Salmos 88
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu ilmaan Qoraahii, ta akka yoyyoma faaruu, «Mahalaat» jedhantuun faarfante; barsiisa Hemaanii Ezraahichaa.
1Ee Mootii Waan Maraa
Waaqa fayyinna kiyyaa,
ani fuula keeti duratti
halkanii fi guyyaa gara keeti iyya.
2Daadimati kiyya si bira gewuu ti;
gurra keeti gara iyya tiyya deebifadhu.
3Lubbuun tiyya
rakkinnaan waan guutanteef,
jiruun tiyya
gara addee worri du'e jiruu dhikaatteerti.
4Ani worra gad gara boollaa dhaqu oddu'utti
laakkowame;
ani akka nama hunna hin qannee te'e.
5Ani akka nama worra du'e keessatti gatamee,
akka worra ijjeefamee awwaala keessa ciisuu,
akka worra ati deebitee hin qaabannee,
ka ati ijjumaa hin qarqaarree te'e.
6Ati boolla qilee,
qilee dukkanaa keessa na buutte.
7Mufiin teeti ulfaattee na irra ciitteerti;
ati danbalii mufii teetii mara
na irra danbalaatteerta.
8Firooti kiyya
akka na irraa fagaatanu gooteerta;
akka isaan na diqatanu gooteerta;
akka ani miliquu hin dandeenne,
balbalti natti cufanteerti.
9Ilti tiyya gaddaan caararrootteerti;
ee Mootii Waan Maraa,
guyyuma guyya'aan ani si waammadha;
harka kiyyalle gara keeti diriirsa.
10Ati worra du'eeruuf
waan maade'ee hin hujjaa ree?
Ekeraan kaatee si leellifattii ree?
11Jaalalli keeti ka bara baraa
boolla awwaalaa keessatti,
addatamummaan teeti
addee badi'ii keessatti
hin lallabantii ree?
12Hujii teeti ta bilbaasaa dukkana keessatti,
yookiin balchummaan teeti
lafa dedhante keessatti hin beekkantii ree?
13Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo,
qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya;
ganama ganamaan
daadimati kiyya si dura dhikaata.
14Ee Mootii Waan Maraa,
ati maaf ifi irraa na fageessita?
Ati maaf fuula keeti na dhoffatta?
15Ani dargaggummaa tiyya irraa jalqabee,
farree du'a geyeera;
bararassiisa keeti irraa ka ka'e
waan godhu wollaaleera.
16Mufiin teeti na irra buuteerti;
bararassiisi keetille na balleesseera.
17Mufiin teetii fi bararassiisi keeti
guyyaa guutuu akka lola'aa na marsane;
gara maraan karaa natti cufane.
18Ati lansootaa fi jaalota kiyya na irraa fageessite;
dukkanti callaan jaala kiyya naaf teete.

¿Sabías que…?
Un Clamor en la Profunda Oscuridad
- El encabezamiento designa este cántico como un salmo de los hijos de Coré y un Maskil de Hemán el ezraíta, dirigido según Mahalath Leannoth.Fuentes: el propio texto bíblico
- El orante describe el reino de los muertos mediante varios términos, incluidos el Seol, la fosa, Abadón y la tierra del olvido. El texto plantea preguntas retóricas sobre si las maravillas y la fidelidad de Dios pueden conocerse o alabarse en tales lugares.Fuentes: el propio texto bíblico
- A diferencia de muchos lamentos bíblicos que avanzan hacia expresiones de confianza o alabanza, el Salmo 88 sostiene un tono continuo de sufrimiento y aislamiento, y concluye con la oscuridad descrita como la compañía más cercana de quien clama.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org