Nations Bible

Apocalipsis 8

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Chaappaan Torbeesso'oo Baname

1Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso'oo bane, ol-gubba'atti gara daqiiqaa soddomaa cadheessi te'e. 2Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname.

3Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname. 4Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka'e. 5Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca'aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu'uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti'iitii fi tacho'i lafaalle te'e.

Tultullaa Torba

6Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabatteertu tultullaa afuufiisaaf qophootte.

7Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sad keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sad keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.

8Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda'aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaaya'atti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sad keessaa harki tokko dhiiga teete. 9Dadi lubbuu qaddu ta abbaayaa keessa jirtu, harka sad keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sad keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.

10Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa bobeettu lagoota harka sad keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute. 11Maqaan urjii saniille, «Hadheesso» jedhama. Bisaanille harka sad keessaa harki tokko hadhowaa te'e; bisaan hadhowaa waan te'eef namooti hedduun du'ane.

12Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sad keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sad keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sad keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sad keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sad keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sad keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.

13Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, «Ergantooti Waaqaa sad ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aanne'e! Aanne'e!» jedhaa iyyuun dhage'e.

¿Sabías que…?

Silencio, incienso y trompetas

  • Cuando el Cordero abre el séptimo sello, hay silencio en el cielo durante cerca de media hora. La visión muestra entonces a los siete ángeles que están delante de Dios, y se les dan siete trompetas.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Otro ángel, que tiene un incensario de oro, llega y se pone junto al altar. Se le da mucho incienso para ofrecer con las oraciones de todos los santos sobre el altar de oro delante del trono; el humo sube delante de Dios desde su mano, y luego llena el incensario con fuego del altar y lo arroja a la tierra, seguido de estruendos de trueno, retumbos, destellos de relámpago y un terremoto.Fuentes: el propio texto bíblico
  • Una tras otra, las cuatro primeras trompetas traen granizo y fuego mezclados con sangre sobre la tierra, algo como una gran montaña, ardiendo en fuego, arrojada al mar, una estrella llamada Ajenjo sobre los ríos y los manantiales, y el oscurecimiento de parte del sol, de la luna y de las estrellas. La visión habla una y otra vez de un tercio —de la tierra y de los árboles, del mar, de sus criaturas vivientes y de los barcos, de las aguas y del sol, la luna, las estrellas, el día y la noche—, mientras se quema toda la hierba verde; un águila que vuela en lo alto clama entonces ay tres veces, porque tres ángeles aún no han tocado sus trompetas.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.