Salmos 69
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Daadimata Qarqaarsa Dhaggatiisaa Dhikaate
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Daraaraa» jedhantee beekkantutti faarfatante.
1Bisaan waan morma na geyeef,
Ee Waaqa na baasi!
2Ani qilee caffa'aa keessa lixe;
miilli kiyya waan irra dhaabbatu dhabe;
ani qilee bisaanii keessa lixe;
lolaan na liqinse.
3Ani iyyiisaan dadhabe;
laagadaan na babbaqaqe;
qarqaarsa Waaqaa eeggatiisaan
ilti tiyya dadhadde.
4Worri sababa malee na jibbu,
rifeensa mataa kiyyaa caalaa bacata;
diinoti kiyya worri dharaan na himatu,
ka na balleessiisaaf barbaadu heddu'u.
Ani waan hin hatin
ade'etti deebisuu qabaa ree?
5Ee Waaqa, ati gowwummaa tiyya hin beetta;
yakkaan tiyya si duraa dhokattee hin jirtu.
6Ee Waaqa waan mara dande'u,
worri si addatu,
sababa kiyyaaf hin fokkifatin.
Ee Waaqa Israa'elii,
worri si barbaadu
sababa kiyyaaf hin qaanowin.
7Ani si'iif jedhee arraba ossadhe;
ani si'iif jedhee fokkoo uffadhe.
8Ani obboleeyyan tiyyatti orma,
ilmaan haadha tiyyaatitti alagaa te'e.
9Hinaaffaan mana keetiif qabu na gudde;
arrabi si arrassanu na irra bu'e.
10Yennaa ani laamee bowe,
isaan na arrassane.
11Woyaa gaddaa yennaa uffadhe,
nama ittiin mammaakanu isaaniif te'e.
12Ani waan worri addee yaa'ii tee'u ittiin mammaaku te'e;
worri machowulle marroo tiyya sirba.
13Ee Mootii Waan Maraa,
yennaa si biratti fudhatama qaddutti
ani gara keeti daadimadha;
ee Waaqa jaalala keeti ka bara baraatiin,
fayyisiisa keeti ka dhuga'aatiin,
deebii naaf kenni.
14Dhoqqee keessa lixiisa irraa na hamburi;
diinota kiyya jalaa,
qilee bisaanii keessaa na baasi.
15Lolaan na fudhatee hin deemin;
yookiin qileen na hin liqinsin;
yookiin boolli na irratti hin cufamin.
16Ee Mootii Waan Maraa,
jaalalli keeti ka bara baraa dansaa waan te'eef,
deebii naaf kenni;
marartii teeti guddo'oon gara kiyya deebi'i.
17Fuula keeti ana tajaajilaa keeti duraa hin dhoffatin;
ani rakkoo guddoo keessa waan jiruuf,
ariifadhuu deebii naaf kenni.
18Natti dhikaadhuu na wodi;
dhiibbii diinota kiyyaatiif jedhii na baasi.
19Arraffamiisa kiyya, qaanowiisa kiyya,
salphatiisa kiyyalle hin beetta;
ati diinota kiyya mara dhaggita.
20Arrabi na miidhee,
anille addii kutadhe;
nama naaf nayu barbaadee,
ammoo dhabe.
Nama na jajjabeessulle barbaadee,
ammoo tokkolle hin dhagganne.
21Akka nyaadhuuf hadhaa naaf kennane;
dheebuu tiyyaaf
daadhii woyni'ii dhangaggoottuu naaf kennane.
22Qoriin isaanii fonxoroo isaanii teetuu ti;
worra isaan woliin nyaatuufille tiyyoo teetuu ti.
23Akka hin dhaggine,
ilti isaanii dukkanoottuu ti;
hidhi isaanii yennaa mara lellequu ti.
24Mufii teeti isaan irratti dhangalaasi;
aariin teeti ta bobeettu isaan dhaqqadduu ti.
25Quttumi isaanii onuu ti;
dunkaanii isaanii keessa nami hin le'in.
26Isaan worra ati dhaante ari'an;
marroo farra worra ati madeessitee haasowan.
27Yakkaa ifii irratti
yakkaa akka dabalatanuuf isaan lakkisi;
gara balchummaa teetii isaan hin fidin.
28Maqaan isaanii
galmee worra jiraata'aa keessaa haqamuu ti;
isaan worra balchoolee woliin hin galmeeffamin.
29Ani ammoo farraa fi rakkinna guddaa keessa jira;
ee Waaqa, fayyisiisi keeti ol na qabuu ti.
30Ani faaru'uun maqaa Waaqaa hin leellisa;
galatalle'een isa ulfeessa.
31Kun korma yookiin dardara
gaafaa fi qeenca qabu caalaa,
Mootii Waan Maraa hin gammachiisa.
32Worri cunqurfame tana dhaggee hin gammada;
isin worri Waaqa barbaaddanu
gadhaan keessan jajjabaatuu ti;
33Mootiin Waan Maraa worra rakkata'aaf hin dhage'a;
kolbaa ifii worra hidhameerulle hin tuffatu.
34Ol-gubba'aa fi latti,
abbaaya'aa fi wonni isii keessa munyuuqu marti
isa leellisanuu ti.
35Waaqi qachaa Xiyoonii hin baasa;
qachoota Yihuda'aalle deebisee hin ijaara.
Kolbaan isaalle achitti qubattee,
lafa san hin qabatti.
36Ijoolleen tajaajiltoota isaa lafa san hin dhaalti;
worri maqaa isaa jaalatulle lafa san keessa hin le'a.

¿Sabías que…?
Un Clamor desde las Aguas Profundas
- El Salmo 69 emplea metáforas vívidas de ahogamiento en aguas profundas y hundimiento en lodo cenagoso para retratar una angustia abrumadora y la presión de enemigos sin causa.Fuentes: el propio texto bíblico
- El salmista relata un profundo aislamiento social, señalando que su ayuno y vestidura de cilicio lo convirtieron en objeto de burla pública entre quienes se sentaban a la puerta de la ciudad y tema de canciones de bebedores.Fuentes: el propio texto bíblico
- El salmo concluye con una esperanza de restauración, anticipando que Dios salvará a Sión —la colina sureste de Jerusalén— y reconstruirá las ciudades de Judá para que Sus siervos habiten allí.Fuentes: Zion · el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Lugares de este capítulo
- Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 35
Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org