1 Crônicas 19
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daawiti Worra Amoonotaatii fi Sooriya'aa Injifate
1Yennaa diqqo'oon duuba mootichi Amoonotaa Nahaashi duunaan, ilmi isaa addee isaatitti mootii te'e. 2Daawiti, «Abbaan Hanuunii Nahaashi waan dansaa waan naa godheef, anille ilma isaa Hanuuniif waan dansaa hin godha» jedhee, sababa du'a abbaa isaatiif akka isa jajjabeessanuuf namoota itti erge.
Namooti Daawiti erge sun Hanuun jajjabeessiisaaf gara biyya Amoonii yennaa dhufane, 3qondaaltoti Amoonotaa mooticha Hanuuniin, «Daawiti namoota ergee si jajjabeessiisaan abbaa keetiif ulfinna kennaara seetaa? Namooti isaa biyya qorqoranee, mootummaa teeti garagalchiisaaf, lafa dooyiisaaf dhufanee motii ree?» jedhane. 4Maarre Hanuun namoota Daawiti erge san qabee, areeda irraa haadee, woyaa isaanii mudaamuddi'itti irraa muree isaan ari'e.
5Namooti dhaqanee marroo namoota sanii Daawititti yennaa himane, namooti ergamane sun guddoo waan qaanowaneeranuuf, haga areedi isaanii latee guddatutti Yerikoo akka turanuu fi achiin duuba akka deebi'anu namoota isaanitti erge.
6Hanuunii fi worri Amoonotaa akka Daawiti isaan jibbe yennaa hubatane Aaram Naharaayim, Aaram Ma'akaa fi Zobaa irraa garreettaa fardaan harkifamuu fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu kireeffatiisaaf meetii gara kiiloogiraama kuma soddomii afurii ergane. 7Isaan meetii saniin garreettaa fardaan harkifamu kuma soddomii lamaa fi worra garreettaa fardaan harkifamu oofu, akkasuma mooticha Ma'aka'aa fi loltoota isaa kireeffatane; isaan dhufanee Medebaa bira qubatane; worri Amoonotaa ammoo, qachoota ifii keessaa bayanee wolitti qabamanee lolaaf qophowane.
8Daawiti tana dhage'ee, Yo'aabii fi loltoota gootota mara erge. 9Worri Amoonotaa gad itti bayanee seensuma qacha'aa duratti lolaaf qophowane; moototi isaan qarqaariisaaf dhufanelle qofuu diida keessatti addee qabatane.
10Yo'aab duraa fi duuba isaatiin woraanni akka isa marseeru yennaa dhagge, loltoota Israa'elii keessaa loltoota gootota filee, worra Aaramii akka lolanuuf erge. 11Worra hafane obboleessi isaa Abiishaayi akka ajaju godhe; isaan Amoonota loliisaaf qophowane. 12Yo'aab, «Worri Aaramii yoo natti jabaate, ati na qarqaarta; worri Amoonotaa yoo sitti jabaate ammoo ani si qarqaara. 13Jabaadha'a! Kolbaa teennaa fi qachoota Waaqa keennaatiifille jabaannee lolluu ti. Mootiin Waan Maraa waan isa duratti dansaa te'e hin huja» jedhe.
14Achiin duuba Yo'aabii fi loltooti isaa worra Aaramii loliisaaf duulane; worri Aaramii isaan duraa baqatane. 15Worri Aaramii akka baqatane worri Amoonotaa yennaa dhage'ane, isaanille obboleessa Yo'aabii Abiishaayi duraa baqatanee, gara qachaa ifii deebi'anee seenane. Achiin duuba Ya'aab gara Yerusaalemii deebi'e.
16Worri Aaramii Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, namoota erganee worra Aaramii ka laga Efraaxiisiitiin gama jiranu waammatane; Ajajaan loltoota Hadaad-Ezerii Shofaak isaan sooresse.
17Daawiti tana yennaa dhage'e, loltoota Israa'elii mara wolitti qabatee Yordaanosiin gamatti bu'ee, gara isaanii dhaqee loltoota ifii fuullee isaaniititti lolaaf qopheesse; Worri Aaramii isa lolane. 18Te'uu malee, worri Aaramii Israa'eloota duraa baqatane; Daawiti worra Aaramii ka garreettaa fardaan harkifamu oofanu kuma torba, loltoota miilaa kuma afurtama ijjeese. Inni ajajaa loltoota isaanii Shofaakille ijjeese.
19Worri Hadaad-Ezer jala jiranu Israa'elootaan akka injifatamane yennaa dhaggane, Daawiti araara gaafatanee isaan bulane. Yennaa sanii jalqabanee worri Aaramii Amoonota qarqaariisatti hin deebine.

Você sabia?
A guerra contra Amom e os arameus
- Quando Hanum, rei dos amonitas, suspeitou de espionagem por parte dos emissários de Davi, ele os humilhou publicamente raspando suas barbas e cortando suas vestes. Para poupá-los de maior vergonha, Davi ordenou que os homens permanecessem na cidade-oásis de Jericó até que a barba lhes crescesse novamente.Fontes: o próprio texto bíblico · Jericho
- Diante da guerra contra Israel, os amonitas gastaram mil talentos de prata para contratar carros e cavaleiros de reinos arameus como Zobá, Arã-Naaraim e Maaca. Ao confrontar uma frente dupla perto de Medeba, Joabe dividiu o exército israelita, liderando tropas seletas contra os arameus enquanto seu irmão Abisai enfrentava os amonitas.Fontes: o próprio texto bíblico · Joab · Abishai · Medeba
- Após o recuo inicial, os arameus convocaram reforços de além do rio Eufrates sob a liderança de Sofaqui, comandante do rei Hadadezer de Zobá. Davi cruzou pessoalmente o Jordão para derrotá-los, levando os vassalos de Hadadezer a firmarem a paz e cessarem seu apoio aos amonitas.Fontes: o próprio texto bíblico · Hadarezer · Shobach · Zobah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Ammon · 31.955, 35.934 · versículos 1, 2, 3, 6, 7, 9, 11, 12, 15, 19
- Jericho · Hoje: Tell es Sultan · 31.872, 35.445 · versículo 5
- Maacah · 33.258, 35.581 · versículos 6, 7
- Mesopotamia · Hoje: Aram-naharaim · 36.864, 39.033 · versículo 6
- Zobah · 33.935, 36.151 · versículo 6
- Medeba · Hoje: Madaba · 31.716, 35.795 · versículo 7
- Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículos 10, 12, 14, 15, 16, 17, 18, 19
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 15
- Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 16
- Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org