Nations Bible

1 Reis 10

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mootittiin Biyya Sheeba'aa Solomoon Ilaaliisaaf dhutte

1Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomooniitii fi maqaa Mootii Waan Maraa woliin tokkummaa inni qabu dhageettee, gaaffii jajjaddu'uun haga isa ilaaliisaaf, gara Yerusaalemii dhutte. 2Isiin bookarsitoota hedduu woliin uddowaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feetee, Yerusaalem yennaa geette, gara mooticha Solomoonii dhaxxee, waan qalbii ifii keessaa qaddu mara isa gaafatte. 3Mootichi Solomoonille gaaffii isiin gaafatte mara deebise; wonni inni isi'iif deebisiisa dadhabe takkaalle hin jirtu. 4Mootittiin biyya Sheeba'aa, qarummaa Solomoonii mara, mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhaggite, 5sagalee qorii isaa, akka qondaaltoti isaa itti teettu, akka itti tajaajiltooti isaa woyaa uffattu, worra waan unanu isaaf dhikeessuu fi ciincaa inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhikeesse yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte. 6Isiin mooticha Solomooniin, «Oduun marroo hujii teetiitii fi qarummaa teetii, ta ani biyya tiyyatti dhage'e dhuga'a! 7Ammoo haga as dhufee ila tiyyaan dhaggutti, waan natti himane mara hin dhugeeffanneeyyu; dhugumaan gamisa isi'iituu natti hin hinne; ati ta ani dhage'e caalaa, qarumma'aa fi durummaa guddoo qadda. 8Namooti keeti attam attam hiree dansaa qaban! Qondaaltoti teeti ta yennaa mara si dura dhaabbattee, qarummaa teeti dhageettu attam attam hiree dansaa qaban! 9Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ka sitti gammadee, barcumaa mootummaa Israa'elii irra si teessise leellifamuu ti; Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'eliitiif jaalala bara baraa waan qabuuf, haqaa fi balchummaa akka hujjuuf, mootii si godheera» jette.

10Achiin duuba isiin kennansa fidde mara, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, uddowa'aa fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa, mooticha Solomooniif kennite; eega san mootichi Solomoon uddowaa bacaa, ka haga mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf kennitee, dhaggatee hin beeku.

11Hobolooti gugurdoon Hiiraamii, ta biyya Ofiiriitii worqii fidde, muka sandali'ii heddu'uu fi dhakaa gatii guddo'oo isaaf fiddeertiiyyu. 12Solomoon muka sandali'ii kana irraa, waan Galma Mootii Waan Maraatii fi waan mana mootumma'aa, faarfattootaafille kiraaraa guddichaa fi maseenqoo hujisiise; eega bara sanii muki sandali'ii, ka hagana bacatu biyya Israa'eliititti ijjumaa ergamee yookiin dhaggamee hin beeku.

13Mootichi Solomoon mootittii biyya Sheeba'aatiif kennansa isi'iif kenne irratti dabalee, waan isiin halchitee isa gaafatte mara isi'iif kenne; achiin duuba isiin bookarsitoota ifii woliin gara biyya ifii deebite.

Durummaa Solomoonii

14Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti, worqii gara kiiloogiraama kuma diddamii sad dhaggataayyu. 15Tana maleelle qaraxa daldaltootaatii fi daldala irraa, mootota biyya Arabaa mara irraa dhaggamuu fi gibira bulchitooti kutaa biyya Israa'elii isaaf kennanu dhaggataayyu.

16Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaatiin itti gonfanteerti. 17Akkasuma wontee didiqqoo dhibba sad worqii irraa tunsiise; tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama lamaatiin itti gonfanteerti; mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa, ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.

18Inni ammalle barcumaa mootumma'aa guddaa tokko, ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe. 19Barcumaan mootumma'aa, yaabbannoo jaa qabaayyu; mataan irkoo barcumaa mootumma'aa sun gara duubaa korbateera; middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qaba; cinaa waan harka irra keyatanu san lamaaniituu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera. 20Qaccee yaabbannoo tokko tokkootuu san irra, gara lamaaniinuu fakkiin neenqotaa tokko tokko, wolumatti fakkiin neenqotaa kudhanii lama dhaabbatteerti; barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa biyya tamii keessalle'etti hujamee hin beeku.

21Bara mooticha Solomoonii meetiin gatii guddoo waan hin qanneef, mey inni itti unuu fi mey mana mootumma'aa ka «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru marti, worqii qulluu irraa hujame malee, mey meetii irraa hujame tokkolle hin jiru. 22Mootichi Solomoon hoboloota gugurdoo daldalaa ta biyya Tarshiishii, ta hoboloota Hiiraamii woliin daldalaaf abbaayaa irra deddeebitu qabaayyu; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, qalame'ee fi jaldeessa isaaf fidan.

23Mootichi Solomoon durumma'aa fi qarumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu. 24Namooti biyya lafaa duudiin, qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, gara isaa dhufiisa barbaadaniiyyu. 25Worri gara isaa dhufu marti, wogguma wogga'aan kennansa meya meeti'iitii fi worqi'ii, woyaa, meya woraanaa, uddowaa, fardo'oo fi gaangee fidaniiyyu.

26Solomoon garreettaa fardaan harkifamuu fi fardoo wolitti qabate; inni garreettaa fardaan harkifamu kuma tokkoo fi dhibba afur, abbootii fardo'oo kuma kudha lama qabaayyu; isaan keessaa garii qachoota garreettoti fardaan harkifamanu le'anu keessa, garii addee ifii le'u Yerusaalem keessa keye. 27Bara mootummaa ifii meetii akkuma dhakaa addee maratti dhaggamuu, muka hindheensaalle akkuma muki harru'uu lafa kooba jalaa keessatti bacatuu godhe. 28Mootichi Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti isaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa fardoo bitanee fiddaniiyyu. 29Isaan garreettaa fardaan harkifamu tokko tokko meetii dhibba jaan, farda tokko tokko meetii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitanee fidanee, mootota Heetotaatii fi Sooriya'aatitti dabarsanee gurguraniiyyu.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Esplendor de Salomão e a Rainha de Sabá

  • Sabá é identificada com Sabá no sul da Arábia, um reino famoso no mundo antigo pelo lucrativo comércio de especiarias e aromas. A visita da rainha com uma grande caravana de camelos trazendo especiarias, ouro e pedras preciosas refletia interesses diplomáticos e a riqueza comercial de sua região.Fontes: Sheba · o próprio texto bíblico
  • Salomão aliou-se ao rei Hirão de Tiro para realizar expedições marítimas a terras distantes como Ofir e Társis. Essas frotas retornavam com mercadorias raras, incluindo madeira de almugue, marfim, pedras preciosas e ouro, enriquecendo ainda mais a corte real em Jerusalém.Fontes: Hiram · Ophir · Tarshish · o próprio texto bíblico
  • O texto bíblico descreve o elaborado trono de marfim de Salomão revestido de ouro puro, situado sobre seis degraus ladeados por doze leões esculpidos. Essa mobília extravagante e os recipientes de ouro para beber destacavam a prosperidade sem precedentes de seu reinado.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Sheba · 15.348, 44.206 · versículos 1, 4, 10, 13
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 26, 27
  • Arabia · Hoje: Arabian Peninsula · 23.000, 46.000 · versículo 15
  • House of the Forest of Lebanon · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 17, 21
  • Shephelah · 31.692, 34.875 · versículo 27
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 28, 29
  • Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 29

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.