Nations Bible

1 Crônicas 11

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Daawiti Mootii Israa'elii Te'e

1Achiin duuba Israa'elooti martinuu Kebroonitti Daawiti biratti wolitti qabamanee, «Kunoo, nuuti foon keetii fi dhiiga keeti. 2Dur yennaa Saa'ol mootii te'ee jiruuyyuu, ka Israa'eloota duulchisee galchu si'i. Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'iin, ‹Ati kolbaa tiyya Israa'el hin tissita; bulchaa kolbaa tiyya Israa'elii hin teeta› jedheera» jedhaneen. 3Jaarsoleen Israa'elii marti Kebroonitti mooticha Daawiti bira yennaa dhufane, inni fuula Mootii Waan Maraa duratti isaan woliin gondooroo gondoorate. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Saamu'eliitiin dubbatetti, isaan akka Daawiti Israa'el irratti mootii te'u muudane.

4Mootichi Daawitii fi Israa'elooti marti gara qachaa Yerusaalemii ka «Yibus» jedhamuu duulane. Worri Yibusootaa ka achi keessa le'u, 5Daawitiin, «Ati as hin seentu» jedhane. Daawiti ammoo, kushee Xiyoonii qabate; kusheen sun, «Qachaa Daawitii» jedhantee beekkante. 6Daawiti, «Nami dursee Yibusoota lolu sooressa loltootaa ajajaa woraanaa hin te'a» jedhe. Yo'aab ka Zeruyaan deette dursee dhaqee isaan lolee, ajajaa te'e. 7Achiin duuba Daawiti kushee san keessa le'e; tanaaf isiin, «Qachaa Daawitii» jedhante. 8Inni kaabii, «Miiloo» jedhantuu kaasee, kushee sanitti naannessee qachaa ijaare; Yo'aabille qachaa hafe deebisee haaresse. 9Mootiin Waan Maraa ka waan mara dade isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa ideeme.

Loltoota Daawitii Gootota

10Isaan kun Loltoota Daawitii keessaa gootota, kolbaa Israa'elii mara woliin akkuma Mootiin Waan Maraa waadaa galetti, akka Daawiti mootii te'u, mootummaan isaalle akka jabaattu worra mootummaa isaa keessatti isa qarqaare. 11Laakkossi loltoota gootota Daawitii ka asii gad jiru: Ka qaraa Yaashobi'aam ka fira Hakmonii sooressa gootota sadii ti; inni lola tokko keessatti eboo ifiitiin namoota dhibba sad ijjeese. 12Gootota sad keessaa ka isatti aanu, fira Ahohii ilma Dodoo Ele'azaar. 13Yennaa worri Filisxeemotaa lolaaf Phasdamiimitti wolitti qabamane, inni Daawiti woliin achi jiraayyu; addee fichaa garbuun bacaan keessa jiruutitti, Israa'elooti worra Filisxeemotaa duraa baqatane. 14Daawitii fi Ele'azaar fichaa san keessatti waan addee qabataneeranuuf, worra Filisxeemotaa lolane; Mootiin Waan Maraa injifachaa guddoo isaaniif kenne.

15Loltoota worra Filisxeemotaa keessaa gariin, dhooqa Refaa'iimii keessatti kushee qabatanee adoo jiranuu, sooreyyii loltoota Daawitii soddoma keessaa sad, Daawiti bira gara rassaa goda Adulaamii bira jiruu dhaqane. 16Yennaa san Daawiti kushee keessa jiraayyu; loltooti Filisxeemotaalle Betlihem keessa jiraniiyyu. 17Daawiti bisaan dheebotee, «Boolla bisaanii ta karra Betlihem bira jirtu keessaa, bisaan ani unu eennutti woraabee naa fida laati!» jedhe. 18Achiin duuba loltooti goototi sadiin sun, loltoota worra Filisxeemotaa keessa dabaranee, boolla karra Betlihemii bira jirtu san keessaa bisaan woraabanee, Daawitiif fidane. Daawiti ammoo, bisaan san hin unne. Inni bisaan san kennansaa godhee Mootii Waan Maraatiif dhangalaasee, 19«Akka ani bisaan kana hin unne Waaqi narraa fageessuu ti! Bisaan kana uniis akka ani dhiiga namoota lubbuu ifii gurguratanee, bisaan kana fidanee unaneetii motii ree?» jedhe. Tanaaf inni bisaan san hin unne. Namooti goototi sadiin sun wonni godhane tana. 20Obboleessi Yo'aabii Abiishaayi sooressa loltoota gootota sadiin sanii ti; inni eboo ifii fudhatee namoota dhibba sad ijjeesee, akka loltoota gootota sadiin sanii gurra dhaggate. 21Inni loltoota sadiin san keessaa tokko te'uu dhabulle, isaan caalaa ulfinna guddaa dhaggatee ajajaa isaanii te'e.

