Nations Bible

1 João 3

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Ijoollee Waaqaa

1Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu. 2Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. 3Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.

4Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka. 5Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan. 6Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.

7Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a. 8Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate. 9Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u. 10Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaalanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.

Wol Jaaladha'a

11Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana. 12Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeese.

13Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a! 14Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du'a keessatti hafa. 15Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan. 16Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. 17Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? 18Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaalannuu ti.

Waaqa Duratti Ifi-addii Nuuti Qannu

19Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna. 20Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka. 21Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.

22Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna. 23Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu. 24Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Filhos de Deus e amor fraterno

  • A advertência para não ser como Caim lembra o primogênito de Adão e Eva, lavrador da terra, cujo irmão Abel seguia a vida pastoral. Eles apresentaram ofertas: a de Abel, dos primogênitos e da gordura do rebanho, foi aceita como mais excelente, e Caim, cuja oferta era do fruto da terra, ficou muito irado. A carta diz que Caim era do maligno e assassinou Abel porque as suas próprias obras eram más e as de seu irmão eram justas.Fontes: Cain · o próprio texto bíblico
  • Neste capítulo, odiar o irmão é tratado como homicídio: todo aquele que odeia seu irmão é homicida, e a vida eterna não reside num homicida. O amor se conhece porque Jesus entregou a sua vida por nós, e se diz aos leitores que devem entregar a vida pelos irmãos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Os filhos de Deus se distinguem dos filhos do diabo por praticar a justiça e por amar o irmão. A mensagem ouvida desde o princípio é que devemos amar uns aos outros, e o mandamento de Deus é crer no nome de seu Filho, Jesus Cristo, e amar uns aos outros como ele ordenou.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.