Apocalipsis 12
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Dubartitti'ii Fi Bineensa Jawwee Fakkaatu
1Kancirri guddaan tokko ol-gubba'atti mudhate; dubartiin aduu uffattee, ji'a miila jala keyattee, kallacha urjoota kudha lamaa mata'atti keyatteertu takka mudhatte. 2Isiin ulfa qaddi; yennaa deyiisaaf ciniinsifattu, ciniinsu'uun rakkattee iyyite. 3Kancirri dhibiille ol-gubba'atti mudhate; jawween guddoon diintuun, ta mataa torbaa, ta gaafa kudhan qadduu fi kallacha torba mata'atti keyatteertu takka mudhatte. 4Eegeen isi'ii urjoota harka sad keessaa harka tokko ol-gubba'aa harkittee gad lafatti qolaansite. Jawween sun, akkuma dubartittiin deetteen mucaa isiin deettu liqinsiisaaf, isii deya geette dura dhaabbatte. 5Isiin ilma gosa biyya maraa ulee sibiilaa ta bokku'uutiin bulchu deette; mucaan gara Waaqaatii fi gara barcumaa mootummaa ifii ol fudhatame. 6Dubartittiille, gara addee Waaqi akka isiin guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin leetu dhaggattuuf qopheessee, gara lafa goomole'ee baqatte.
7Kanaan duuba ol-gubbaalle'etti lolli ka'e. Mikaa'elii fi ergantooti isaa jawwee san lolane; jawwe'ee fi ergantuun isi'iille deebisane isaan lolane; 8te'uu malee jawwe'ee fi ergantooti isi'ii injifatamane; addee ol-gubba'atti qabanulle dhabane. 9Jawween guddoon gad qolaanfante; isiin Diyaabiloosii yookiin Seexana biyya lafaa duudii wollaalchise jedhamu, dhudhuufaa bara durii ti. Isiin gad gara lafaa qolaanfante; ergantooti isi'iille isii woliin qolaanfante. 10Anille ol-gubbaa keessaa qoonqoo guddoo dhage'e; isiilleen,
«Amma fayyinni, hunni, mootummaan Waaqa keennaatii fi
baalliin Kiristoosii isaa dhutteerti.
Himattooti obboleeyyan teennaa,
ta halkanii fi guyyaa Waaqa keenna duratti
isaan himataa turtelle gad qolaanfanteerti.
11Obboleeyyan teennalle,
dhiiga Hoolichaatii fi jecha dhugaa bayiisa ifiitiin
isa mowataneeran;
lubbuu ifii adoo hin jaalatin
du'aaf dabarsanee ifi kennaneeran.
12Maarre yoona ol-gubbootii fi
worri isaan keessa leetanu gammada'a!
Lafaa fi abbaayaa guddo'o, isiniif ammoo aanne'e!
Sababille Seexanni yennaa gabaadduu callaa akka qabu beekee,
mufii gudda'aan gadi gara keessan dhufeera» jedhe.
13Jawween sun gara lafaatitti akka gad qolaanfante yennaa beette, dubartittii ilma deette san ari'utti kaate. 14Dubartittiin ammoo gara lafa goomole'ee, addee itti woggaa sadii fi wodhakka'aaf waan ittiin leetu dhaggattu sanii, akka koolaan kaatuuf koolli risaa guddichaa lama isi'iif kenname. 15Achiin duuba jawween sun akka dubartiin sun lola'aan fudhatantuuf, bisaan akka lagaa, afaan ifii keessaa, dudda isi'ii duubaan gadi naxxe. 16Latti ammoo dubartittii gargaarte; afaan ifii bantee laga jawween afaan ifii keessaa gadi naxxe san liqinsite. 17Jawween sunille dubartii sanitti aartee, ijoollee isi'ii ta hatte woliin loliisaaf dhaxxe; isaan worra ajaja Waaqaa eeggatuu fi dhugaa baya Yesuusii qabatu. 18Jawween sun maansa cinaa abbaaya'aa irra dhaabbatte.
¿Sabías que…?
La mujer, el dragón y la guerra en el cielo
- En este capítulo, el enorme dragón rojo es nombrado de forma explícita como la serpiente antigua, llamada diablo y Satanás, el engañador del mundo entero. El Diccionario Bíblico de Easton (1897) explica que Satanás significa adversario o acusador, y que en el Nuevo Testamento el nombre se emplea como equivalente de diablo. Una voz en el cielo lo llama entonces el acusador de los hermanos, el que los acusa día y noche delante de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico · Satan
- Miguel y sus ángeles luchan contra el dragón en este capítulo. El Diccionario Bíblico de Easton (1897) llama a Miguel uno de los principales ángeles y afirma que tenía un encargo especial sobre Israel como nación. La misma entrada lo relaciona con la serpiente antigua, llamada diablo y Satanás, que engaña al mundo entero, al citar Apocalipsis 12:7-9.Fuentes: el propio texto bíblico · Michael
- El Diccionario Bíblico de Easton (1897) incluye al dragón y a la serpiente antigua entre los títulos de Satanás, y cita Apocalipsis 12:9. El propio capítulo alterna esas imágenes: después de que el dragón es derribado, a la mujer se le dan dos alas de una gran águila para huir de la serpiente, y de la boca de la serpiente sale agua como un río para arrastrarla.Fuentes: Satan · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org