Zacarías 12
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Injifachaa Yerusaalemii
1Dubbiin Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitiif dubbate tana: Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa diriirse, ka hundee lafaa hundeessee fi jiruu namaaf kenne, 2«Ani kunoo, Yerusaalem akka muduunuu daadhii woyni'ii hin godha; gosi biyya adda addaa ta adaala isi'ii, untee akka namoota machowanee hin gatantarti. Yennaa qachaan Yerusaalem marfamu qachaan Yihudaalle hin marfama. 3Yennaa gosi biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wolitti qabantu, ani akka dhakaa ulfaata'aa isii hin godha; worri isii ol kaasiisaaf wodhaanu duudiin ifi miidhan. 4Guyyaa san ani fardoo isaanii mara hin bararassa; abbootii fardo'oo hin maraacha; kolbaa Yihuda'aa hin eega; fardoo diina isaanii ammoo hin jaamsa. 5Achiin duuba sooreyyiin Yihuda'aa gadhaa ifii keessatti, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii ta Yerusaalem keessa leetuuf hunnaa hin kenna› jedhan.
6«Guyyaa san sooreyyii Yihuda'aa akka okkotee ibiddaa ta qoraan irratti tuulameetii fi akka umeessaa ibiddaa ka odduu ladde'eetitti bobe'uu isaan hin godha. Isaan kolbaa adaala sanii mara hin fixan. Kolbaan Yerusaalemii ammoo, nageyaan Yerusaalem keessatti hin hafan.
7«Ulfinni sanyii Daawitiitii fi ulfinni namoota Yerusaalem keessa le'anuu ka Yihuda'aa akka hin caalle, ani Mootiin Waan Maraa dursee mana gosa Yihuda'aatiif injifachaa hin kenna. 8Ani guyyaa san Mootiin Waan Maraa, worra Yerusaalem keessa le'u hin eega; isaan keessaa ka irra caalaa dadhaba'aatuu, akka Daawitii jabaa hin te'a. Sanyiin Daawitii akka ergamaa kiyyaa, akkuma kiyya isaan hin sooressan. 9Guyyaa san gosa biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wodhaantu mara balleessiisaaf hin barbaada.
10«Ani ayyaana mararti'iitii fi ayyaana daadimataa sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'u irratti hin dhangalaasa. Isaan ka woraanane san na hin ilaalan; akka nama mucaa tokkochaaf bowuutitti hin bowan; akka nama du'a ilma angafichaatiif guddoo gadduulle hin gaddan. 11Guyyaa san bootti guddoon, sanyii Hadaad Rimooniitiif dirree Megidoo keessatti teete sun, Yerusaalem keessatti hin teeti. 12Namooti lafa sanii akka maatii maatii ifiititti hin bowan; maatiin sanyii Daawitii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin sanyii Naataanii qofuu, niitoti isaanii qofuu, 13maatiin sanyii Lewwi'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin Sheme'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, 14maatiin worra hafee duudiin qofuu, niitoti isaaniille qofuu hin bowan» jedhe.

¿Sabías que…?
Liberación y duelo en Jerusalén
- La referencia al duelo en Hadad-rimón, en la llanura de Meguido, recuerda el lamento nacional por el rey Josías, quien fue herido de muerte cerca de ese lugar. El amplio valle de Meguido era un corredor estratégico y un frecuente campo de batalla en la antigüedad.Fuentes: Hadad-rimmon · Megiddo · el propio texto bíblico
- La profecía menciona familias específicas en duelo por separado, incluidas las líneas reales de David y su hijo Natán, así como la casa sacerdotal de Leví. Esto enfatiza que el profundo dolor y la reflexión personal alcanzarían a todos los estratos de la sociedad, desde los líderes hasta cada hogar particular.Fuentes: David · Nathan · Levi (patriarch) · el propio texto bíblico
- Jerusalén se describe mediante imágenes vívidas, como una piedra pesada e inamovible que hiere a quienes intentan levantarla, y una copa que embriaga a los ejércitos atacantes. Estas metáforas destacan la defensa divina sobre la ciudad frente a las naciones invasoras.Fuentes: Jerusalem · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 2, 3, 5, 6, 7, 8, 9, 10, 11
- Megiddo · Hoy: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · versículo 11
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org