Salmos 148
Kitaaba Woyyuu · Toca un versículo para ver sus referencias cruzadas.
Dadi Marti Waaqa Leellisanuu Ti
1Mootii Waan Maraa leellisa'a!
Ol-gubbaa keessaa
Mootii Waan Maraa leellisa'a;
gubbaa olii keessatti isa leellisa'a.
2Ergantooti isaa marti,
loltooti isaa ta ol-gubba'aa marti isa leellisa'a.
3Ji'aa fi aduun isa leellisa'a;
isin urjooti ifa kennitanu marti isa leellisa'a.
4Isin ol-gubbaan ol gubbootaa,
isin bisaan ol-gubba'aalle isa leellisa'a.
5Isaan ajaja isaatiin waan dadamaneef,
maqaa Mootii Waan Maraa leellisanuu ti.
6Inni haga bara baraa
addee isaaniititti jabeessee isaan dhaabe;
seera hin jijjiiranne isaanii kenne.
7Bineensoti gugurdaan abbaayaa guddittii keessaa,
qileen abbaayaa gudditti'ii martinuu,
lafa irraa Mootii Waan Maraa leellisa'a!
8Isin balaqqeetti'ii fi dhakaan roobaa,
qorrii fi hurriin,
hobonbolattiin ajaja isaa muummessitanu,
9Gaarotii fi kooboti martinuu,
mukooti midhaan buusuu fi
birbirsooti martinuu,
10bineensaa fi horiin martinuu,
bineensoti lafa irra lootanuu fi
koolaan kaatanu martinuu,
Mootii Waan Maraa leellisa'a.
11Moototi lafaatii fi
gosi biyya adda addaa martinuu,
qondaaltotii fi bulchitooti lafaa martinuu,
12dargaggeeyyiin dhiiraatii fi durraa,
jaarsole'ee fi ijoolleen,
Mootii Waan Maraa leellisa'a!
13Maqaan isaa callaan
ka saadame waan te'eef,
ulfinni isaa lafaa fi
ol-gubbaa irra waan jiruuf,
isaan maqaa Mootii Waan Maraa
leellisanuu ti.
14Kolbaan isaa Israa'elooti,
worri isatti dhikaatanu,
addatantooti isaa akka isa leellisanu,
jabeenna isaaniif kenne.
Mootii Waan Maraa leellisa'a.

¿Sabías que…?
Alabanza universal del cielo y de la tierra
- El Salmo 148 está estructurado como un inventario cósmico integral que convoca a cada nivel de la creación a alabar a Dios. Comienza en las alturas celestiales con ángeles, huestes celestes, el sol, la luna, las estrellas y las aguas superiores, antes de descender a la tierra.Fuentes: el propio texto bíblico
- La sección terrenal abarca fenómenos meteorológicos, relieves, árboles, animales salvajes y domésticos, así como todos los sectores de la sociedad humana, desde reyes y gobernantes hasta jóvenes, doncellas y ancianos.Fuentes: el propio texto bíblico
- El himno concluye su amplio recorrido enfocándose en el pueblo del pacto, señalando que Dios ha levantado el poder de Sus fieles y describiendo a Israel como un pueblo cercano a Él.Fuentes: el propio texto bíblico · Jacob (Israel)
Notas escritas con ayuda de IA a partir de fuentes abiertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, dominio público) y revisadas antes de publicarse.
Créditos y licencia de esta traducción
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fuente: http://ebible.org/gax/ · eBible.org