Nations Bible

1 Reis 19

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Eliyaas Gara Gaara Siina'aa Baqate

1Mootichi Ahaab waan Eliyaas godhe mara, raagota Ba'aalii maralle attam akka inni shallaaga'aan ijjeese, haadha manaa ifii Iizaabelitti hime. 2Maarre Iizaabel gara Eliyaasii nama ergitee, «Akkuma ati raagota Ba'aalii ijjeette, boru yennaa tanatti yoo ani si hin ijjeesin, waaqoti na ijjeesanuu ti!» jette. 3Eliyaas sodaatee lubbuu ifii hamburatiisaaf baqate; inni biyya Yihuda'aa keessa Bersheebaa yennaa geye, tajaajiltoota ifii achitti lakkisee, 4guyyaa tokko guutuu goomolee keessa deemeen duuba, gaaddisa muka ittachaa jala tee'ee, «Ani abbootii tiyya ta durii waan hin caalleef, amma na hin geettii, Waaqa kiyya na ijjeesi!» jedhee daadimate.

5Achiin duuba inni muka ittachaa san jala irkatee adoo rafee jiruu, ergamaan Waaqaa tokko isa tuqee, «Ka'iitii, nyaadhu» jedhe. 6Eliyaas dammaqee adaala ifii yennaa ilaale, bixee daabbo'oo ta dhakaa o'u irratti bilchaattee fi okkotee bisaanii takka mataa ifii duratti dhagge. Inni nyaatee uneen duuba deebi'ee rafe. 7Ergamaan Mootii Waan Maraa ammalle deebi'ee dhufee, isa tuqee, «Karaa fagoo waan deentuuf, ka'iitii nyaadhu!» jedheen. 8Maarre Eliyaas ka'ee, nyaatee une; hunna sagalee saniitiin, guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama haga Siinaa gaara Waaqaa deeme. 9Inni akkuma achi geyeen goda takka seenee bule.

Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jedhee gaafate.

10Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe. 11Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Ani achiin waan dabaruuf, goda keessaa bayiitii gaara gubbaa na dura dhaabbadhu!» jedhe. Achiin duuba qilleensi jabaan hunnaamessi Mootii Waan Maraa duratti gaara dhodhoosee, rassaa butuche; Mootiin Waan Maraa ammoo qilleensa san keessa hin jiruuyyu; qilleensaan duuba latti tachoote; Mootiin Waan Maraa ammoo tacho'a lafaa san keessa hin jiruuyyu. 12Tacho'a lafaatiin duuba ibiddi dhufe; Mootiin Waan Maraa ammoo ibidda san keessa hin jiruuyyu. Ibiddaan duuba qoonqoon akka hasaassa'aa dhage'ante.

13Eliyaas qoonqoo akka hasaassa'aa yennaa dhage'e, woyaa fuula ifiititti hagooggatee, bayee afaan godaa dura dhaabbate. Achiin duuba qoonqoon takka, «Eliyaas! Maan asii hujja?» jetteen.

14Eliyaas deebisee, «Israa'elooti gondooroo teeti lakkisanee, addee ciincaa si'iif itti dhikeessanu diiganee, raagota teetille shallaaga'aan waan ijjeesaneef, ani si Mootii Waan Maraa Waaqa Waan Mara dande'uuf guddoo hinaafeera; raagota teeti keessaa nami hafe na qofa; analle ijjeesiisaaf barbaadiisatti jiran» jedhe. 15Mootiin Waan Maraa Eliyaasiin, «Karuma dhutte deebi'iitii, gara goomolee Damaasqo'oo deemi; yennaa achi geette Sooriyaa irratti mootii akka te'u Hazaa'el muudi. 16Israa'el irratti mootii akka te'u, ilma Niimshaayii Yehuu muudi. Addee teetitti raagicha akka te'u, nama biyya Abeel Mehola'aa ilma Shaafaaxii Elsaa'i muudi. 17Nama shallaagaa Hazaa'elii jalaa miliqe mara, Yehuun hin ijjeesa; nama shallaagaa Yehu'uu jalaa miliqe mara, Elsaa'i hin ijjeesa. 18Te'uu malee ani worra jilbiiffatanee Ba'aaliif hin sagadin, afaan ifiitille'een ka fakkii Ba'aalii hin sunqatin, namoota kuma torba Israa'elii keessatti hin hambura» jedhe.

Waammamiisa Elsaa'ii

19Maarre Eliyaas achii ka'ee yennaa deemu, ilmi Shaafaaxii Elsaa'i qotiyyoo ximmaadii kudhanii tokkoon qochisiisaa, ifiif ammoo ximmaadii kudhanii lammeesso'ootiin qotiisatti jiruun dhagge. Eliyaas isa bira yennaa geye, woyaa ifii darbatee Elsaa'i irra buuse. 20Achiin duuba Elsaa'i qotiyyoo lakkisee, gara Eliyaasii rukkisee, «Abbaa kiyyaa fi haadha tiyya sunqadhee, nageya itti dhaamee deebi'ee akka si hordofu naa eeyyam» jedhe.

Eliyaas deebisee, «Tole; ani si hin dhooggu deemi» jedhe.

21Maarre Elsaa'i isa biraa deebi'ee deemee qotiyyoo lama qale; inni meya qotiyyo'oo ka ittiin qotu san bobeessee, foon san iffeelee kolba'aaf kenne; isaanille nyaatane. Achiin duuba Elsaa'i ka'ee, Eliyaas hordofee qarqaaraa isaa te'e.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Elias no monte Horebe e o chamado de Eliseu

  • O monte Horebe, também identificado na tradição bíblica como o monte Sinai, foi a cordilheira onde Israel recebeu a aliança e a lei. A jornada de quarenta dias de Elias para o sul até Horebe coloca seu encontro com Deus no mesmo cenário das revelações anteriores concedidas a Moisés.Fontes: o próprio texto bíblico · Horeb
  • Ao ordenar que Elias unja Hazael como rei da Síria e Jeú como rei de Israel, o relato associa a autoridade profética à sucessão geopolítica de ambas as nações, assegurando ao profeta que ainda restavam sete mil israelitas fiéis.Fontes: o próprio texto bíblico · Hazael · Jehu
  • Lançar a capa sobre os ombros de Eliseu enquanto ele arava com doze juntas de bois em Abel-Meolá foi um ato simbólico que o designou como discípulo, herdeiro adotivo e sucessor profético de Elias.Fontes: o próprio texto bíblico · Elisha · Abel-meholah

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Mount Horeb · Hoje: Jebel Musa · 28.540, 33.973 · versículo 8
  • Damascus · 33.511, 36.306 · versículo 15
  • Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 15

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.