Nations Bible

1 Crônicas 9

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Kolbaa Israa'elii Ta Boojuu Irraa Deebite

1Maarre kolbaan Israa'elii marti akka hidda dhaloota isaaniititti kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffamane.

Kolbaan Yihuda'aa sababa addatamiisa dhabiisa ifiitiif booji'antee gara biyya Baabilonii fudhatante. 2Worri qara gara lafa ifiitii fi qachoota ifiititti deebi'ee qubate, Israa'eloota garii, hayyoota, Lewwootaa fi tajaajiltoota Galma Waaqaa ti. 3Sanyii Yihuda'aa, sanyii Beniyaaminii, sanyii Efreemiitii fi sanyii Minaase'ee keessaa worri Yerusaalem keessa le'ane asii gad jiran:

4Sanyii Faaresii ilma Yihuda'aa keessaa Utaayii ilma Amiihudii ti. Amiihudii ka Omirii, Omir ka Iimrii, Iimrii ka Baanii ti. 5Sanyii Shiiloonii keessaa: Ilma isaa angaficha Asaayaa fi ilmaan isaa ti. 6Sanyii Zeraa keessaa: Yewu'el. Kolbaan Yihuda'aa namoota dhibba jaa fi sagaltama.

7Sanyii Beniyaaminii keessaa: Sa'aaluu ilma Meshulaamii ti. Meshulaam ka Hodaawiyaa, Hodaawiya ka Hasenu'aa ti. 8Ilma Yerohaamii Yiibneyaa, akaakoo Miikrii, ilma Uzii Elaa, abuuboo Yiibniya'aa, akaakoo Rewu'elii, ilma Shefaaxiya'aa Meshulaam. 9Kolbaan Beniyaaminii akka hidda dhaloota isaaniititti dhibba sagalii fi shantamii jaa. Isaan kun marti sooressitoota maatii ifii ti.

10Hayyoota keessaa: Yedaa'iyaa, Yoyaariib, Yaakiin, 11ilma Hilqiiya'aa Azaariya'a. Azaariyaan ka Meshulaamii, Meshulaam ka Zaadoqii, Zaadoq ka Meraayootii, Meraayoot ka Ahiixubii ti. Ahiixub itti gaafatamaa hujii Galma Waaqaa keessaa ti. 12Adaayaan ilma Yerohaamii ti. Yerohaam ka Phashihurii, Phashihur ka Malkiiya'aa ti. Ma'aasayaan ilma Adii'elii ti. Adii'el ka Yaahizera'aa, Yaahiizera ka Meshulaamii, Meshulaam ka Meshiilemii, Meshiilem ka Iimerii ti.

13Hayyooti sooressitooti maatii isaanii kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jaatama; isaan kun worra jajjaba hujii Galma Waaqaa keessaa hujuu dande'u.

14Lewwoota keessaa: ilma Hashubii Shemaa'iya'a. Hashub ka Azriiqaamii, Azriiqaam ka Hashabiiya'aa ti. 15Baqbaqar, Heresh, Gaalaal, ilma Miika'aa Mataaniya'a. Miikaan ka Ziikrii, Ziikri ka Asaafii ti. 16Obaadiyaa ilma Shemaa'iyaa ti. Shemaa'iya ka Gaalaalii, Gaalaal ka Yedutuu ti. Berekiiyaa ilma Aasa'aa ti. Aasaan ka Elqaana'aa ti. Elqaanaan ka olloota Netofaatotaa keessa le'e.

17Eeddoti karraa: Shaalum, Aquub, Talmoon, Ahimaanii fi fira isaanii ti; Shaalum sooressaa isaanii ti. 18Isaan haga adhaa karra karaa aduun baatuu ta mootichi ittiin ol seenutti ramadamaneeran; isaan eeddota quttuma Lewwootaa ti.

19Abuuboon Qoree akaakoon Ebiyaasaafii ilmi Qoree Shaalumii fi firooti abbaa isaa Qoraahoti, akkuma abbootiin isaanii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane, isaanille hujii Galma Waaqaa keessaatitti itti gaafatantoota. 20Ilmi Ele'azaarii Fiinehaas dur itti gaafatamaa eeddota karraa ti; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jiraayyu.

21Seensuma karra Dunkaanii Woldeenna'aa ka eegu ilma Meshelemiya'aa Zakaariyaas.

