Zacarías 3
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Mudhii Zakaariyaas Marroo Hayyicha Gudda'aa Dhagge
1Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Hayyichi Guddaan Iyaasuun ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateeruun, Seexannille Iyaasuu himatiisaaf midda isaatitti dhaabbateeruun natti mudhise. 2Ergamaan Mootii Waan Maraa Seexanaan, «Seexana, Mootiin Waan Maraa si xixu! Mootiin Waan Maraa ka Yerusaalem filate si xixu! Namichi kun akka muka ibidda irraa butameetii motii ree?» jedhe.
3Yennaa san Iyaasuun woyaa xurootte uffatee, ergamaa Mootii Waan Maraa dura dhaabbateera. 4Ergamaan sun worra isa dura dhaabbateeru saniin, «Woyaa isaa xuroottuu san irraa baasa'a!» jedhe; Iyaasuulle'een, «kunoo, ani cubbuu teeti si irraa balleesseera; woyaa ulfinnaalle sitti hin uffisa» jedhe.
5Achiin duuba ani, «Marata mata'aa qulqulluu mataa isaatitti mara'a!» jedhe; isaanille adoo ergamaan Mootii Waan Maraa achi dhaabbateeruu, marata qulqulluu itti maranee, woyaalle itti uffisane. 6Eega san ergamaan Mootii Waan Maraa Iyaasuu ifi eeggachiisee, 7«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Deensi keeti akka fedha kiyya yoo te'e, waan ani si ajaje yoo eeggatte, Galma kiyyaaf bulchaa, badhinna dalleya kiyya keessaa mara irratti itti gaafatamaa hin teeta. Ergantoota Mootii Waan Maraa ta as dhaabbataneeranu oddu'utti mirga si'iif hin kenna. 8Iyaasuu hayyicha gudda'a, dhage'i! Isin worri hayyumma'aan isa woliin tajaajiltanuu fi waan dansaa gara duraa te'uu jiruuf, beessisa teetane dhage'a'a: ani kunoo, dameen Daawitii garbichi kiyya akka dhufu hin godha. 9Kunoo, ani dhakaa iloo torba qabu tokko Iyaasuu dura hin keya; ani dhakaa san irratti barreeffama, «Ani guyyaa tokkotti yakkaa lafa tanaa irraa hin balleessa» jedhu hin barreessa. 10Guyyaa san nami tokko tokkoonuu, muka woyni'iitii fi haru'uu jalatti ollaa ifii hin affeera› jedha» jedhe.
¿Sabías que…?
La purificación del sumo sacerdote Josué
- Josué, hijo de Josadac, sirvió como sumo sacerdote judío junto a Zorobabel tras el regreso del exilio. En la visión de Zacarías, comparece ante el ángel del SEÑOR representando a la comunidad restaurada.Fuentes: Joshua · el propio texto bíblico
- En hebreo, el término traducido como Satanás significa adversario o acusador. En este pasaje, se coloca a la derecha de Josué a la manera de un acusador judicial para presentar cargos contra el sumo sacerdote.Fuentes: Satan · el propio texto bíblico
- El retiro de las vestiduras sucias de Josué y la entrega de ropas espléndidas y un turbante limpio representan de forma visible la eliminación de la iniquidad y la renovación del sacerdocio.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org