Salmos 55
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Jaalaan Diinatti Dabarfamanee Kennamuu
Sooressa faarfattootaatiif, wolaloo Daawitii, ta meya ribu'uutiin faarfatante.
1Ee Waaqa, daadimata kiyya dhage'i;
gaaffii tiyya cadhittee hin ilaalin.
2Ati na caqasii deebii naa kenni;
ani rakkinna kiyyaan nageya dhabeera.
3Diinoti kiyya natti iyyan;
worri hamaaleyyiin na cunqursan.
Isaan farra natti fidan;
aari'iin na lolan.
4Gadhaan kiyya na sodaateera;
bararaqi du'aa natti bu'eera.
5Soda'aa fi hollatiisi na qabataneeran;
guddoo sheephiseera.
6Ani adoo akka saphaliisaa koola qabaadhe,
silaa koolaan ka'ee
addee takkatti foorfadhaayyu.
7Ani silaa fagoo ideemee,
goomolee keessa turaayyu.
8Hobonbolatti'ii fi bubbee bokkeyaa jalaa,
silaa ariifadhee
gara addee itti baqadhuu hin deemaayyu.
9Ee Gootta'a, ani qachaa keessatti
hunnaan wolitti ka'iisaa fi
wol loliisa waan dhaggeef,
arrabi isaanii akka wol irraa miliqu godhi;
mala isaaniille balleessi.
10Halkanii fi guyyaa,
isaan dalleya qachaa sanii gubbaa maran;
yakka'aa fi rakkinni qachaa san keessa jiran.
11Qachaa san keessa addee mara badi'itti jira;
dikkoo qachaa sanii keessaa
cunqursa'aa fi sobatti guuteera.
12Ka na arrassu diina kiyyaa moti;
adoo diina kiyya te'ee, silaa hin ossadhaayyu.
Ka natti kooru, nyaapha kiyyaa moti;
adoo nyaapha kiyya te'ee,
silaa duraa dhokadhaayyu.
13Ka tana na godhe ammoo,
nama hari'aa tiyyaa,
si lansa kiyya, jaala kiyya ka wolitti dhikaannu,
14ka haasowa mi'aawaa woliin haasowaa,
kolbaa woliin,
gara mana Waaqaa ideenne.
15Wonni hantuun mana isaaniitii fi
gadhaa isaanii keessa waan jirtuuf,
diinota kiyyatti dedhuma duuti itti dhuttuu ti;
adoo jiranuu
gara addee worri du'e jiruu gad bu'anuu ti.
16Ani ammoo Waaqa waammadha;
Mootiin Waan Maraalle na baasa.
17Galgalaa fi ganama, guyyaa wodhakka'attille,
rakko'oo fi gadda kiyya itti himadha;
innille qoonqoo tiyya hin dhage'a.
18Worri na irratti ka'u bacaa waan te'eef,
inni worra na lolu jalaa,
nageyaan na galcha.
19Isaan waan hin jijjiiranneef,
Waaqalle waan hin sodaanneef,
Waaqi, ka durii jalqabee
barcumaa mootummaa ifii irra jiru,
daadimata kiyya dhage'ee,
isaan hin salphisa.
20Lansi kiyya sun jaalota ifii lole;
waadaa galelle diige.
21Haasonni isaa dhadha'a;
gadhaa ifiititti ammoo lola yaada.
Jechooti isaa zayitii caalaa lallaafa;
ammoo akka shallaagaa buqqifamee ti.
22Ba'aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
23Ee Waaqa, ati ammoo
worra hamaa boolla qile'etti gad gatta;
worri dhiiga namaa dhangalaasuu fi nama sobu,
bara le'ii ifii hin wodhakkeeffatanu.
Ani ammoo sitti addadha.

¿Sabías que…?
Traición, Conflicto en la Ciudad y Refugio en Dios
- El salmo resalta el dolor particular de la traición cometida por un compañero íntimo y no por un enemigo declarado. El autor describe al traidor como un amigo cercano con quien compartía una dulce comunión y caminaba junto a la multitud hacia la casa de Dios.Fuentes: el propio texto bíblico
- Frente al engaño, la opresión y la violencia que consumían la ciudad, el salmista anhela tener alas como una paloma para huir lejos y hallar refugio en el desierto.Fuentes: el propio texto bíblico
- El pasaje refleja una práctica constante de oración diaria en medio de la angustia, donde el autor afirma que clama a Dios por la mañana, al mediodía y al atardecer.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org