Nations Bible

Salmos 90

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Kitaaba Arfeesso'oo

Waaqi Dande'aa Bara Baraa Akka Te'e

Daadimata Muusee Nama Waaqaa

1Ee Gootta'a, ati dhalootaa haga dhalootaatitti,

addee itti baqannu nuuf teeteerta.

2Gaarri adoo hin dadamin dura,

yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura,

baraa haga bara baraatitti ati Waaqa.

3Ilmaan namaa gara biyye'ee deebitta;

ati, «Ee ilmaan namaa,

gara biyye'ee deebi'a'a» jetta.

4Woggaan kum tokko,

si'iif akkuma guyyaa kalee dabaree ti;

yookiin akkuma yennaa diqqoo halkan keessaa ti.

5Ati namoota haxoottee dabarsita;

isaan akka oojju'uu ti;

isaan akka marra ganama quunxuu ti.

6Marri ganama quunxee bisila;

galgala qooree goga.

7Nuuti aarii teetiin banneerra;

mufii teetiin bararandheerra.

8Ati yakkaa teenna ifi dura,

cubbuu teenna ta dhossa'aa

ifa fuula keetii dura keetteerta.

9Barri keenna marti

adoo nuuti mufii teeti jala jirruu dabaran;

bara jiruu teennaa aadaatuma fixanna.

10Barri jiruu teennaa woggaa torbaatama,

yoo bacatelle woggaa saddeettama;

woggooti sunuu

dadhabbi'ii fi rakkinna nutti fidan;

Isaan dafanee waan dabaranuuf,

nuuti koolaan kaanee dabarra.

11Hunna aarii teetii eentu beeka?

Mufii teeti guddoo san eentu hubatuu dande'a?

12Qaroolee akka teenu,

barri jiruu teennaa

gabaabaa akka te'e akka beennu nu barsiisi.

13Ee Mootii Waan Maraa, deebi'i!

Haga yoomii mufatta?

Tajaajiltoota teetiif gadhaa laafi.

14Bara jiruu teennaa mara

akka gammannee ilillinnu,

ganama ganama jaalala keeti

ka bara baraatiin nu quussi.

15Akkuma bara bacaa nu rakkitte,

akkuma woggaa bacaa waan hantuu dhaggine,

amma nu gammachiisi!

16Hujii teeti tajaajiltoota teetitti,

ulfinna keeti ijoollee isaaniititti mudhisi.

17Goottaa Waaqa keenna,

ila dansa'aan nu ilaali;

hujii harka keennaalle nuu milkeessi;

ee, nuu milkeessi.

Ilustración artística: una interpretación, no un registro histórico.

¿Sabías que…?

Una Oración sobre la Mortalidad y la Eternidad de Dios

  • El encabezado identifica este texto como una oración de Moisés, describiéndolo como el hombre de Dios. Es el único salmo en la colección bíblica tradicionalmente atribuido a él.Fuentes: el propio texto bíblico · Moses
  • El salmo contrasta la eternidad divina con la fragilidad de la existencia humana, comparando mil años a los ojos de Dios con un solo día que pasa o una vigilia de la noche, y la vida humana con la hierba que brota por la mañana y se marchita al atardecer.Fuentes: el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.