Davi em casa, Mical, esposa de Davi, o ajudou a escapar por uma janela. Ela então disfarçou um ídolo doméstico na cama com pelos de cabra e roupas para atrasar os mensageiros e dar tempo para Davi fugir.Fontes: o próprio texto bíblico · Michal
- Davi fugiu para junto do profeta Samuel em Ramá e foi com ele para Naiote. O nome Naiote significa habitações e se refere a um assentamento perto de Ramá onde uma comunidade de profetas vivia sob a liderança de Samuel.Fontes: o próprio texto bíblico · Naioth · Samuel
- Ao perseguir Davi em direção a Ramá, Saul parou para pedir informações junto à grande cisterna de Seco, um local situado em uma colina entre Gibeá e Ramá.Fontes: o próprio texto bíblico · Secu
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Secu · Hoje: between Gibeah and Ramah · 31.937, 35.145 · versículo 22
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org