Nations Bible

Zacarías 14

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Yerusaalemii Fi Gosa Biyya Adda Addaa

1Guyyaan muraa Mootii Waan Maraa dhufaara; yennaa san saantoti waan isin irraa fudhatane, ila teessan duratti hin qoqoodaman. 2Mootiin Waan Maraa gosi biyya adda addaa duudiin Yerusaalem akka lolanuuf wolitti isaan hin qaba. Qachaan sun hin qabatama; manni hedduun hin saamama; dubartoota hin gudeedan. Kolbaan gamisi booji'antee deenti; worri hafe ammoo qachaa keessaa hin bayu. 3Achiin duuba Mootiin Waan Maraa akkuma dur lole gosa biyya adda addaa san loliisaaf hin ka'a. 4Guyyaa san miilli isaa gaara ejersaa ka Yerusaalem irraa gara aduun baatu jiru irra hin dhaabbata; gaarri ejersaa gara aduun baatu irraa haga gara aduun seentuu dhooqa guddo'oon addee lamatti hin qoodama; tanaaf gamisi gaaraa sanii gara kaabaa, gamisi gara kibbaatitti hin hiiqa. 5Isin dhooqa gaara addee lamatti qooddee haga Azeelii geettu keessa hin baqattan; akkuma bara Uziyaa mootii Yihuda'aa, abbootiin teessan tacho'a lafaa jalaa baqatte, isinille hin baqattan. Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya, ergantoota ifii duudii woliin hin dhufa.

6Guyyaa san ifi, boojjiin yookiin qorri hin jiraatu. 7Guyyaan adda te'e, ka guyyaa yookiin galgala hin qanne, ka Mootii Waan Maraatiin beekkame tokko hin ite'a. Yennaa galgaloottu, ifi hin te'a.

8Guyyaa san bisaan jiru'uu Yerusaalem keessaa hin burqa; gamisi isaa gara abbaayaa aduun baatuu, gamisi gara abbaayaa Mediteraaniya'aa, bonaa fi ganna hin yaa'a. 9Yennaa san Mootiin Waan Maraa biyya lafaa duudii irratti mootii hin te'a; gaafas nami duudiin Mootiin Waan Maraa isa qofa akka te'e hin dhugeeffatan; maqaa isaa qofa waammatan.

10Latti duudiin Gebaa gara kaabaa irraa, haga Rimoonii gara kibbaatitti dirree hin teeti. Qachaan Yerusaalemii ammoo, karra Beniyaaminii irraa kaasee, karaa karra duriitiin haga karra roga dalleyaa, akkasuma xelleephoo dhaka'aa ta Hanaani'elii irraa haga addee daadhii woynii mootichaa itti cunfanuutitti, ol ka'ee addee ifiititti hin hafa. 11Kolbaan Yerusaalem keessa hin leeti; haganaa achi Yerusaalem deebitee hin baddu; kolbaan bidhaa malee leeti.

12Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa ta Yerusaalem loliisaaf kaatu irratti dhukkuba balaa hin fida. Adoo dhaabbataneeranuu foon isaanii hin shama; ilti isaaniitii fi arrabi isaanii hin shama.

13Yennaa san Mootiin Waan Maraa waan guddoo naasisu isaanitti hin fida; nami tokko tokkonuu harkaan wol qabee, wol hin lola. 14Worri Yihuda'aa Yerusaalemiif rogee hin lolan. Karri gosa biyya adda addaa ta adaala sanii duudiin worqiin hedduun, meetii heddu'uu fi woyaan hedduun wolitti hin qabaman.

15Dhukkubi balaan sun ammalle fardoo, gaangee, gaalaa fi harree, horii addee quttumaa diinaa jiru duudii irratti hin bu'a.

16Achiin duuba gosi biyya adda addaa, ka Yerusaalem lolane keessaa worri jiru'uun hafe duudiin, wogguma wogga'aan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfatiisaaf, jila gose'eelle jilifatiisaaf gara Yerusaalemii ol hin bayan. 17Gosa biyya adda addaa keessaa, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade mooticha waaqonfatiisaaf, gara Yerusaalemii ka ol hin baaneef, bokkeenni hin roobu. 18Worri Gibxi'iille jila san jilifatiisaaf gara Yerusaalemii yoo ol hin bayin, bokkeya hin dhaggatanu; Mootiin Waan Maraa dhukkuba balaa, ka gosa biyya adda addaa ta gara Yerusaalemii ol baatee, jila gose'ee jilifatuu didde irratti fide san, isaan irralle'etti hin fida. 19Adabbiin worra Gibxi'iitii fi gosa biyya adda addaa, ka ol bayanee jila gose'ee jilifatiisa didanu duudii irratti dhuttu tana. 20Guyyaa san bilbila morma fardo'oo irratti, «Mootii Waan Maraatiif ka woyyoome» jedhamee hin barreeffama. Okkoteen Galma Waaqaa keessatti itti iffeelatanu akka qorii addee ciinca'aa irraatitti hin woyyoonti. 21Okkoteen itti iffeelatanu ta Yerusaalem keessaatii fi Yihudaa keessaa duudiin, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef ta woyyoonte hin teeti. Worri ciincaa dhikeessiisaaf dhufu duudiin, foon ciinca'aa itti hin iffeelan. Yennaa san Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee keessatti, nami daldalu tokkolle hin jiraatu.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

El Día del Señor y la Adoración Universal

  • El Monte de los Olivos es una colina situada al este de Jerusalén, separada de la ciudad por el valle de Cedrón. Aparte de este pasaje profético, solo se le nombra de forma explícita en otro relato del Antiguo Testamento, cuando el rey David huyó de la ciudad durante la rebelión de Absalón.Fuentes: Mount of Olives · el propio texto bíblico
  • El profeta evoca un gran terremoto ocurrido durante el reinado de Uzías, rey de Judá, un suceso tan impactante que provocó la huida del pueblo. Uzías era hijo de Amasías y gobernó Judá a lo largo de un próspero reinado de unos cincuenta y dos años.Fuentes: Uzziah · el propio texto bíblico
  • El capítulo anuncia que los sobrevivientes de todas las naciones, incluido Egipto, subirán año tras año a Jerusalén para celebrar la Fiesta de los Tabernáculos. Zacarías advierte que aquellos pueblos que no acudan recibirán el castigo de no tener lluvia.Fuentes: Egypt · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 2, 4, 8, 10, 11, 12, 14, 16, 17, 21
  • Mount of Olives · 31.778, 35.246 · versículo 4
  • Great Sea · Hoy: Mediterranean Sea · 31.805, 34.170 · versículo 8
  • Salt Sea · Hoy: Dead Sea · 31.500, 35.500 · versículo 8
  • Arabah · 30.417, 35.151 · versículo 10
  • Benjamin Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 10
  • Corner Gate · Hoy: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 10
  • Tower of Hananel · Hoy: Antonia Fortress · 31.780, 35.234 · versículo 10
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 18, 19

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.