Zacarías 8
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mootiin Waan Maraa Xiyoon Akka Duriititti Deebisiisaaf Waadaa Gale
1Jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, 2«Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade kolbaa Xiyooniitiif guddoo waan hinaafeef, diina isi'iititti guddoo aareera. 3Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, gaara Xiyoonii irra hin le'a. Yerusaalem, ‹Qachaa addatamaa› jedhantee hin waammanti; gaarri Xiyooniille gaara kiyya woyyicha jedhamee hin beekkama.
4«Namooti woggaa hedduu le'anee waan dulloomanuuf, jaarsaa fi jaartiin borjoo qabatanee, karaa Yerusaalemii keessa ammalle hin tetee'an. 5Karaan qacha'aalle ijoollee dhiiraatii fi durraa ta keessa taphattuun hin guutama.
6«Guyyoota kanatti worra hafeef wonni kun ta hin dande'anne yoo fakkaattelle, wonni naaf hin dande'anne jirtii ree? 7Ani kolbaa tiyya harka worra karaa biyya aduun baatuutii fi aduun seentuu jiranu jalaa baasee, 8Yerusaalem keessa akka le'anu deebisee isaan hin fida; isaan kolbaa tiyya hin te'an; anille addatamumma'aa fi balchumma'aan Waaqa isaanii hin te'a.
9«Isin worri yennaa Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramiisaaf hundeen keyamu, waan raagoti achi jirtu dubbatte dhage'iisatti jirtanu, Galma Waaqaa ijaariisaaf jabaadha'a. 10Yennaa saniin dura namaaf, horiille'eef gatiin dadhabbi'ii hin kaffalantuuyyu. Nami duudiin ollaa ifii irratti diinumma'aan akka ka'u ka'u waan godheef, eennulle bayiisaa fi galiisaaf nageya hin qabuuyyu. 11Amma ammoo worra hafe akka durii hin godhu. 12Isaan nageyaan sanyii facaafatan; woyniin midhaan ifii hin buuchi; latti midhaan hin kenniti; gubbaan rooba kenna; ani waan kana mara worra hafe kanaaf hin kenna. 13Isin worri Yihuda'aatii fi worri Israa'elii, dur kolbaa biyya adda addaa oddu'utti akka abaarsaatitti laakkowamaa turtane; ammaa ammoo ani abaarsa kana jalaa isin hin fayyisa, eebballe hin teetan; tanaaf jabaadha'a malee, hin sodaatina'a!
14«Yennaa abbootiin teessan ta durii na aarsite, marartii malee isin adabiisaaf murteeffadhe. 15Amma ammoo kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa eebbisiisaaf murteeffadheera; hin sodaatina'a. 16Wonni isin godhuu qaddanu kana: dhugaa wolitti dubbadha'a. Addee kora mura'aa keessaniititti muraa dhugittii ta nageya fiddu mura'a. 17Wol miidhiisaaf hin yaadatina'a. Dharaan hin kakatina'a. Ani kana duudii hin jibba» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade.
18Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, 19«Laam ji'a arfeesso'oo, ji'a shaneesso'oo, ji'a torbeesso'ootii fi ji'a kudhaneesso'oo worra Yihuda'aatiif jila gammadaatii fi ililleetti'ii hin te'a. Isin ammoo dhuga'aa fi nageya jaaladha'a.
20«Yennaan kolbaan hedduun qachaa hedduu keessaa gara Yerusaalemii dhuttu hin dhutti. 21Worri qachaa tokko keessa le'u, gara worra qachaa dhibii keessa le'uu dhaqee, ‹Kowa'a! Ariifannee dhandhee Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u waaqonfannee, eebba isaa kadhanna, nuutille achi dhaqaarra› hin jedhan. 22Kolbaa heddu'uu fi gosi biyya adda addaa jajjabi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaa fi eebba isaa kadhatiisaaf gara Yerusaalemii hin dhufan. 23Yennaa san gosa biyya adda addaa ka afaan gara garaa dubbatanu keessaa, namooti kudhan handaara woyaa Yihudicha tokkoo qabatanee, ‹Waaqi isin woliin akka jiru waan dhageenneef isin woliin hin deenna› hin jedhan» jedha.

¿Sabías que…?
La restauración y futura bendición de Jerusalén
- Zacarías profetizó alrededor del 519 a.C. para alentar al remanente que había regresado a reconstruir el templo en Jerusalén tras años de dificultades y conflictos.Fuentes: Prophecies of Zechariah · el propio texto bíblico
- La profecía contempla a Jerusalén—asociada históricamente con el monte Sion—transformada de ruinas vulnerables en una ciudad segura y próspera, donde ancianos con bastón y niños jugando llenan las calles.Fuentes: Jerusalem · Zion · el propio texto bíblico
- Los ayunos tradicionales del cuarto, quinto, séptimo y décimo mes se convertirían en fiestas alegres, anticipando una época en que pueblos de diversas naciones extranjeras buscarían a Dios en Jerusalén.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 3, 4, 8, 15, 20, 21, 22
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 3
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org