Salmos 27
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Daadimata Waaqatti Addatiisaa
Faaruu Daawitii.
1Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
2Worri hamaaleyyiin foon kiyya nyaatiisaaf
yennaa natti dhufanu,
diinoti kiyyaa fi nyaapholeen tiyya
yennaa na lolanu,
isaanuu gufatanee hin jigan.
3Loltooti duudiin na marsanulle,
ani hin sodaadhu;
lolli yoo natti ka'elle,
ani Mootuma Waan Maraa addadha.
4Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le'u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
5Inni guyyaa rakkinnaa
mana ifii keessatti na hin eega;
Dunkaanii Woyyittii ifii keessatti na hin dhossa;
rassaa irratti ol na hin baasa.
6Achiin duuba diinota na marsaneeranu irratti
mataan kiyya ol hin jedha;
gammadaa ilillisaa addee dunkaanii isaatitti,
ciincaa isaaf hin dhikeessa;
faarfataa, Mootii Waan Maraa hin leellisa.
7Ee Mootii Waan Maraa,
ani yennaa si waamu,
naa dhage'i;
naa marariitii,
daadimata kiyya naa dhage'i.
8Gadhaan kiyya,
«Fuula isaa barbaadi» naan jedhe;
ee Mootii Waan Maraa,
ani fuula keeti barbaada.
9Fuula keeti na hin dhossin.
Ati aari'iin ana tajaajilaa keeti
ifi irraa hin fageessin;
ati qarqaarsa naaf teeteerta.
Ee Waaqa fayyisaa kiyya,
na hin gatin; na hin lakkisin!
10Abbaan kiyyaa fi haati tiyya
yoo na lakkisanelle
Mootiin Waan Maraa kiyya na hin fudhata.
11Ee Mootii Waan Maraa,
karaa keeti na barsiisi;
ani diinota hedduu waan qabuuf,
daandii qajeelaa irra na sooressi.
12Dhugaa baatoti dharaa
hunnaan waan na irratti ka'aneef,
fedhii diinota kiyyaatiif
dabarsitee na hin kennin.
13Lafa worra jiraata'aa keessatti
dansummaa Mootii Waan Maraa
akka dhaggu hin addadha.
14Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.

¿Sabías que…?
Confianza en la Protección y Presencia de Dios
- El salmo asocia repetidamente la seguridad divina con el espacio sagrado, describiendo la presencia de Dios como un refugio, una tienda y una casa donde el adorador puede contemplar la hermosura de Dios y ofrecer sacrificios con música y alegría.Fuentes: el propio texto bíblico
- Las amenazas descritas abarcan desde ejércitos acampados y guerras hasta peligros jurídicos y personales, en particular testigos falsos que se levantan respirando violencia contra el salmista.Fuentes: el propio texto bíblico
- La expresión buscar el rostro de Dios es fundamental en la súplica del salmista, pues representa el anhelo de comunión relacional directa y favor divino, en contraste con el ocultamiento o el abandono.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org