1 Coríntios 8
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Horii Waaqota Dharaatiif Qalame
1Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii na gaafattane ilaalchisee:
Nuuti marti beekkumsa akka qannu hin beenna. Beekkumsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa. 2Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne. 3Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te'a.
4Maarre, marroo horii waaqota dharaatiif qalame nyaatiisaa yoo teete, waaqi dharaa dhugumaan jireenna akka hin qanne, akkasuma Waaqa tokkocha malee ka dhibiin akka hin jirre hin beenna. 5Adoo Waaqa hin te'in waaqota jedhamanee, waaqotii fi goottoti waamamanu hedduun ol-gubba'aa fi lafa irra jiran yoo jedhamanelle, 6nu'uuf ammoo Waaqa tokkocha calla'atti jira. Inni Waaqa Abbaa wonni duuchiin isaan dadantee fi nuutille isaaf jiraannu; akkasuma Goottaan, Yesuus Kiristoos calla'a. Inni ka wonni duudiin karaa isaatiin dadantee fi ka nuuti karaa isaatiin jiraannu.
7Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan. 8Sagaleen gara Waaqaa nu hin dhiyeessitu; yoo nyaatuu dhanne womaa nu irraa hin dhidhatu; yoo nyaannelle womaa nu'uuf hin ede'amu.
9Bilisummaan teessan tun ammoo, worra dhugeeffanna'aan hin jabaatiniif gufuu akka hin teene ifi eegadha'a. 10Ani beekkumsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkaachuu? 11Maarre nami dhugeeffanna'aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te'e, ka Kiristoos du'eef sababa beekkumsa keetiitiin bada. 12Karaa kanaan kiristaana dhibii yakkiisaa fi wodanaa isaanii dadhaba madeessiisaan Kiristoos yakkitan. 13Tanaaf wonni ani nyaadhu obboleessa kiyya ta gufaachiittu yoo teete, isa akka hin gufachiinneef jedhee ijjumaa foon hin nyaadhu.
Você sabia?
Comida sacrificada aos ídolos
- O capítulo começa pondo o conhecimento ao lado do amor: o conhecimento incha, mas o amor edifica. Diz que quem pensa que sabe alguma coisa ainda não conhece como convém conhecer, enquanto quem ama a Deus é conhecido por Deus.Fontes: o próprio texto bíblico
- Sobre comer comida sacrificada aos ídolos, o capítulo diz que um ídolo não é nada no mundo e que não há outro Deus senão um, embora se fale de muitos chamados deuses e senhores. Nem todos têm esse conhecimento: alguns ainda estão tão acostumados aos ídolos que comem esse alimento como se fosse sacrificado a um ídolo, e a consciência fraca deles fica contaminada.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo adverte que a liberdade pode se tornar um tropeço para os fracos. Se alguém de consciência fraca vir uma pessoa bem informada comendo no templo de um ídolo, essa pessoa pode ser encorajada a comer comida sacrificada aos ídolos. Quem escreve diz que, se o que ele come fizer seu irmão tropeçar, nunca mais comerá carne.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org