Salmos 21
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Galata Injifachaa Dhagganteef Dhikaate
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.
1Ee Mootii Waan Maraa,
mootichi jabeenna keetiin gammada;
injifachaa ati isaa kenniteen,
gammadi isaa attam attam gudda'a!
2Ati halchaa gadhaa isaa isaaf kenniteerta;
waan inni si gaafate ati isa hin dhoogganne.
3Eebba gudda'aan gara isaa waan dhutteef,
mataa isaa irra kallacha worqii qullu'uu keetteerta.
4Inni jiruu si gaafate;
atille bara dheeraa haga bara baraa isaaf kennite.
5Ati injifachaa waan isaaf kenniteef,
ulfinni isaa guddaa te'e;
ati ulfinnaa fi guddinna isaaf kennite.
6Eebba bara baraa isaaf kennite;
ati isa woliin waan jirtuuf, isa gammachiitta.
7Mootichi Mootii Waan Maraatitti addata;
sababa jaalala bara baraa ka Waaqa Ol Aana'aatiif,
inni hin raafamu.
8Harki keeti diinota keeti mara hin dhowa;
harki keeti middichi worra si jibbu hin qaba.
9Ati yennaa mudhattu,
akka barbada ibiddaa isaan gudda.
Mufii teetiin isaan hin fixa;
ibiddi isaan luxub godha.
10Ati sanyii isaanii lafa irraa,
hiddaa fi hidaada isaanii
ilmaan namootaa oddu'uu hin balleessita.
11Isaan yoo hantuu si irratti yaadane,
mala yoo sitti dhowane, isaaniif hin teetu.
12Ati guubee teeti gara isaanii hin qadda,
gara duubaa deebi'anee akka baqatanu hin goota.
13Ee Mootii Waan Maraa, jabeenna keetiin ka'i!
Nuuti faarfannee hunna teeti hin leellinna.

¿Sabías que…?
Acción de gracias por el rey
- El salmo está atribuido a David y dirigido al director del coro. Incluye el término litúrgico o musical hebreo «Selah» tras relatar que la petición de los labios del rey fue concedida.Fuentes: el propio texto bíblico
- El texto recurre a símbolos de la realeza, como una corona de oro puro, esplendor y majestad, para celebrar las bendiciones y la protección divinas. Destaca que el rey no resbalará gracias a su confianza en el Altísimo.Fuentes: el propio texto bíblico
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org