Salmos 34
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Leellisa Mootii Waan Maraatiif Dhikaatu
Daawiti akka maraata'aa te'ee, Abiimelek dura waan dhikaateef, Abiimelek isa ariinaan, yennaa achii deeme faaruu Daawiti faarfate.
1Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa;
isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu'u.
2Ani Mootii Waan Maraatiin ifi jaja;
worri cunqurfame dhage'ee gammaduu ti.
3Na woliin guddinna Mootii Waan Maraa odeessa'a;
maqaa isaa tokkumma'aan leellinnuu ti.
4Ani gara Mootii Waan Maraa daadimadhee,
innille deebii naa kenne;
waan sodaadhu mara jalaa na baase.
5Worri gara isaa ilaalu,
fuulli isaanii hin ifa;
isaan hin salphatanu.
6Namichi rakkataan kun isa waame,
Mootiin Waan Maraalle isaaf dhage'e;
rakkinna isaa mara keessaa isa baase.
7Ergamaan Mootii Waan Maraa
adaala worra isa sodaatuu hin qubata;
inni balaa jalaa isaan hin baasa.
8Mootiin Waan Maraa attam attam dansaa akka te'e
qorqora'aatii ilaala'a;
nami isatti baqatu ka gammade.
9Worri Mootii Waan Maraa sodaatu
womaa waan hin dhanneef,
isin worri isaaf woyyoontane,
Mootii Waan Maraa sodaadha'a.
10Dardarooti neenqaatuu dhabanee hin beelotan;
worri Mootii Waan Maraa barbaadu ammoo
waan dansaa hin dhabu.
11Ee ijoolle! Gara kiyya kowa'aatii, na caqasa'a;
ani Mootii Waan Maraa sodaatiisa isin hin barsiisa.
12Ka jiruu jaalatu,
waan dansaa dhaggiisaafille
bara hedduu ka halchu eennu?
13Arraba keeti waan hantuu irraa,
hidhii teeti soba dubbatiisa irraa eegadhu.
14Waan hantuu irraa fagaadhuutii,
waan dansaa godhi;
nageya barbaadiitii,
gula deemi.
15Ilti Mootii Waan Maraa
gara balchoole'ee ilaalti;
gurri isaalle iyya isaanii caqasa.
16Mootiin Waan Maraa
worra waan hantuu huju hin morma;
lafa irratti akka isaan hin qaabatanne godha.
17Yennaa balchooleen gara isaa iyyitu,
Mootiin Waan Maraa isaaniif hin dhage'a;
inni rakkinna isaanii mara keessaa
isaan hin baasa.
18Mootiin Waan Maraa
worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;
inni worra addii kutateeru hin baasa.
19Rakkoon balcha'aa baca'a;
Mootiin Waan Maraa ammoo
waan mara keessaa isa hin baasa.
20Inni lafee isaa mara hin eega;
lafee isaa keessaa takkaalle hin caddu.
21Hammeenni nama hamaa hin ijjeesa;
worra nama balchaa jibbu
yakkaan itti hin muranti.
22Mootiin Waan Maraa
jiruu tajaajiltoota ifii hin woda;
worra gara isaa baqatu keessaa
tokkolle'etti yakkaan itti hin murantu.
¿Sabías que…?
Un Cántico de Liberación y Sabiduría
- El encabezado del salmo vincula la composición con el episodio en que David fingió demencia ante un gobernante llamado Abimelec para escapar del peligro, enmarcándola como un himno de acción de gracias por la salvación recibida.Fuentes: el propio texto bíblico
- El poema pasa del agradecimiento personal a la enseñanza sapiencial, en la que el autor invita a sus oyentes como un maestro a sus discípulos para mostrarles cómo el lenguaje íntegro, la búsqueda de la paz y la reverencia a Dios guían a una buena vida.Fuentes: el propio texto bíblico
- Lejos de prometer inmunidad frente a la adversidad, el salmo reconoce que el justo enfrenta muchas aflicciones, asegurando que Dios está cerca de los de corazón quebrantado y de espíritu abatido.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org