22Worri seensuma karra Galma Waaqaa eegiisaaf filame, wolumatti dhibba lamaa fi kudhanii lama. Isaan akka hidda dhaloota isaaniititti olloota ifii keessatti barreeffamane. Isaan kun akka isaan karra eeganu worra Daawitii fi raagichi Saamu'el ramadane. 23Isaanii fi sanyiin isaanii itti gaafatantoota karra Galma Waaqaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa ti. 24Worri karra eegu maddii arfaniinuu karaa aduun baatuun, karaa aduun seentuun, kaabaa fi kibbaan jiraniiyyu. 25Worri fira isaanii ka ollaa isaanii keessa jiranu yennaa yenna'aan dhufanee guyyaa torbaaf isaan woliin eeganiiyyu. 26Sooreyyiin Lewwootaa arfan eeddoti karraa, kolloota Galma Waaqaatii fi addee mey Galma Waaqaa itti maffamu addatamumma'aan eeganiiyyu. 27Galma Waaqaa eegiisaaf, ganama ganamalle karra baniisaaf, itti gaafatamummaa furtu'uu waan qabanuuf, isaan adaala Galma Waaqaa bulaniiyyu.

28Lewwooti gariin itti gaafatantoota meya Galma Waaqaa keessaa ti; isaan meya yennaa itti fayyadamanu laakkowanee baasanee yennaa galchanulle laakkowanee massan. 29Lewwooti kuun meya gara garaa, meya woyyicha mara, bullaa qamadi'ii dansaa, daadhii woyni'ii, zayitii, hixaanaa fi uddowaa adda addaa irratti itti gaafatantoota te'ane. 30Hayyoota keessaa gariin ammoo, uddowaa wolitti makiisaaf itti gaafatantoota te'ane. 31Lewwoota keessaa Matiitiyaan ilmi angafichi Shaalumii firri Qoraahii addatamaa waan te'eef, itti gaafatamaa daabboo kennansaaf bilcheessanuu ti. 32Fira isaanii fira Qehaatii keessaa gariin, Sanbata Sanbata daabboo xarapheessaa irra keyantu qopheessiisaaf itti gaafatantoota te'ane.

33Worra Lewwootaa keessaa sooressitooti maati'ii, faarsitooti, halkanii fi guyyaalle waan tajaajilanuuf, hujii dhibii irraa bilisa te'anee, kolloota Galma Waaqaa keessa le'an.

34Isaan kun martinuu, akka hidda dhaloota isaaniititti sooreyyii maatii Lewwi'ii, ka Yerusaalem keessa le'ane.

Hidda Dhaloota Saa'olii Mootichaa

35Abbaan Giibe'onii Yeyi'el qachaa «Giibe'on» jedhamu ijaaree achuma le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a. 36Ilmi isaa angafichi Abdoon; ka itti aananu Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab, 37Gedoor, Ahiiyoo, Zakaariyaasii fi Miiklot. 38Miiklot, Shime'aa uumate. Isaanille fira ifii bira Yerusaalem keessa le'ane.

39Neer, Qiish uumate; Qiish, Saa'ol uumate; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate. 40Yonaataan, Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal, Miikaa uumate. 41Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz. 42Ahaaz, Yaaraa uumate; Yaaraan: Alemet, Azmaawetii fi Ziimri uumate; Ziimri Mozaa uumate. 43Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Refaayaa uumate; Refaayaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate; 44Azeel ilmaan jaa qaba; maqaan isaanii: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kun ilmaan Azeelii ti.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O reassentamento de Jerusalém e a restauração do serviço do templo

  • Primeiro Crônicas 9 faz a transição das antigas genealogias tribais para a comunidade que voltou a povoar Jerusalém após o exílio na Babilônia. Esse grupo de retornados incluía descendentes de Judá, Benjamim, Efraim e Manassés, além de sacerdotes, levitas e servidores do templo.Fontes: o próprio texto bíblico · Babylon · Jerusalem
  • O texto descreve as funções detalhadas dos porteiros levitas, encarregados de vigiar as entradas do santuário voltadas para os quatro pontos cardeais. Enquanto parentes vindos de aldeias cumpriam turnos de sete dias, líderes designados supervisionavam os tesouros do templo, cuidavam dos utensílios e preparavam especiarias e os pães da proposição.Fontes: o próprio texto bíblico · Shallum
  • A seção final repete a linhagem do rei Saul a partir de Gibeão, traçando seus descendentes por meio de seu filho Jônatas. Esse registro genealógico serve como introdução direta à narrativa sobre a morte de Saul no capítulo seguinte.Fontes: o próprio texto bíblico · Gibeon · Kish · Jonathan

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 1
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 3, 34, 38
  • Gibeon · Hoje: El Jib · 31.847, 35.183 · versículo 35

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.