Nations Bible

1 Coríntios 4

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Ergantoota Kiristoosii

1Namooti akka tajaajiltoota Kiristoosiititti worra dhossaa Waaqaa mudhisiisaaf itti gaafatamummaan itti kennante akka teenetti nu laakkowuu qaban. 2Itti gaafatantooti goottaa isaaniitiif addatamuu qaban. 3Isin yookiin nami dhibiin akka ulaagaa namaatitti yoo natti mure naaf womaa moti; aninuu ifi irratti muriisa hin dande'u. 4Wodanaa kiyyaan waan ifi komadhu hin qabu, wonni kun ammoo dhugumaan akka ani qulluu te'e hin mirkaneessitu. Ka na irratti muru Gootta'a. 5Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle'etti hin murina'a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.

6Obboleeyyan tiyya, isiniif jedhee tana duudii Apholoosii fi ifii kiyyatti fakkeessee dubbadheera. Hiikkaan Jecha, «Waan barreeffame irra hin tarina'a jedhu» akka nu'u irraa barattanuuf ani tana godhe. Tanaaf eennulle nama tokkoon ifi jajee, nama dhibii tuffatuu hin qabu. 7Ati worra dhibii maaniin caalta? Waan ati qaddu duudii ka si'ii kenne Waaqaa motii? Maarre yoo isa irraa fudhattee jiraatte, akka kennaa hin te'iniititti maaf ifi jajja?

8Isin qaata waan barbaaddanu mara dhaggattane! Isin qaata duroontane! Nu'u malee isin qaata mootontane. Nuuti isin woliin akka mootonnu, adoo dhugumaan mootontane hin jaaladha. 9Waaqi, nu'u ergantoota akka worra du'a itti muranee gara itti ijjeefamanu geeffamanuu, worra gadee waan nu godhe seya. Tanaaf biyya lafaa irratti ergantoota Waaqaatii fi fuula namaa duratti akka waan daaw'ii teenee mudhanna. 10Nuuti Kiristoosiif jennee gowwoolee teeneerra; isin ammoo Kiristoosiin qaro'o; nuuti dadhaboole'e, isin ammoo jajjaba. Nuuti ulfinna dhanneerra, isin ammoo ulfeeffantaneertan. 11Haga ammaan tanaalle nuuti beelotaa, dheebotaa, daaraa, dikamaa, mana dhannee rakkataa, 12harka keennaan hujaa dadhabaarra. Yennaa nu abaaranu, nuuti hin eebbinna; yennaa nu miidhanu, nuuti hin ossina; 13yennaa nu arrassanu, nuuti waan dansaa deebinnaaf. Haga ammaan tanaalle nuuti kosi'ii fi caffaa biyya lafa ti.

14Ani akka ijoollee tiyya jaalatanteetitti isin gorsiisaaf malee, isin qaanessiisaaf tana barreessiisatti hin jiru. 15Isin Kiristoosiin abbootii guddisaa kuma kudhan yoo qabaatanelle, Abbaa tokko callaa qaddan. Ani Oduu Gammadaa barsiisee karaa Kiristoosiitiin abbaa keessan te'eera. 16Tanaaf fakkeenna kiyya akka fudhattanu isin kadhadha. 17Sababa kanaaf ani ilma jaalatamaa kiyya, ka Kiristoosiin addatame Ximootewoos gara keessan erga. Inni karaa jiru'uu ka Kiristoosiin dhaggadhe, kama ani wolde'oota kiristaanaa addee maratti barsiisu isin yaadachiisa.

18Isin keessaa gariin waan ani dhufee isin dhaggaa hin jirre seyanee, guddoo kooraneeran. 19Yoo fedha Waaqaa teete ammoo, ani dhikoo tanattuu gara keessan dhufee, worri koorameeyyiin kun waan dubbatanu callaa adoo hin te'in hunna isaanille beekuu fedha. 20Sababille Mootummaan Waaqaa waan dubbi'ii adoo hin te'in hunna Waaqaa ti. 21Kam feetan? Ulee fudhadhee isinitti dhufa moo, yookiin ayyaana jaalalaatii fi qajeelumma'aatiin isinitti dhufa?

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Servos, despenseiros e a advertência de um pai

  • Paulo aplica estas coisas a si mesmo e a Apolo, para que os coríntios aprendam a não se orgulhar de um homem em detrimento de outro. Apolo, judeu nascido em Alexandria, eloquente e versado nas Escrituras, seguiu para Corinto, onde regou a semente que Paulo havia semeado, e seus discípulos ali se apegaram muito a ele. Um breve relato de sua vida o situa com Paulo em Éfeso quando foi escrita a primeira carta aos Coríntios.Fontes: o próprio texto bíblico · Apollos
  • Paulo diz que os coríntios já têm tudo o que querem, enriqueceram e se tornaram reis sem ele e seus companheiros, e deseja que eles realmente fossem reis, para que ele e seus companheiros fossem reis com eles. Escreve que lhe parece que Deus exibiu os apóstolos no fim do cortejo, como prisioneiros destinados à morte, um espetáculo para o mundo inteiro, para os anjos e também para os homens, enquanto passam fome e sede, malvestidos, sem lar e trabalhando arduamente com as próprias mãos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Paulo diz que enviou Timóteo, seu filho amado e fiel no Senhor, para lembrar aos coríntios o seu modo de vida em Cristo Jesus, o mesmo ensino que ele transmite em toda parte, em cada igreja. Timóteo, nome que significa honrando a Deus, era um jovem discípulo que acompanhou Paulo em muitas de suas viagens, e Paulo o chamava de seu próprio filho na fé. Esse relato nada diz do pai de Timóteo, senão que era grego, e nomeia sua mãe como Eunice e sua avó como Lóide.Fontes: o próprio texto bíblico · Timotheus

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.