Romanos 16
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Nageya Ergame
1Obboleettii teenna Feebeen, ta wolde'a kiristaanaa ka Kanchire'aa keessa tajaajiltu, nama dansaa akka teete akka beettanu barbaada. 2Akkuma kolbaa Waaqaatiif maltetti, maqaa Gootta'aatiin isii fudhadha'a! Isiin kolbaa heddu'uu fi analle waan qarqaarteertuuf, qarqaarsa isiin isin irraa barbaaddu maraayyuu isi'iif kenna'a.
3Worra hujii Kiristoos Yesuusii na woliin huje, Phirisqiila'aa fi Aqiila'atti nageya naaf hima'a. 4Isaan jireenna isaanii naaf kennaneeran. Ani isaan galateeffadha; na calla'aa motii wolde'i kiristaanaa ka worra Yihudoota hin te'inille martinuu isaan galateeffatan. 5Wolde'a mana isaanii keessatti wolitti qabamulle'etti nageya naaf hima'a.
Jaala kiyya jaalatamaa, biyya Asiya'aa keessaa dursee Kiristoositti dhugeeffate Ephanexositti nageya naaf hima'a. 6Maariyaamii isiniif jabeennaan hujjetti, nageya naa hima'a. 7Yihudoota na woliin hidhamanee turane Andironikosii fi Yuniyaasitti nageya naaf hima'a; isaan ergantoota oddu'utti worra beekkamee fi worra anaan dura kiristaana te'eeru.
8Jaala kiyya jaalatamaa Gootta'aan jaaladhu, Aphiliiyaaxositti nageya naaf hima'a. 9Jaala kiyya jaalatamaa Isxaakisii fi Urbaanosii karaa Kiristoosiitiin nu woliin hujutti nageya naaf hima'a. 10Aphelesii Kiristoositti dhugeeffatiis isaa mirkaneeffametti nageya naaf hima'a. Worra maatii Arisxobulosii te'elle'etti nageya naaf hima'a. 11Herodiyoonii akkuma kiyya Yihudii te'etti nageya naaf hima'a. Worra maatii Naarkisosii keessaa kiristaana te'etti nageya naaf hima'a.
12Worra tajaajila hujii Gootta'aa huju, Tiriifeenee fi Tiriiphaase'etti nageya naaf hima'a. Hujii Gootta'aa guddoo ta hujje, jaalatantuu jaala tiyya Pharsiisille'etti nageya naaf hima'a. 13Ruufoosii hujii Gootta'aatii filamee fi haadha isaa, ta yennaa mara akka ilmaatitti ana ilaaltetti nageya naaf hima'a. 14Asinkiriixositti, Filegoonitti, Hermeesitti, Phaaxrobaasitti, Hermaasii fi kiristaanota dhibii isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a. 15Filogosii fi Yuliya'atti, Neryoosii fi obboleettii isaatitti, Olimphaasii fi kolbaa Waaqaa worra isaan woliin jiranu maratti nageya naaf hima'a.
16Sunqaa obbolumma'aatiin nageya wol fuudha'a. Wolde'ooti Kiristoosii marti nageya isinii dhaaman.
Gorsa Gara Dhumaarratti Kenname
17Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba'aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te'u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha'a! 18Worri waan akkasii godhu kun halchaa nyaata ifiitiif malee, Kiristoosii Goottaa keennaaf hin hujanu. Dubbii ifii damma dibiisaa fi sossobiisaan kolbaa gadhaa babadhattu gowwoonfatan. 19Nami marti Wongeelaaf ajajamuu keessan dhage'eera; sababa kanaafille ani marroo teessaniif hin gammada. Marroo waan dansa'aatiif qaroo, marroo waan hantu'uutiif ammoo gowwoolee akka teetanu ani barbaada. 20Maddi nageya keennaa, Waaqille, dafee Seexana miila keessan jalatti hin butucha. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
21Ana woliin ka huju, Ximootewoos akkasuma Yihudooti akka kiyyaa Luukiyoos, Yaasonii fi Soosiiphaaxroos nageya isiniif dhaaman.
22Ani Xirxiwoosiin Phawuloos himaaruun xalayaa kana barreesse, Gootta'aan te'ee nageya isiniif dhaama.
23Keessummeessaan kiyya Gaayos, ka mana isaa keessatti wolde'i kiristaana wolitti qabamu, nageya isiniif dhaama. Qabataan beesee qacha'aa, Eraasxoos fi obboleessi keenna Ku'arxoos, nageya isiniif dhaaman. 24Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin mara woliin jiraatu.
Leellisiisaan Muummeffatuu
25Ulfinna Waaqaaf kenninuu ti! Akka Wongeela ani marroo Yesuus Kiristoosii lallabeetitti, akka mudhachuu dhossaa dhugittii bara duriitii jalqaddee hin mudhatin turtelle'etti, inni dhugeeffanna teessaniin akka isin jabaattanee dhaabbattanu godhuu dande'a. 26Te'uu male, amma, karaa kitaaba raagoti barreessaneen dhossaan tun ifatti baateerti; martinuu dhugeeffatee akka ajajamu, ajaja Waaqa bara baraatiin kolbaa maratti akka beekkamu godhameera. 27Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te'u.

¿Sabías que…?
Saludos a la iglesia en Roma
- Pablo recomienda a Febe, sierva de la iglesia en Cencrea, y pide a los destinatarios en Roma que la reciban bien y la ayuden en lo que necesite, porque ha sido de gran ayuda para mucha gente, incluido él. Cencrea era el puerto oriental de Corinto, a unas nueve millas al este de la ciudad y la salida de su comercio con las costas asiáticas del Mediterráneo; el Easton's Bible Dictionary (1897) dice que ella probablemente fue quien llevó esta carta.Fuentes: el propio texto bíblico · Phebe · Cenchreae
- Pablo saluda a Prisca y a Aquila, sus colaboradores en Cristo Jesús, que arriesgaron la vida por él, y también a la iglesia que se reúne en su casa; dice que no solo él, sino todas las iglesias de los gentiles les están agradecidas. El Easton's Bible Dictionary (1897) la llama Priscila y describe a Aquila como fabricante de tiendas, natural del Ponto, que con su esposa dejó Roma a causa de un decreto de Claudio, en el año 50 d. C., que ordenaba a todos los judíos salir de la ciudad; el nombre de ella a veces aparece antes que el de él, como aquí.Fuentes: el propio texto bíblico · Priscilla · Aquila
- Cerca del final, Tercio, quien puso la carta por escrito, añade su propio saludo. Gayo, que ha hospedado a Pablo y a toda la iglesia, también envía saludos, al igual que Erasto, el tesorero de la ciudad, y Cuarto.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org