22Ilmi Yihoyaada'aa nami biyya Kabzii'elii Benaayaan, lolticha goota nama hujii gugurdoo huje. Inni gootota Mo'aabii lama ijjeese. Gaafa dhakaan roobaa bu'e tokko gara bowwa'aa gad dhaqee neenqa tokkolle ijjeeseera. 23Inni nama biyya Gibxi'ii ka ciqilee shan dheeratu tokkolle ijjeeseera. Namichi Gibxi'ii sun, eboo somey isi'ii muka worri woyaa dhowu, woyaa dhowu itti maru fakkaattu qabaatulle, Benaayaan ulee ifii qabatee itti dhaqee, eboo isaa harkaa butee fuudhee, ebuma isaatiin namicha Gibxi'ii san ijjeese. 24Ilmi Yihoyaada'aa Benaayaan tana godhiisaan, innille akkuma gootota dhiira sadiin sanii gootummaa dhaggate. 25Inni loltoota gootota soddoma san caalaa ulfinna dhaggate; te'uu malee inni akka gootota sadiin kaanii ka beekkamee moti. Daawiti worra isa eegu irratti itti gaafatamaa isa godhate. 26Loltooti goototi ka asii gad jiranu: obboleessa Yo'aabii Asaahel, nama biyya Betlihemii ilma Dodoo Elhaanaa, 27nama biyya Harorii Shaamoot, nama biyya Phelonii Helez, 28nama biyya Teqo'aa ilma Iiqishii Iiraa, nama biyya Anaatotii Abii'ezer, 29nama biyya Hushii Siibekaayi, nama biyya Ahohii Iilaayi, 30nama biyya Netofii Maharaay, nama biyya Netofii ilma Ba'anaa Heled, 31sanyii Beniyaamii keessaa nama biyya Giibe'aatii ilma Riibaayii Iitaayi, nama biyya Phiiraatonii Benaayaa, 32nama biyya dhooqa Ga'aashii keessaa Huraayi, nama biyya Aarbataahii Abii'el, 33nama biyya Baharumii Azmaawet, nama biyya Sha'albonii Eliyaabaa, 34ilmaan Haashemii nama biyya Giizonii, nama biyya Haraarii ilma Shaagee Yonaataan, 35nama biyya Haraarii ilma Saakaarii Ahii'aam, ilma Urii Eliifaal, 36nama biyya Mekeraatii Hefer, nama biyya Phelonii Ahiiyaa, 37nama biyya Qarmelosii Hezro, ilma Ezbaayii Na'araayi, 38obboleessa Naataanii Yo'el, ilma Hagrii Miibhaar, 39nama biyya Amoonii Zeleq, nama biyya Berootii ka meya lolaa Yo'aabii ba'atu, ka Zeruyaan deette Naharaayi, 40nama biyya Yaatiirii Iiraa, nama biyya Yaatiirii Gaareb, 41nama biyya Heetii Uriiyaa, ilma Ahilaayii Zaabaad, 42ilma Shiizaa nama biyya Ruubenii ka gosa Ruubeniitii fi loltoota soddoma isa woliin jirtuuf sooressa te'e Adiinaa, 43ilma Ma'akaa Haanaan, nama biyya Miitaanii Yoshaafaax, 44nama biyya Ashteraatii Uziyaa, ilmaan Hotaamii nama biyya Aro'erii Shaamaa'ii fi Yeyi'el, 45ilmaan Shiimrii nama biyya Tiizaahii Yediyaa'elii fi obboleessa isaa Yohaa, 46nama biyya Mahawaatii Elii'el, ilmaan Elnaa'aamii Yeriibaayii fi Yoshaabiyaa, nama biyya Mo'aabii Iitmaa, 47Elii'el, Obedii fi nama biyya Mezoobii Ya'aasi'el.

Você sabia?

A Coroação de Davi e Seus Valentes

  • Antes de ser conquistada por Davi, Jerusalém era conhecida como Jebus, uma fortaleza cananeia no monte Sião considerada inexpugnável por seus habitantes. Davi prometeu o comando do exército a quem liderasse o primeiro ataque, posto conquistado por seu sobrinho Joabe.Fontes: Jebus · Joab · o próprio texto bíblico
  • Quando Davi expressou o desejo de beber água do poço junto à porta de Belém, três de seus principais guerreiros romperam o acampamento filisteu para buscá-la. Recusando-se a beber a água obtida com o risco da vida deles, Davi derramou-a no chão como oferta ao Senhor.Fontes: Bethlehem · Jashobeam · Eleazar · o próprio texto bíblico
  • Benaia, filho de Joiada, celebrizou-se por façanhas extraordinárias em combate, incluindo matar um leão numa cova em um dia de neve e derrotar um guerreiro egípcio armado apenas com um cajado. Davi o nomeou comandante de sua guarda pessoal.Fontes: Benaiah · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Hebron · Hoje: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 1, 3
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 4, 8
  • City of David · 31.774, 35.236 · versículos 5, 7
  • Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 5
  • Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · versículo 15
  • Bethlehem · 31.704, 35.208 · versículos 16, 17, 18, 26
  • Moab · Hoje: Moab 1 · 31.181, 35.701 · versículos 22, 46
  • Tekoa · Hoje: Khirbet Teku’a · 31.632, 35.210 · versículo 28
  • Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 32
  • Ammon · 31.955, 35.934 · versículo 39
  • Jattir · Hoje: Khirbet Attir · 31.352, 35.016 · versículo 40
  • Zobah · 33.935, 36.151 · versículo 47

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.