Nations Bible

Salmos 50

Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.

Waaqonfannaa Dhuga'aa

Faaruu Asaafii.

1Mootiin Waan Maraa,

Waaqi waaqotaa hin dubbata;

baya adu'uu irraa haga seensa adu'uutitti,

nama lafa irraa mara hin waama.

2Gaara Xiyoonii,

ka miidhaginna guutuu qabu irraa,

Waaqi hin ifa.

3Waaqi keenna hin dhufa; inni hin cadhisu;

ibiddi gubu isa dura jira;

hobonbolattiin jadduun cinaa isaa marsiteerti.

4Inni kolbaa ifiititti muriisaaf,

ol-gubbaa gubbaa jirtuu fi lafa waamee,

5«Worra ciinca'aan na woliin gondoorate,

ka naaf addatamane wolitti naaf qaba'a» hin jedha.

6Waaqi abbaa mura'aa waan te'eef,

ol-gubbaan balchummaa isaa lalladdi.

7Ammalle Waaqi, «Kolbaa tiyya, dhage'a'a;

Israa'el, ani si'i irratti dhugaa hin baya;

ani Waaqi keeti, Waaqa.

8Ani, ‹Ciincaa naa dhikeessitu dhabe› jedhee si hin komadhu;

kennansi keeti ka gubamu yennaa mara fuula kiyya dura jira.

9Ani moonaa teeti keessaa korommii,

gooree teeti keessaa korbeeyyii re'e'ee

fudhatiisaaf hin barbaadu.

10Bineensoti baddaa keessaa marti,

horiin kooba kuma hedduu irraa marti kiyya.

11Ani sinbirroota gaara irraa mara beeka;

wonni diida keessa munyuuqu marti tiyya.

12«Biyyi lafaatii fi wonni isii keessaa marti

tiyya waan teeteef,

adoo beelowelle'ee ani sitti hin himu.

13Ani foon korommi'ii nyaadhaa?

Yookiin dhiiga re'e'ee unaa?» jedha.

14Ciincaa galataa Waaqaaf dhikeessi;

waadaa keeti Ol Aana'aaf muummessi.

15Waaqi, «Guyyaa rakkinnaa na waami;

ani si baasa;

atille na hin ulfeessita» jedha.

16Waaqi ammoo nama hama'aan,

«Waan ajaja kiyyaatuu maaf dubbatta?

Gondooroo tiyya maaf maqaa dhootta?

17Ati adabamiisa jibbita;

jechoota kiyya ifiin duubatti gatta.

18Hattuu yennaa dhaggitu, jaala teetaaf;

gaarayyeeffattoota wolille'een qooda qadda.

19«Afaan keeti waan hantuu dubbata;

arrabi keetille soba odeessa.

20Teettee obboleessa keeti hamatta;

ilma haadha teetii maqaa balleessita.

21Ati waan kana goote; ani hin cadhisaa?

Ani akkuma keeti te'e na seetaa?

Amma ammoo waan ati goote sitti mudhisee,

si xixa.

22«Isin worri ana Waaqa deetanu,

tana hubadha'a;

tun te'uu dhabaannaan ani isin kukkuta;

ka isin baasu hin jiru.

23Nami ciincaa galataa naaf dhikeessu na ulfeessa;

nama karaa qajeelaa deemuuf,

fayyisiisa kiyya itti mudhisa» jedha.

¿Sabías que…?

El verdadero culto y el juicio divino

  • El Salmo 50 aborda el propósito de los sacrificios de animales en el antiguo Israel. El texto enfatiza que Dios no depende de ofrendas de toros o machos cabríos para su sustento, pues toda la creación le pertenece, exigiendo más bien sincera gratitud, cumplimiento de votos y rectitud de conducta.Fuentes: el propio texto bíblico
  • El salmo presenta a Dios hablando desde Sion, la colina de Jerusalén donde David estableció su fortaleza. Sion es descrita como perfecta en hermosura, siendo el lugar desde el cual Dios convoca a los cielos y a la tierra.Fuentes: Zion · el propio texto bíblico

Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.

Lugares de este capítulo

  • Zion · Hoy: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 2

Solo aparecen lugares identificados con alta confianza (90 % o más según las fuentes académicas reunidas por OpenBible). Mapa de la época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa actual: © colaboradores de OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Habla con nosotros

Cuéntanos desde dónde lees, cómo te ha ayudado la Biblia o qué podemos mejorar. Leemos todos los mensajes.