1 Coríntios 2
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Marroo Kiristoosii Fannifamee Barsiisuu
1Obboleeyyan tiyya, ani yennaa gara keessan dhufe jechoota gugurda'aa fi qarumma'aan dhossaa Waaqaa isinitti hin lallanne. 2Ani haga isin bira ture Yesuus Kiristoosii fannoo irratti fannifame malee, waan dhibii waan tokkolle beekuu dhabiisaaf murteeffadheera. 3Ani dadhabaa te'ee, soda'aan akka malee rorommaa gara keessan dhufe. 4Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namaatiinii moti. 5Dhugeeffannaan teessan qarummaa namaa irratti adoo hin te'in hunna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.
Qarummaa Waaqaa
6Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma'aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti. 7Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi'ii ta dhokattee turte dubbanna. 8Bulchitoota biyya lafa tana keessaa qarummaa tana ka beeke tokkolle hin jiru. Adoo beekanee jiraatane, Goottaa ulfinnaa hin fannisanuuyyu. 9Teetuu malee Barreeffam Woyyichi,
«Waan ilti namaa hin dhaggin,
Waan gurri namaa hin dhage'in,
Waan gadhaan namaa hin yaadatin
Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.
10Waaqi ammoo karaa ayyaana ifiitiin dhossaa ifii nutti mudhiseera. Ayyaanni Waaqaa waan duudii, dhossaa Waaqaa ta gadi fago'ootuu hin qorqora. 11Waan nama tokko keessa jiru mara ayyaanuma nama san keessa jiruttuu beeka malee, nami dhibiin hin beeku. Akkasuma ayyaana Waaqaa malee, marroo Waaqaa ka beeku eennulle hin jiru. 12Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
13Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole'eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti. 14Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkaattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te'eef hubatiisaaf hin dande'u. 15Nami Ayyaana Waaqa qabu waan duudii qorqora; inni ammoo ifiif eennulle'een hin qorqoramu. 16Barreeffam Woyyichi,
«Yaada Gootta'aa ka beeku eennu?
Ka gorsa isaa kennu eennu?» jedha.
Nuuti ammoo, qalbii Kiristoosii qanna.

Você sabia?
Cristo crucificado e a sabedoria do Espírito
- Quem escreve diz que não veio com eloquência nem com sabedoria ao anunciar o testemunho de Deus. Havia resolvido nada saber enquanto estava com eles, a não ser Jesus Cristo e este crucificado, e veio em fraqueza, temor e grande tremor, para que a fé deles se apoiasse no poder de Deus e não na sabedoria humana.Fontes: o próprio texto bíblico
- A sabedoria falada entre os maduros não é a sabedoria desta era nem a dos seus governantes, que caminham para o nada. Ela é chamada de sabedoria misteriosa e oculta de Deus, destinada à glória antes do início dos tempos; esses governantes não a compreenderam, senão não teriam crucificado o Senhor da glória.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo diz que Deus revelou pelo Espírito o que está além da vista, da audição e da imaginação humanas. Só o próprio espírito de uma pessoa conhece os pensamentos dela, e só o Espírito de Deus conhece os pensamentos de Deus. A pessoa natural não aceita o que vem do Espírito, trata isso como loucura e não consegue entendê-lo, porque isso se discerne espiritualmente.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org