Romanos 13
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa
1Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. 2Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida. 3Worra waan hantuu huju malee, worri waan dansaa huju bulchitoota hin sodaatanu. Ati worra baallii qabu akka hin sodaanne barbaaddaa? Waan dansaa huji; galatalle isaan irraa hin dhaggatta. 4Worri baallii qabu tajaajiltoota Waaqaa ka waan dansaa si'iif godhanu. Ammoo yoo waan hantuu hujje, isaan sodaadhu; sababille isaan worra toluma shallaagaa hidhateeruu moti. Isaan tajaajiltoota Waaqaa, ka mufii Waaqaa mudhisiisaaf, worra hantuu huju adabanu. 5Tanaaf nami adabbii Waaqaa qofaaf adoo hin te'in, sababa wodana'aatiif jedhee worra baallii qabuuf ajajamuu qaba. 6Isin tanaaf gibiralle gabbartan; worri baallii qabulle yennaa waan kana hujii irra oolchu Waaqaaf hujiisatti jira. 7Waan isaan isin irraa dhaggachu'uuf malane, kenna'aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna'a.
Wol Jaalatuu
8Beenyaa eennuulle hin qabaatina'a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te'uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera. 9Ajajooti, «Hin gaarayyeeffatin; hin ijjeesin; hin hatin; hin kajeelin» jedhanuu fi ka dhibiin martinuu, ajaja, «Akka ifi jaalattu nama jaaladhu» jedhuun wolitti qabameera. 10Nami nama jaalatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalachuun Seera guutu'u.
11Yennaan isin hirriibaa dammaxxanu akka geetteertu waan beettanuuf, tana godhuu qaddan. Sababille yennaa itti dhugeeffanne caalaa guyyaan itti fayyinu amma gara keenna dhikaateera. 12Halkan dabariisa geyeera; guyyaalle dhikaateera. Tanaaf kowa'a hujii dukkanaa lakkinnee, meya woraanaa ka ifaa uffanna. 13Akka kolbaa ifa guyya'aa keessa leetuutitti, amala keenna miidhaffannuu ti malee, quufanee ficiqqisu'uun yookiin machi'iin, sagaagalaan yookiin fariisa'aan, lolaan yookiin hinaaffa'aan hin te'in. 14Goottaa Yesuus Kiristoos akka woya'aa uffadha'a malee, halchaa foonii guutatiisaaf hin yaadatina'a.
¿Sabías que…?
Autoridad, impuestos y la deuda del amor
- Este capítulo afirma que no hay autoridad sino la que proviene de Dios, y que las autoridades que existen han sido establecidas por Dios. Quien resiste a la autoridad es descrito como quien se opone a lo que Dios ha instituido y como quien trae juicio sobre sí mismo. Los gobernantes, dice el texto, no infunden terror a la buena conducta, sino a la mala.Fuentes: el propio texto bíblico
- El gobernante es llamado siervo de Dios para el bien de aquellos a quienes se dirige el texto, y agente de retribución para el malhechor, que no lleva la espada en vano. La sumisión se presenta como necesaria no solo para evitar el castigo, sino también por cuestión de conciencia, y por eso también se pagan impuestos a las autoridades que se dedican a su trabajo. Cada persona debe dar impuestos, tributos, respeto y honor a quienes les corresponden.Fuentes: el propio texto bíblico
- La única deuda que debe permanecer es el amor de unos por otros, pues quien ama a su prójimo ha cumplido la ley. Los mandamientos contra el adulterio, el asesinato, el robo y la codicia, y cualquier otro mandamiento, se resumen en el precepto de amar al prójimo como a uno mismo, porque el amor no hace mal a su prójimo. Se indica a los lectores que vivan así, despiertos a la hora, dejando las obras de las tinieblas y vistiéndose del Señor Jesucristo, ya que la noche está por acabar y el día se ha acercado.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org